Thursday, 09.09.2010, 08:16am (GMT)
  Home
  FAQ
  RSS
  Links
  Site Map
  Contact
 
Hamma (hanga) yaadni Itiyoophiyaa takka jedhu sammuu keessa jirutti walfaanummaa saboota walabaatiif yaaduun rakkisaa ta'a ; Social and Civil Rights Movement ; Q&A with Oromo youth leader and analyst Jawar Mohammed ; ' Sa'a Abbaan Gaafa Cabse Ollaan Ija Jaamsa' Oromummaa Keenya Dhugumatti Ni jaalannaa Laata? ; Gandummaa, Naanummaa, Amantii fi Oromummaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti
::| Keyword:       [Advance Search]
 
NAVIGATION  
  Oduu Oromoo
  Oduu G. Afriikaa
  Oduu Addunyaa
  Afaan Oromoo
  Aadaa Oromoo
  Buhaarsaa
  Joollee
  Marii
  Seenaa Oromoo
  Amantii
  interneet
  Viidiyoo
  Fayyaa
  Ispoortii
  Raaga qilleensaa
  ::| Newsletter
Your Name:
Your Email:
 
 
 
 
Buhaarsaa
 
Lafeen wareegamtootaa qoree taatee si haa waraantu!
Saturday, 01.30.2010, 05:23pm (GMT)

Oromummaa dhugaan kalee manaa baanee

Diinaan jilbiiffannuun qabsaa'uuf murannee

Hadhaa fi cinqii meeqa dhandhamannee

Har'a guyyaa keessaa maaliif jijjiiramnee?

Irbuu kaleessaa san dhiiroo ni dagannee?

 

Qabsoo gootoonni itti wareegaman,

Barataaf barsiisaan itti ajjeefaman,

Hayyuu fi wallisaan hidhattiin roorifaman,

Sabaaf maal qoodaniit qabsoo tana bocolan?    

 

Qabsoo saba bal'aa kan waggaa soddomaa

Kaayyoon isii sirrii maqaanis tokkumaa

Hawaasni hin qabu shakkiis tahe mama

Hawwiin teenya guddoon arguu bilisummaa

Man-tokko jaaraa citaa maaf wal saama?   

 

Waluu numa dhabu arrabaaf ilkeenii

Yoo wal dhabanis furuu nagayaanii

Wal dhabbii uumameef maaluma furmaanni?          

Dura beekuu qabu gubbarraa kaasanii

Bu’uurri wal dhabbii maaluma rakkinni?

Rakkoo jirtu furuu maaliif dadhabanii?

 

Qabsoo waggaa dheeraa duubatti harkisuu,

Iccitii dhaabaa diinatti geessuu,

Hayyuuf qabsaawaa maqaa xureessuu,

Aangoof bololanii dhaaba faalleessuu,

Kun maaliif tahe maaliif nu rakkisuu?

 

Tan bololaniif hoo tami aangoon tunii?

Wilii hin bilisoomnee,maaliif jarjaranii?

Jaluma deemuuf abbaa godhatanii

Qabsoon abbaan qabdu qabsaawaa abbaanii.

Akkas tahuu kana maaliif dagatanii?

 

Kan qabsaawaniif diina fonqolchuudha

Bilisummaa dhugaa harakatti galfachuudha

Ifiin if bulchinee Oromummaan boonuudha

Ifiif wal nyaachuun hoo dhiiroo mee sirriidhaa?

 

Yaa kan of nyaattee eenyummaa kee gurgurtu,

Kan diinatti galtee achirraa geerartu,

Yaa kan alagaatti galuuf ammallee hamiltu,

Irbuu kalee seente kan dagattu,

Kutaa fi gandaan kan addaan nu baaftu,

Yaa jeeyxu yaa saba rakkiftuu

Haqni Oromootaa si haa gaafatu

Lafeen wareegamtootaa qoree taatee si haa waraantu!

Dhiigni gootoowwanii garba ta'ee si haa nyaatu!

 

Kanneen qabsotti jirtan isin qabsaahoonni,

Dhugaaf manaa baatan lubbuu kannitanii

Summii isin seenteef hamileen cabinii

Wabii bilisummaa isiniin boonanii,

Qabsoo itti fufi dhihotti galiinii!

Qabsoo itti fufi dhihotti galiinii!

                                          

                                           Najiib

                               Marsimoonaa@hotmail.com


Comments (6)        Print        Tell friend        Top


Other Articles:
OLQABAA-KAA ODAA Taammanaa Bitimaa irraa Gaaddisa Oromoo Teessoo lammii-qomoo Olqabaa-kaa (12.18.2009)
Yoomi laataa guyyaan tokko taanu (10.31.2009)
Irreecha in Washington DC (09.30.2009)
I don't know where I would be (09.19.2009)
Guyyaa Atoomsa Hawaasaa fi Hawaasa Oromoo naannoo Melbourne (Australia) (07.14.2009)
Michael Jackson: the life and times (06.26.2009)
DHUKKUBSATAA GANDAA!!!!! (06.25.2009)
City man’s dream of becoming a Canadian about to come true (05.26.2009)
Sooreessi Lammi biyya Faransaa tokko, intala sanyii mootii Jimmaa Abbaa Jifaar fuudhe (05.12.2009)
The King of Ethiopian Music, Tilahun Gesesse dies at the age of 69 (04.20.2009)



 
  ::| Events
September 2010  
Su Mo Tu We Th Fr Sa
      1 2 3 4
5 6 7 8 9 10 11
12 13 14 15 16 17 18
19 20 21 22 23 24 25
26 27 28 29 30    
 
 
 
::| Hot News
Jimma University has bestowed honorary doctorate degrees on Artist Ali Birra and Awura Amba Leader and philosopher Zumra Nuru
African students get role models
Award winning Boonaa Mohammed on using Poetry to fight Evil
Lafeen wareegamtootaa qoree taatee si haa waraantu!
OLQABAA-KAA ODAA Taammanaa Bitimaa irraa Gaaddisa Oromoo Teessoo lammii-qomoo Olqabaa-kaa
Yoomi laataa guyyaan tokko taanu
Irreecha in Washington DC
I don't know where I would be
Guyyaa Atoomsa Hawaasaa fi Hawaasa Oromoo naannoo Melbourne (Australia)
Michael Jackson: the life and times

BILISUMMAA NEWS EXPRESS
[Top Page]