Walabummaa dura fi walabummaa booda
Abdii Boruutiin
Jaarmayoonni bilisa baasaan keenya
maal jedhu?
Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO)
ilaalchisee yeroo ammaa intarneeta irratti marii oo'aan waan godhamaa
jiru fakkaata. Barruulee gadaa.com
irratti dhiyaatani fi yaada namoonni
gara graaa achirratti kennan hundaa dubbisuu yaaleen ture. Barruulee
kana keessaa tokko kan Obboo Fayyis Oromiyaa ti. Obboo Fayyis barruulee
isaa kan adda addaa keessatti QBOn akkamitti galii booddee ga’uu akka
danda’u kaayyoo fi karaa sadarkaa saditti hiree ibse. Isaan kanas
I-Kaayyoo, kan yeroo gabaabaa, M-Kaayyoo, kan yeroo jiddugaleessaa fi
E-Kaayyoo, kan yeroo dheeraa jedhee dhiyeesse. Barruu isaa kan dhiyoo
kana ba’e keessatti filannoo dhufu ilaalchisee yaada isaa akka ifa
godhe fi kanuma wajjin wal qabsiisee “Fayyis Oromia’s Ethiopian
Political Spectrum” kan jedhu tokko akka dhiyeesse ni yaadatama.
Yaada'uma isaa kana fi kan namoonni
gara garaa dhiyeessan wajjin wal qabsiisee anis barruu kiyya kan har’aa
keessatti waan tokko tokkon kaasuu barbaada. Asirratti wantin
hubachiisuu
barbaadu akkuma yeroo biraa, ilaalcha fi yaada kiyya dhiyeessuu dhaaf
malee, namoota, garee, dhaaba ykn jaarmayaa tokkotti hirkadhee yaada
fi kaayyoo isaanii deeggaree kan biraa balaaleffachuufi miti. Akkan
ofii kiyyaa yaadu fi uummata Oromootiif gaarii ta’uu danda’a jedhee
kanan itti amanun barreessa jechuu kooti. QBO kana keessatti wanti irraa
baratamuu fi muuxannoo irraa argachuu danda’amu, yoo ofiif humna cimaa
hin qabaanne orma wajjin hojjetanii galii hawwame ga’uun akka hin
danda’amnee dha. Gabaabumatti humna Oromoo cimaatu galii hawwameen
nu ga’uu dhaaf waabii ta’uu danda’a jechuu dha. Waanan kana jedheef
mee fakkeenyota tokko tokkon kaasuu barbaada. Haa xinnaatus haa
baay’atus
Impaayara kana keessatti jijjiiramoonni dhalatan hunduu QBO irraa
burqan.
Bara 1974 Darguun mootummaa H/Sillaasee
akka fonqolchu kan taasise QBO akka ibiddaa boba'aa achi ga'e ture.
Yoo kan yaadannu ta'e sochii sana keessatti ilmaan Oromoo gayee guddaa
taphatani. Jalqaba irratti sochiin sun kan hogganame illee ijoollee
Oromootiin ture. Jijjiiramni ykn bu’aan inni fides tokko lafti kan
qotee bulaa akka ta’u godhuu dha. Impaayara keessatti jijjiirama guddaa
kana haa fidu malee gaafii uummata Oromoo deebisuu hin dandeenye. Warra
gaafii uummata Oromoo kaasuu yaalani illee Darguun sabab adda addaa
itti uumee akka rukutamani fi dhuman godhe. Warri kana irraa hafani
fi xinnaatus qabsoo kana ittifufuu danda’an akka ABOn jiraatu fi guddatu
godhan. ABOnis uummata Oromoo keessatti guddatee fi dagaagee bara 1991
jijjiiramni biraa akka dhufu godhe.
Bara 1991 mootummaan Darguu akka kufu
kan taasise; uummata Oromoof qofaa otuu hin taane uummatoota
cunqurfamtoota
birootiif illee aduun akka baatu kan godhe fi abdii guddaa kan itti
horachiise ABO ture. ABOn cimuu fi deeggarsa guddaa akka argate yoo
hubattu Wayyaaneen tooftaa fi tarsiimoo jijjiirrattee, suuta suuta humna
harka ishiitti galfattee, booddee irra akka ABOn mootummaa ce’umsaa
keessaa ba’u goote. Waraanni bilisummaa Oromoo (WBOn) illee
akka miidhamu godhamee humni jijjiirama tokko uummata keenyaaf fiduu
danda’u sun rukutamee, laafee hafe. Egaa kun hunduu kan ta’e ykn
godhame damaqinsa dhabuu, of dagachuu fi orma amananii miidhama keessa
galuu dha. Waayeen kuni ammoo gara fuulduraatti muuxannoo guddaa ta’uu
qaba. Barumsi guddaan irraa argatamuu qaba. Wal malee orma ykn alagaa
abdatanii fi amananii of dagachuun ammas miidhaa akkanaa nutti fiduu
danda’a.
Ani akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti
MEDREKs ija’uma kanaanan ilaala. Bu’aa fi jijjiirama nuuf hin fidan
jechuu kiyyaa miti. Tarkaanfii tokko fuulduratti nu geessuu danda’u
jedheen yaada. Mee isaanumtuu filannoo kana moo’anii Wayyaanee
faashistii
kana buqqisanii achi haa darban malee uummata keenyaaf bu’aan tokko
hin dhufu jechuu miti. Wantin ani jechuu barbaade ammas akkuma dur orma
wajjin yoo hojjennu, isaan amannee, of dagannee rakkoo biraa keessa
akka hin galle dha. Damaqinsa guddaa dhaan wajjin hojjechuun baay’ee
barbaachisaa dha. Keessumaayuu baay’ee murteessaan ammoo humna cimaa
duubaa qabaachuu ykn horachuu dha. OFCn MEDREK keessa jiru jechuun galii
hawwine ga’uu dhaaf waabii nuuf ta’u jechuu miti.
MEDREKs taanan abdii irraa qabaannu
illee,
gara tokkoon warra “article 39” gaafii keessa galchani dha. Artikilii
barbaachisaa akkanaa kan fe’ii fi mirga uummattootaa jabeessu, kan
hiree murteeffannaaf karaa gaarii baasu ni kaafnna jechuun isaanii
diimookraatummaa
faallessa. Kuni ammoo walabummaa sabootaatti karaa cufuu danda’a.
Isaanis kanuma sodaataniiti article kana kaasuu barbaadan natti
fakkaata.
Yoo kana ta’e ammoo akkamitti gara walabummaa fi walfaanummaa itti
deemuu dandeenya? Jarri kunis yoo filannoo injifatanii mootummaa
dhaabanii,
waanuma hundaa harka ofiitti galfatan booda toofta fi tarsiimoo isaanii
jijjiiranii rakkoo nutti uumuu waan danda’an hin fakkaatuu? Waanuma
ta’eefuu Wayyaanee caalaa badaan kan dhufu natti hin fakkaatu. Akka
waan badaan illee nutti hin dhufnne ammuma itti yaaduu nu barbaachisa.
Kanaaf ammoo mallii fi furmaanni waliigaltee uumuu, tokkoomuu, tokkummaa
dhugaa ijaaruu, humna cimaa horachuu, duubaan, keessa fi alaan qabsoo
finiinsuu dha. Yoo humni cimaan duuba jiraate galii keenya kan booddee
irraa kan nu hanbisu hin jiru. Yaa ilmaan Oromoo, kan dabre irraa
baradhaa,
tokkoomaa, tokkummaa caalaa humni biraa hin jiru. Orma wajjin hojjedhaa
malee hin abdatinaa, orma irraa qofaa waa hin eeginaa. Dammaqinsaan
bitaa fi mirga ilaalaa. Balaa nutti dhufuuf deemu alaalatti arggaa,
yeroo dhaan mala barbaadaa.
Yaada Fayyis Oromiyaa dhiyeesse itti
deebi’uu dhaaf, akkuma inni barruu isaa keessatti ibse, kaayyoo yeroo
gabaabaatti kan nu geessu OFC (MEDREK) yoo ta’u kuni walabummaa dura
ta’a. Kan kaayyoo yeroo jiddugaleessaatti (walabummaa Oromiyaatti)
nu tarkaanfachiisu ULFO dha. Kanatti fufee kan kaayyoo yeroo dheeraatti
nu geessu AFD dha. Kuni ammoo walabummaa booda ta’a jechuu dha.
Gabaabsee
yoon ilaalu karaan kun: OFC (MEDREK) ® ULFO ® AFD yoo ta’u, OFC ® I-Kaayyootti, ULFO ®
M-Kaayyootti, AFD ® E-Kaayyootti nu geessu jechuu dha. Akka ilaalcha
kiyyaatti, yaada, karaa fi tarsiimoo gaarii dha. Asirratti garuu
ABO garee sadeen yoo ilaalle, ULFO keessa akka miseensaatti kan amma
jiru ABO QC ti jedheen yaada. AFD keessa ammoo hamman beekutti SG ABO
ti. Kana Fayyisis barruu isaa keessatti ibsee jira. KY ABO warra
jijjiiramaa
ilalchisee wanti beekamu hin jiru. Miseensa ULFO ta’ani fi kan AFD
ta’anii wanti ifa ta’e hin jiru jechuu kooti.
Egaa ABO garee sadeenis ta’ee
jaarmayoonni
hafan kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyatiif qabsaa’an yaada
Fayyis kana irratti maal jedhu? Karaa kaayyoo sadeen kana (I,M E) wajjin
(waliin) deemuu barbaaduu? Haaldureen jiraachuu ni maluu? Nuyi kan
qabsoofnnu
walabummaa Oromiyaatiif waan ta’eef kan sana booda ta’u kaayyoo
keenyaa miti jechuun hin dhufuu? AFD ilaalchisee gareen tokko qofaa
miseensa ta’ee wajjin (waliin) hojjechuu kan barbaadu yoo ta’e rakkoon
uumamuu hin danda’uu? Yoo kuun garana, kuun garas kan deeman ta’e,
waliin mari’atanii yoo waliigaltee tokkoon hin goone, ammas mooraa
QBO kana keessatti wal dadhabsiisuun hin dhufuu? Yaada, kaayyoo fi karaa
tokko irratti waliigaluu danda’uu? Gaafiileen kana fakkaatan kan ka’uu
danda’an baay’ee dha.
Ani akkan yaadutti fi akka hawwii
kiyyaatti,
gabaabbatus dheeratus kaayyoo fi karaa tokko irratti waliigaluun baay’ee
barbaachisaa fi murteessaa dha. Yoo kuni hin taane diina dhiisanii
waliin
mormuutu dhalata; olola walirratti godhuu fi wal dadhabsiisuutu dhufa.
Akkuma amma argaa jirru humni keenyas ni laafa. Kuni dhaabbachuu qaba.
Kaayyoon humnoota bilisummaa Oromoo kan hundaatuu walabummaa Oromiyaa
akka ta’e mamiin waan jiru natti hin fakkaatu. Walabummaan biyya keenyaa
haa argamu malee kan isa booda dhufus (walfaanummaa kan jedhamu) waan
rakkoo fidu natti hin fakkaatu. Galii guddaan Oromoo hundaatuu
walabummaa
Oromiyaa ti jedheen amana. Yoo kana arganne, walfaanummaan ta’us ta’uu
baatus; kanarratti waliigalteenis yoo dhabame, biyya keenya dureettii
keessatti nagaa fi gammachuu dhaan jiraachuu ni dandeenya. Waan hundaa
qabnna, kan nu hin qabne hin jiru. Walfaanummaas kan barbaadnu yoo ta’e
ammoo kuni hundaafuu bu’aa guddaa fiduu bira dabree nagaa fi tasgabbii
gaafa Aafrikaatiif hundee ta’uu danda’a jedheen yaada. Guddina fi
dagaagina diinagdeef karaa gaarii dha. Erga walabummaa keenya argannee
sana booda kan nu miidhu waan jiraatu natti hin fakkaatu. Kanaaf
walfaanummaa
kan hin barbaadneef sababni waan jiru natti hin fakkaatu jechuu kooti.
Waanuma ta’eefuu yoo haalli gaariin
argamee, uummanni Oromoo hiree ofii murteeffachuu kan danda’u ta’e,
galii isaas isumatu murteeffata jechuu dha. Haalli gaariin kun akka
argamu ammoo waliigaltee uumuu, tokkoomuu, kaayyoo tokkoof karaa tokko
wajjin deemuu dha. Waliin mormuu, wal irratti duuluu, karaa wal cufuu,
humna offi laaffisuu dhaabuu dha. Mee asirratti metaphor Fayyis kaase
tokkon irra deebi’a. Inni kunis QBO ilaalchisee fakkeenya baabura
Jibutii dhaa ka’ee gara Finfinnee deemuu ti. Namoonni Jibutiitti baabura
kana yaabbatan bakkeen itti bu’an (station) gara gara haa ta’u malee
karaa fi baaburri isaan hunduu ittiin deeman tokko’uma. Namoonni tokko
tokko Diree Daawaatti, kan biroo Adaamaatti, kan hafan ammoo
Finfinneetti
bu’uu barbaadu. Baabura kanatti rakkoon tokko dhalatee bakkee ga’uu
barbaadan sana yoo hanqatan malee namoonni hunduu galii isaanii irraa
hin hafan. Baaburri kunis yoo rakkoo teekniikaa qabaate yookaanis
shiftoonni
karaa irratti isa dhaaban malee bakkee ga’uu barbaade sana irraa hin
hafu.
Yoo kaayyoo QBO wajjin wal qabsiifnnee
ilaalle, rakkoon teekniikaa kun Oromoonni waliigaltee dhabuu, waliin
mormuu, karaa walitti cufuu, wal dadhabsiisuu, humna walii laaffisuu
fi k.k.f. Shiftoonni kuni ammoo diinota QBO ti. Akka gufuu nutti hin
taane, akka galii hawwine irraa nu hin hanbifne tokko taanee, irree
tokkoon, humna tokkoon injifachuu qabna. Kan kana irraa hafe yoo ofii
kenyaaf rakkoo walitti uumne malee, yoo karaa tokko irratti waliigalle
rakkoon waan dhalatu natti hin fakkaatu. Yoo nuyi waliin mormine diinni
illee qaawwa kana argatee, addaan nu hiree, humna keenya laaffisuu
danda’a.
Yoo nuyi waliigalle garuu carraa kana hin argatu.
Kanaaf humnoonni bilisummaa Oromoo
kaayyoo
tokko qabaachuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Kana irratti waliigaluu
qabu. Karaa ittiin deeman waliin karoorfachuu qabu. Ammas irran deebi’a,
humna cimaa horachuu qabu. Karaa biraatiin ammoo waliigaltees haa
godhan,
haa godhuus baatan waan barbaadani fi karaa barbaadan sana, kan
waliigaltee
isaan dhoowwe illee maal akka ta’e uummata Oromootiif ifa godhuu qabu.
Wanti iccitii ta’e, kan dhoksaa dhaan godhamu, kan uummatni keenya
beekuu hin qabne qabsoo kana keessa kan jiraatu yoo ta’e dhimma, fe’ii
fi bu’aa dhuunfaa ti. Warri yaada fi karoora akkanaa qaban ammoo
eessayuu
ga’uu waan hin dandeenyeef saaxilamuun isaanii hin hafu. Akkuman yeroo
baay’ee barruulee kiyya keessatti kaase fi ammas irra deebi’ee jechuu
barbaadu waliigalteen bu’ura waan hundaa ti. Waliigalteen tokkummaa
uuma; humna cimaa dhalcha; humni cimaan ammoo waabii waan hundaa ti.
QBO kana keessatti ba'aa bu'ii baay’ee
agarre. Bitaas ilaalle mirgas ilaalle, olis baane gadis buune, walis
qeeqn'e, walis arrabsine, walis abaarre, walirrattis duulle, barruulee
baay’ees dubbifnne, meediaalee gara garaa irraa waa hundaa dhageenye,
gaafii fi deebii baay’ees dhageenye. Kuni hunduu taakkuu tokko illee
fuulduratti nu hin oofnne. Wal shakkuun, amantii walirraa dhabuun, wal
qeequun dhaabbatee marii bu'aa uummata Oromootiif fidu godhuun
barbaachisaa
dha. Karaa waliin ittiin deemnu irratti waliigaluu qabna. Tokkoomnnee
humna keenya jabeessuu qabna. Waan tokko qofaarratti cichuurra nuyis
akkuma ormaa tooftaa fi tarsiimoo bu'aa nuuf fidu tokko irratti waliin
hojjechuu fi galii keenyatti waliin deemuu qabna. Yoo akkana hin taane
ammas akkuma dur jijjiirama tokko malee yeroo fi umrii keenya fixuu
ta'a. Kanaaf, kan dabre irraa baradhaa, nu gaye jedhaa, waliigaltee
uumaa. Uummata dhaabbatanii kana ilaalaa. Jaalleewwan wareegaman
yaadadhaa.
Kaayyoo fi karaa tokko irratti walii galaa.
Dhumarratti, yaadni Obboo Fayyis Oromiyaa
dhiyeesses kaayyoo Oromoo tokko sadarkaa saditti hiruun isaa wal duraa
duuba akka ta'aniif ykn ta’uu danda’aniif malee kaayyoo ganamaas
ta'ee kan galgalaa waan faallessu natti hin fakkaatu. Karaa hunduu
wajjin (waliin) deemuu danda'an jedheen yaada. Rakkoon kan uumamu
garuu yoo karaa kana walitti cufnne dha; yoo waliin mormine dha.
Waliigallee,
itti amannee kan wal amansiifnnu yoo ta'e hunduu galii barbaadan sana
irraa waan hafan natti hin fakkaatu. Waaqni/rabbi waliigaltee nuuf haa
kennu. Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com