Yeroon tokkummaa dhugaa barbaadan yoomiyyuu caalaa amma
Abdii Boruutiin
Bara gabrummaa jalatti kufee kaasee uummanni Oromoo qabsoo bilisummaa
hadhaawaa otuu hin godhin dabree hin beeku. Ba'aa bu'ii hamma kana hin jedhamne
keessa dabree, wareegama guddaa kaffalee, sadarkaa har'a irra jiru kana akka
ga'e seenaa tu ragaa ta'a.
Haalli amma Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessumaayuu mooraa Adda
Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti uumame kun yeroo hundaa caalaa abdii
kutachiisaa fakkaatu illee, hamilee uummata keenyaa cabsee qabsoo bilisummaa fi
walabummaa irraa takka illee hanqisuu ykn hanbisuu hin danda'u. Qabsoon akka
ibiddaa boba'aa jiru kun kan dhaamu yoo Oromoon bilisa ba'e fi Oromiyaan walaba
taate qofaa dha malee diinas ta'ee gantuuleen diina jala kaatan dhaamsuu hin
danda’an.
Haa ta'u malee gaafii guddaan ka'uu qabu: Yoomiyyuu caalaa qabsoo kana
akkamitti finiinsuu ykn cimsuu dandeenya? kan jedhu dha. Gaafii kana ammoo
qabsaa'ota qofaa otuu hin taane Oromoon hunduu kaasuu qabu; ofi illee gaafachuu
qabu. Har'a Oromoon hunduu kan bilisummaa ofii fi walabummaa biyya ofii
(Oromiyaa) barbaadan ykn hawwan bakka jiranitti qabsaa'ota ta'uu qabu. Taa'anii
kan biraatti quba agarsiisuu yookaanis kan biraa irraa waa eeguu otuu hin taane
hamma danda'an, waan danda'an, karaa danda'aniin gayee ofii gumaachuun
barbaachisaa dha. Yoo akkanatti tumsa walii ta'anii, wal gargaaranii, humna
cimaa horatanii qabsoo kana waliin finiinsan qofaa dha kan bilisummaa fi
walabummaan dhiyaachuu danda'an. Yoo kuni hin ta'in wanti hunduu achi nurraa
fagaachaa deemu jechuu dha. Diinnis hammuma kana umrii bittaa dheereffata.
Akkuman kanaan dura illee barruulee kiyya garagaraa keessatti yeroo baay'ee
kakaasee ture, furmaanni ykn malli guddaan kan QBO cimsu tokkummaa dhugaa cimaa
dha. Tokkumman dhugaa kuni ammoo tokkummaa qabsaa'otaa, gurmuulee fi
jaarmayoota Oromoo ta'u illee kan kanuma qofaan hafu otuu hin taane tokkummaan
ilmaan Oromoo hundaatuu murteessaa dha. Kuni sirumaa hunda dura ta'uu qaba
jedheen amana. Maaliif yoo jenne, yoo Oromoon hunduu tokkoome fi Oromummaan
guddate fi dagaage qabsaa'ota fi jaarmayoota bilisa baasaa keenya irratti illee
dhiibbaan godhamuu danda'a jechuu dha. Dhiibbaa qofaa otuu hin taane deeggarsi
cimaan illee kan godhamuuf yoo Oromoon hunduu waliigalanii fi tokkoomanii dha.
Kanaaf tokkummaan dhugaa hundeen isaa ilmaan Oromoo hunda irraa jalqabuu qaba.
Yoo kuni cime tokkummaan dhugaa kan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayootaa
cimaan tokko ijaaramuu danda’a.
Tokkummaan ilmaan Oromoo kan guddatu fi cimu yoo Oromummaan cime dha.
Oromummaan ammoo guddachuu fi dagaaguu kan danda'u yoo akka Oromootti eenyummaa
keenyaaf dursa kennine dha. Oromoon bakkee fe'etti haa dhalatee guddatu, bakkee
fe'ee haa dhufu, bakkee fe'e haa jiraatu, amantii ofii kan fe'e haa qabaatu
garuu isaan kanaaf dursa kennee, eenyummaa (Oromummaa) ofii achi aansee ykn
dagatee wal qoqqooduun akka uumamu godhun irraa hin eegamu jechuu dha.
Amantii fi ilaalchi siyaasaa kan dhuunfaa ti, Oromummaan garuu kan walii ti.
Kan waaqni/rabbi dhalootaan nuuf kenne dha. Eenyummaa uumamaan argannee dha.
Kanaaf kuni hunda dura dhufuu qaba. Mee fakkeenya tokkon kaasa. Daa'imni takka
yoo dhalattu amantii wajjin hin dhalattu. Bakka itti dhalatte illee kan
gaafattu fi beekuu barbaaddu yoo guddattee of barte booda dha. Hunda dura kan
ishiin addaan baaftee hubattu haadha fi abbaa ofii ti. Eenyummaa ofii beekuu
jechuu dha. Nuyis ilmaan Oromoo hunduu akkanumatti ilaaluu fi ilaalamuu qabna.
Oromommaa keenya tu hunda dura dhufa.
Yoo waayee qabsoo bilisummaa fi walabummaas kaafnnu, kuni kaayyoo fi galii
hunda keenyaa ti. Gabrummaa jalaa ba'anii bilisummaa ofii argatanii biyya ofii
kan walaba taate keessa gammachuu dhaan waliin (wajjin) jiraachuun hawwii Oromoo
hundaa ti jedheen amana. Diinni keenya illee kan nu gabroonfatu fi yoo kanaan
morminu nu balleessuu kan barbaadu akka Oromootti malee akka naannoo fi kutaa
keessaa dhufnee fi keessa jirruutti yookaanis akka amantii qabnuutti miti. Ija
diinaatiin Oromoon tokkuma. Haa ta'u malee naannoo, kutaa fi amantii dhaan akka
wal qoqqoodnu kan godhu, gara gara nu hiruu kan yaalu, nu dadhabsiisu fi kophaa
kophaatti nu balleessuuf tooftaa bittaa godhata malee diinni isaa Oromoon isaaf
tokkuma.
Egaa Oromummaan eenyummaa keenya akka ta'e otuu beeknuu, ilmaan abbaa fi
haadha tokkoo taanee ija alagaa fi diinaa duratti wal qoqqoodnee diinaaf ammoo
meshaa bittaa ta'uun hiika hin qabu. Diinnuu akkaataa fi haala keenya kana
hubateeti akka ofiif barbaade nu godhaa jira. Biyya keenya irratti illee abbaa
biyyaa ta'ee akka barbaade fi waan barbaade kan godhu haala keenya hubatee,
dadhabbii keenya argee, nu tuffatee, eenyu tu maal na godhuu danda'a jedhee ti.
Dhugaa dubbachuu dhaaf numatu akka diinni nurratti cimu godhe ykn godhaa jirra.
Kuni ammoo maaliif ta'uu danda'e? Akka ilaalcha kiyyaa fi natti fakkaatutti
kuni ta'uu kan danda'e: eenyummaa (Oromommaa) dagannee waayee gara garaatiin
wal qoqqooduu; kan kanaan ka'e waliigaltee dhabuu; kaayyoo fi galii booddee
tokko otuu qabnuu (otuu hawwii tokko waliin qabnuu) kana ammoo bakkaan ga’uuf
harka walqabannee qabsoo waliin cimsuu dhiifnnee fe'ii fi dhimma keenyaaf dursa
kennuu dha. Dadhabbii guddaan kana jedheen amana.
Har'a illee mooraa QBO keessumaayuu mooraa ABO keessatti mul’achaa kan jiru
sababni isaa akkuman asitti kaase kana jedheen yaada. Namoonni tokko
tokko dhuguma qabsoo bilisummaa Oromoof jedhanii otuu hin taane fe'ii, dhimma
fi bu'aa mataa ofiitiif jedhanii yeroo dheeraa qabsoo kana keessatti of
dhoksanii akka turan kunoo dhugaan dhokattee eessayuu waan hin geenyeef
iccitiin jirus ifatti ba'aa jira.
Ani akka natti fakkaatutti waayeen akkanaa kuni jalqaba malee dhuma akka
hin taane dha. Kan qabsoo kan gananii diinatti harka kennatan silaa beekamnii
jiru. Amma illee yaada akkanaa kan qabani fi gochaa akkanaa dalaguu kan
danda'an hin dhabaman jedheen yaada. Iccitiin biraas yoo jiraate ifatti ba'uun
isaa hin oolu jechuu kooti. Yeroo ammaa waanuma hundatu shakkisiisaa fi
mamsiisaa dha. Obboleessa fi obboleettii ofiituu amanuun rakkisaa ta'ee jira.
Qabsoon bilisummaa uummata tokkoo ammoo baay’ee baay’ee ulfaataa dha. Wal
amantiin yoo hin jiraanne kaayyoo tokko galii dhaan ga’uun rakkisaa fi ulfaataa
dha.
Kaayyoo fi qabiyyeen barruu kiyyaa kan har'aa yeroon ammaa yoomiyyuu caalaa
tokkummaa dhugaa waan nu barbaachisuuf kuni ammoo hamma danda'ametti dafee akka
ta’u dhaamsa kiyya Oromoo hundaafuu keessumaayuu qabsaa'ota dhugaa fi
jaarmayoota Oromoo kan bilisummaa fi walabummaa dhaaf qabsaa'an hundaafuu
dabarsuu dha.
Kan dabre irraa barannee, dadhabbii keenya hubannee, maaliif galii hawwine
otuu hin ga'in akka turre of duuba gara gallee ilaaluu dhaan xinxxaallee, garaa
garummaa nu jidduu jiru dhiphifnnee kanaaf illee dafnnee furmaata fi mala
waliin barbaadnee, waliigaltee goonee, qabsoo kana haaroomsuu fi bifa biraatiin
(aayinaa biraatiin) cimsuu dhaaf tokkummaa dhugaa ijaaruu fi humna cimaa
horachuu dha.
Tokkummaan akkanaa kun yoo dafee ijaarame gantuulee ija isaanii balleessee
akka isaan hin argine; gurra duuchee akka hin dhageenye; afaan cufee akka hin
dubbanne waan godhuuf akka gochaa isaaniitti qaana’an godha jechuu dha.
Hamileen qabsaa’ota dhugaa fi uummata keenyaas akka guddatu taasisa. QBO
yoomiyyuu caalaa akka finiinu godha. Diina fi gantuulee isa jala kaatan haxaawaa
deemee daandii qabsoo bilisummaa fi walabummaa gabaabsa, galii booddee as
dhiyeessa. Fira Oromoo gammachiisee diina fi gantuu qaanessa. Yeroo gabaabaa
keessatti injifannoo guddaa agrsiisa.
Egaa kuni akkanumatti hawwii’umaan kan ta'uu miti. Kan laayyootti godhamuu
miti. Wareegama barbaachisa. Kuni qormaata guddaa dha. Yeroon qormaata kana
dabruu qaban amma. Kanaaf walumaagalatti qabsaa'otas ta'ee jaarmayoonni Oromoo
kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf qabsaa'an hunduu garaa garummaa
isaan jidduu jiru dhiisanii kaayyoo fi galii booddee tokkotti amanuu dhaan, isa
kana ammoo waliin bakkaan ga'uu dhaaf waliigaltee uumuu qabu. Waliin haasa'uu
fi mari'achuu qabu. Furmaata fi mala waliin barbaaduu qabu. Akkuma dhalootaan
tokko ta'an kaayoo dhaanis tokko ta'uu qabu. Tokkummaa dhugaa cimaa uumanii
kana jalatti waraan cimaa ijaaruu qabu. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)
tokkoomsuu fi cimsuu qabu. Hamileen WBO yoomiyuu caalaa akka guddatu fi
diinarratti akka leencaa akka baroodu godhuu qabu. Hamileen uummata keenyaa fi
qabsaa'otaa kan gochaa gantuutiin tuqame deebi'ee jabaachuu qaba. Qabsaa'onni
dhugaa tokkoomanii harka walqabatanii uummata Oromoo kan qawwee diinaa jala
jiruuf sagalee tokko dabarsuu qabu. Isiniif dhufaa jirra, isin dhaqqabuuf
jedhanii deebisanii abdii horachiisuu qabu. Abdii horachiisuu qofaa otuu hin
taane dafanii injifannoo tokko agarsiisuu fi bu'aa tokko fiduu qabu. Oromoon
hunduu qabsoo kana duuba akka hiriiran godhuu fi humna cimaa horachuu qabu.
Kuni hunduu ta'uu kan danda'u yoo tokkummaan dhugaa ijaarame qofaa dha. Yeroon
tokkummaa akkanaa barbaadnu ammoo yoomiyyuu caalaa amma. Injifannoon uummata
Oromoof akka ta'u mamiin takka illee hin jirtu. Jabaadhaa. Galatoomaa. Hamma
walitti deebinutti nagaan turaa.