Oduu Haaraya

BAKAR WAAREE EENYU??

 

Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa kan Amajjii 6 bara 1887 Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo Harargee kan gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu giddutti akka ture ni himama. Gootichi kuniis iddoon dhaloota isaa Aanaa jaarsoo bakka Laga Mixee
jedhamtu keessatti yammuu tahu inniis gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii bareentummaa jedhamtee beekamtuu fi Addeellee maadheftattee fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa birmajii yeroo sanaati. Keessattuu dhaddacha mooraa fugug tan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa (Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu ) keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii addaa durmmaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan tureedha. Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii
hoggansaa jalqabummaan horateedha.

Fakkeenyaaf; warrii dubartootaa(haawwan) eenyummaa nama kanaa ibsuudhaaf helle keessatti akkas jedha yammuu faarsan:-
“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …

Warrii dhiirootaa immo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsu:-
“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu,
Yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu,
Gootummaan duranii roorroon ittiin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu” jedhanii
faarsuun eenyummaa isaa ibsan.

Kanaaf, Oromootni Baha oromiyaa, Harargee keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen qalloo afaran /afran qallo/ jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijooleen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan. Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Fillannoo kana irrattiis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya,
Afran Qalloo irra, Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo
waan taheef haala waliigala waraana sanii hogganuu hin dandeenye.

Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:-
=> Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isaa ol’aanaafi hanga murtiin isaanii guutamuufittii humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cima jedhamee himama fkn waraanaa(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa
akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama.
Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama.

=> Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murtii guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaa kennamu akka leenjii garee murtii guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree
jedhamtuttii yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.

=> Saddaffaan, Garee qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu gareen kuniis nagaya eegduu (poolisii naannoo) jedhamuun beekamti. Fkn yeroo gareen murtii guutoo fi raaree diina saanii waliin dirree waraanaa irrattii falmii gochaa jiran akka diinii kun kallattii biraatiin itti hin
dhufne warreen eegan jedhama. Leenjiin garee kanaa kennamuus sochii qaamaa dabalate akka bifa kaaraatee ammayyaa fakkeessanii muka jajjabaa kanneen akka ejersaa dumucaan cabsuudhaan leenjii fudhata jedhama.
Akassumaas meeshaan waraanaa kan gareen kun loluun xiyyaa, mencaafi kan akka qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama. Leenjisaan garee tanaatiis akkuma garee raareettii riyyaa jedhamuun beekkama.

Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya akkuma beekkamu lolli calii calanqoo irratti gaggeeffame irratti gootichi hogganaa waraana oromoo tahe Bakar Waaree gootummaa fi onne qabeessummaa isaarraa kan ka’e miila isaa kan irraa cite osoo ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture tahuu isaatu himama. Miilli isaa eessatti fi akkamiitti akka irraa cite wanni beekkamu waan hin jirreef achi buutee tahe. Warri harargeetiis akka afoola ykn maakmaaksaatti jecha kana itti fayyadamuun waan tasa badee hin argamne takka “Achi buutee miila Bakar Waaree” jadhanii himu. Yaadannoo gooticha kanaatiifiis siidaan yaadannoo farda isaa waliin siidaa yaadannoo wareegamtoota calanqoo kan dhiheenya kana eebbifame keessatti ijaarameefii jira. Gama kaaniin tulluun fuul dura iddoo siidaan itti ijaarame gamatti argamtu durumarraa tulluu Bakar Waaree jadhamuun beekkamti. Waraanni murti guutoo kan isaan hogganamuutu achirra qubatee ture jadhama.
__________// Xumurame \\___________

Galatoomaa.
Maddi:- Manguddoota Oromoo irraa.
Kan sassaabee:- ‪#‎Sufian_Abdalla‬
Qindeessaan:- ‪#‎Saphaloo_Kadiir‬

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Vicious cycle of political conflict hindered realization of democracy via development of antagonistic ideologies in Ethiopia (1870 – 2020)

*By Malkamuu Jaatee, June 2020 Introduction  The vicious cycle of political conflict sustained in Ethiopia …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *