Bar-kurneen dhufu uummata Oromootiif
maal fida laata?
Abdii Boruutiin
Erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee
kaasee uummanni Oromoo qabsoo bilisummaa hadhaawaa otuu hin godhin oolee
buluu baatus; qabsoo kana keessatti jijjiiramni tokko tokko argamanis,
gaafiin isaa kan bu'uraa deebii argachuu hin dandeenye. Hamma (hanga)
gaafiin kuni deebii argatutti qabsoon kunis itti fufa malee kan
dhaabbatuu
miti. Akkuma dhaloota kaleessaa irraa kan har'aatti dabre, dhaloota
dhufuttis dabra malee humni fe'e'qabsoo bilisummaa uummata keenyaa
galii isaa irraa hanbisuu hin danda’u. Gabaabumatti ni tura ykn achi
dheerata malee bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa waan hin hafne
dha. Haa ta'u malee wanti barbaadan tokko akkanumatti hawwii’umaa
fi yaada'umaan kan dhufu waan hin taaneef waan barbaadan sana argachuu
dhaaf jabaatanii hojjechuu nama barbaachisa. Bilisummaa uummata fi
walabummaa
biyya tokkoo dhiisii wanti salphaa ta’e tokkoo yoo hojjetaniif malee
akkanumatti laayyootti hin argamu jechuu dha.
Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) of duuba
garagallee yoo hubannu, wareegama guddaan kaffalamu illee; lubbuun
ilmaan
Oromoo miliyoonaan lakkaawaman galaafatamani illee, xinnaattus
baay'attus
jijjiiramnii fi bu’aan tokko tokko otuu hin argamin hafanii hin beekan.
Yeroo mootummoonni Habashootaa jijjiiraman xinnaatu illee uummata
keenyaaf
jijjiiramni tokko otuu hin mul’atin hafee hin beeku jechuu kooti.
Jijjiiramoonni kun garuu uummata Oromoof quubsaa hin taane. Gaafiin
isaa yeroo hundaa otuu hin deebi’in hafe. Kanaaf ammoo haala keenya
xinxaaluu fi gaafiilee: Maaliif gaafiin Oromoo deebii otuu hin
argatin
hafe ykn ture? Maaliif galii barbaadne sana otuu hin ga’in turre?
kan jedhan kaasuun barbaachisaa dha. Sababa kanaa barbaaduu ykn beekuu
jechuu dha.
Sababoonni biroo yoo jiraatani illee,
ani sababoota gurguddoo saditu QBO galii irraa tursiise jedheen yaada.
Isaan kunis:
- Haala amma addunyaan keessa
jirtu
- Cimina diina keenyaa fi
- Waliigaltee, tokkummaa fi
humna dhabuu keenya dha
Haala amma addunyaan keessa jirtu
Haala addunyaan bara 1990 waggoota
diigdama
dura keessa turte fi har'a keessa jirtu walitti akeeknee yoo ilaalle,
haalli har’a jiru qabsoo bilisummaa uummatootaaf waan tolu hin fakkaatu.
Fakkeenyaaf gaafiin qabsoo hidhannoo akka waan biraatti ilaalama. Akka
shororkeessummaa itti kan ilaalamu illee hin dhabamne. Qabsoo
hidhannootiin
bilisummaa arganna jedhanii amansiisuun yeroo ammaa ulfaataa ta’aa
jira jechuu dha. Karaa biraatiin ammoo maqaa diimookraasiitiin daldaluu
fi addunyaa afaanfajjessuun faashinii haarayaa ta'e argamaa jira. Kanaaf
ammoo hojiin Wayyaaneen dalagaa jirtu fakkeenya ta'u danda'a.
Cimina diina keenyaa
Cimina diina keenyaaf sababoonni gara
garaa jiraachuu danda’u. Sababootuma gurguddoo kanaa olitti kaase
kanaa yoo ilaalle, sababni tokkoffaa (haala addunyaa) fi inni sadaffaan
(waliigaltee dhabuun keenya) sababoota diina keenya cimsanii dha.
Wayyaaneen
kan cimuu dandeesse karaa tokkoon akkuman kanaa olitti ibse haala
addunyaatti
fayyadamtee yoo ta'uu, karaa biraatiin ammoo tooftaa baafattee, addaan
hirttee bituu dhaaf walirratti duulsisuu, ishiitti garagaluu dhiisanii
akka ofiif wal dadhabsiisan taasisuu dhaan humnoota biroo laaffisuu
ishii ti. Laafinni humnoota kanaa ishii dhaaf jabeenya fi cimina guddaa
ta’e. QBO akka galii irraa turu sababa tokko ta'e jechuu dha.
Waliigaltee, tokkummaa fi humna
dhabuu keenya
Waliigaltee, tokkummaa fi humna cimaa
dhabuun sababoota QBO naaffisani fi galii irraa tursiisan keessaa isa
guddaa tokko dha jedheen amana. Diinni keenya kan nuitti cimuu danda'e,
addunyaan illee ija biraatiin akka nu laaltu kan godhe ykn godhu isa
kana. Akkuma makmaksi Oromoo "Yoo abbaan iyyate ollaan namaa mirmata"jedhu waliigallee sagalee tokkoon ollaatti ykn addunyaatti iyyachuu
dhiifnnee kan walitti iyyinu, walirratti duullu, wal dadhabsiifnnu yoo
ta'e, "Ofiifuu ni duuti, maaliif of huuti"
jedhanii nu tuffachuu malee waan nuuf mirmatan natti hin fakkaatu.
Akkuma
“Yoo waliigalan alaa galan"jedhamu, waliigaltee keenyatu akka
waliin manatti gallu nu godha. Yoo kuni hin taane alumatti hafna jechuu
dha. Egaa sababni QBO galiirraa tursiise inni guddaan tokko kana dha.
Namnni tokko dhukkubsatee mana hakimaa
yoo deemu, hakimiin dura dhukkuba isaa arga; kanaaf ammoo sababni maal
akka ta'e beeka; achii ka'ee qoricha dhukkuba kana fayyisu ajajaaf.
Namni kunis qoricha kana fudhatee fayyuu danda'a. Qabsoon bilisummaa
Oromoos akkanumatti ilaalamuu danda'a. Dhukkubni keenya qabsoon keenya
naafuu dha; galii hawwine irraa turuu dha. Sababoonni kanaa ammoo
akkuman
kanaa olitti kaasee yoo ta'an, inni guddaan garuu waliigaltee, tokkummaa
fi humna cimaa abdachiisaa dhabuu dha. Dhukkuba tokkoof qorichi adda
addaa jiraachuu danda'u illee, kan dafee fayyisu qoricha gaarii tokko
dha. QBOs kan cimusu fi galiitti dhiyeessu inni guddaa fi hunda caalaa
murteessaan waliigaltee uumuu, tokkoomuu, tokkummaa ykn tumsa cimaa
ijaaranii humna cimaa horachuu fi kanaan qabsoo finiinsuu dha.
QBO kan Adda Bilisummaa Oromootiin
gaggeeffamaa
ture kan bara 1991 duraa yoo ilaalle, isa sanatu bu'aa guddaa uummata
keenyaaf fide, yoo tokkummaan qabsaa'otaa ture sana jechuu kooti.
Erga mooraa QBO keessatti rakkooleen adda addaa dhalatanii, ABOn gara
gara hiramee kaasee qabsoon kun naafuu malee jijjiiramni tokko illee
hin mul’anne. Sirumaa galiin keenya achi nurraa fagaachaa deeme.
Waliigaltee
dhabuun, waliin mormuu fi karaa walitti cufuun kan nuuf fide yoo jiraate
bar-kurnee lama bu'aa malee turu fi qabsoon tunis qancaruu dha; diinni
ammoo yoomiyyuu caalaa cimaa deemuu dha. Kuni hoo maal fide? Lakkaawamee
waan hin dhumneef, gabaabumatti, uummanni keenya biyya keessattis ta'ee
biyyaa alaatti dararamuu bira dabree biyyi keenya illee gurguramee
dhumaa
deemuu dha.
Waayeen keenya akka makmaaksa Oromoo "Erga waraabessi dabree sareen dutte"jedhu fakkaatu illee,
mee ammumaa itti yaadnee, kan dabre dabree gara fuulduraa haa ilaallu.
Kan dabre irraa barannee kan dhufu fooyyessuu haa yaallu. Kanaaf ammoo
qorichi ykn meeshaan waliigaltee fi tokkummaa dha. Barruulee kiyyaa
hunda keessattuu waayee tokkummaa akkuma sirbaa weellisaa turuu fi ammas
itti jiruuf waanan dubbistoota ifachiise natti fakkaata. Haa ta’u
malee furtuun rakkoo keenyaa waliigaltee fi tokkummaa qofaa waan ta’eef
hamman hawwii kiyya kana hojiirra oolee argutti weellisuu hin dhaabu.
Yoon kanaan isin ifachiise dhiifama naaf godhaa.
Egaa gara gaafii mata duree barruu
kanaatti
deebi'uu dhaaf, bar-kurneen dhufu maal akka nuuf fidu beekuun rakkisaa
ta'u illee, akkuma bar-kurnee dabree bu'aa tokko malee duwwaa ta'ee
akka hin fafne, jalqaba bar-kurnee (2010) kana irratti waan hundaa
gamaaggamnee
haa ilaallu; Balleesa dabre irraa haa barannu; kan dabre irraa muuxannoo
argachuun beekumsa fi dandeettii guddaa dha. Balleessi guddaan ammoo,
akka ilaalcha fi yaada kiyyaatti, ammas irran deebi’aa waliigaltee
dhabuu, waliin mormuu, karaa walitti cufuu, walirratti duuluu, humna
walii dadhabsiisuu, diinaaf karaa baasuu fi akka nurratti cimu taasisuu
fi k.k.f. dha.
Rakkooleen akkanaa kun bar-kurnee dabran
keessatti awwaalamanii hafuu qabu. Bar-kurnee jalqabe kana keessatti
nagaa fi araara buusuu dhaaf boqonnaa haaraan banamuu qaba. Nuyis waliin
mormuu dhiifnnee waliigaluu fi humna cimaa horachuu ykn qabaachuu akka
dandeenyu addunyaatti himuu qabna. Yoo akkanatti cimne hunduu nu duuba
fi nu wajjin dhaabbachuu danda'u. Deeggarsa nuuf kennuu danda'u.
Duris taanan cimina keenyatu akka biyyi keenya Oromiyaan illee
addunyaarratti
beekamu taasise. Kanaaf waliigalteen tarkaanfii duraa fi isa guddaa
ta'uu qaba. Yoo waliigalle, tokkoomnne, tokkummaa ykn tumsa dhugaa
cimaa ijaaruu dandeenye, humna cimaa fi abdachiisaa horachuu dandeenya.
Yoo kana qabaanne ammoo waabii guddaa qabna jechuu dha. Yoo kuni
hojiirra
oole bar-kurneen dhufu jijjiirama fi bu’aa tokko akka nuuf fiduuu
danda'u mamiin waan jiru natti hin fakkaatu.
Dhiyoo kana barruu dhaamsa fi ibsa
ijjannoo
manguddoota Oromoo Minnesota kan jedhu tokko dubbiseen ture. Barruun
kun maddi isaa hammam qabatamaa fi amansiisaa akka ta'e beekuun na
rakkisu illee akkan odeeffannoo irraa argadhetti nagaa fi araara buusuu
dhaaf manguddoonni yaalii godhaa akka jirani dha. Wantin kana jedheef
akkuma kanaan dura WBO ZK jedhanii barruulee gara garaa facaasaa
turanii,
booddee irra garuu oduu gaddisiisaa nu dhageesisan akka hin taane
shakkeetani;
yoon balleese kanaafi illee dhiifama naaf godhaa.
Karaa biraatiin ammoo jalqaba'uma bara
kanaa irratti meediyaalee tokko tokko irratti fakkeenyaaf VOA sagantaa
Afaan Oromoo fi raadiyoonii sagalee Oromiyaa (voice of Oromia) irratti
bakkabu’oonni jaarmayoota bilisa baasaa keenyaa gaafii fi deebii
akkasumas
marii godhaa akka turan kan yaadatamuu dha. Akka achiratti dubbatametti
qabsaa'onni keessumaayuu hoggantoonni ABO garee sadeenii wajjin (waliin)
haasa’aa akka jirani fi mariin akkanaa kunis sadarkaa guddaarra akka
gayee dha.
Yoo yaaliin manguddoonni irra jiru
jedhame
kun milkaawee, qabsaa'ota walitti araarsuu kan danda'an ta'e;
yoo hoggantoonni ABO waliigaltee irra ga'anii walitti deebi’anii
kan tokkooman ta'e, akkuman kanaa olitti jedhe, bar-kurnee jalqabe
kana keessatti seenaa boonsaa tokko barreessuu dandeenya jedheen yaada.
QBO haarmsuu fi cimsuu dhaaf kuni ammoo tarkaanfii duraa fi murteessaa
dha.
Dhumarratti dhaamsi anis jaarmayoota
bilisa baasaa keenyaaf keessumaayuu hoggantoota keenyaaf dabarsuu
barbaadu
akka kanaa gadii ti. Yoon akkana jedhu ammoo isin caalaan beeka ykn
gorsaan isiniif ta'a jedhee otuu hin taane rakkooleen keenya akka
furmaata argatan yaada fi dhaamsa kiyya isiniif dabarsuufi.
- Kaayyoo fi galiin keessan
tokko (bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa) waan ta'eef karaa
achi ittiin geessan tokko irratti walii galaa
- Tokkoomaa, tokkummaa dhuagaa
waliin ijaaraa, tumsa walii ta'aa, mala waliin barbaadaa, tooftaa
fi tarsiimoo tokko lafa kaawwadhaa, kanarratti waliin hojjedhaa
- Yoo danda’ame walittibaqinsaan
tokkummaa cimaa ijaaraa, yoo kun kan hin milkoofnne ta'e tumsa dhugaa
cimaa tokko (fkk. ULFO) jalatti, mooraa QBO keessatti waliin
hojjedhaa,
waliin mormuu fi kara walitti cufuu dhaabaa
- Waraana bilisa baasaa cimaa
waliin ijaaraa (fkk. WBO cimsuu) baay’inaanis ta'ee aayinaa dhaan
kan kaayyoo keenya galii dhaan ga’uu danda’u akka ta'u godhaa.
Kuni waabii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti.
- Haala addunyaan amma keessa
jirtu illee waliin gamaaggamuu fi xinxaaluu dhaan tooftaa fi
tarsiimoo,
kan kana wajjin deemuu danda’u, tokoo irratti walii galaa. Waayeen
kun qabsoo finiinsuu dhaaf murteessaa dha jedheen yaada
- Diina faashistii kana dafanii
ofirraa buqqisanii darbuu dhaaf tumsa biraa barbaaduun waan hin oolle
ta'a ykn ta'uu danda'a. Kanaaf yoo tumsa biraa barbaaddan dura
waliin mari’adhaa, waliigaltee godhaa. Kophaa kophaa gara gara hin
deeminaa
- Marii irra jirtan jedhame
kana fiixa baasaa ti, waliigalteen keessan uummata keenyaaf gammachuu
diinaaf ammoo gadda guddaa akka ta'u godhaa. Oduu gaarii nu
dhageessisaa.
- QBO haaromsaa, bifa fi aaynaa
biraatiin waliin finiinsaa, uummanni Oromoo irree tokkoon akka isin
duuba hiriiru godhaa. Waaqni/rabbi waliigaltee isiniif haa kennu.
Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com