Waligahii Idilee Waldaa
Artistoota Oromoo (WAO)
Gurraandhala
2008
Waldaan
artistoota Oromoo Gurraandhala 2 bara 2008 sarara paltalkin walaghii idilee isaa
gaggeeffatee jira. Walgahii kana irrattis artistootni Oromoo miseensa jaarmaya
kanaa ta’anii Afirkaa dabalatee biyyoota addunyaa kana keessa faca’anii jiran
baayyinaan irratti argamanii jiru.
Walgahii
kanas haasaan kan banan dura ta’aa waldaa kanaa obbo Amin
Jundii yoo ta’an,
Obbo Amin
baniinsa walgahii kanaa irratti, yeroo ammaa kanatti haala sochiin waldaan kun
irra jiruu fi waldaan kun erga bu’ureeffamee jalqabee hanga ammaatti hojii
boonsaa inni raawwate gad fageenyaan kan ibsan yoo ta’u itti dabaluunis
Artistootni Oromoo akka dhuunfaattis ta’e gamtaatti hog dammaqiinsa ummata
keenyaa fi shorri isaan xabatan xiqqaa akka hin taane addeessanii jiru. Itti
fufuunis, hojii boonsaa artistootni oromoo raawwachaa jiran kan isa yaaddesse mootummaan wayyaanee xiyyaafannaan inni
yeroo ammaa kanatti artistoota oromoo biyya alaa jiran kana irratti godhee jirus
laayyootti ilaalamee kan bira darbamuun hin taane ta’uu isaa jala
muranii jiru.
Artistootni Oromoo ogummaa adda addaa irratti
bobba’anii jiran kun, walgahii isaanii idilee kana irratti, sochii WAO kun yeroo
ammaa kanatti irratti argamu, akkasumas haala siyaasaa Oromoo fi Oromiyaa
irratti gad- fageenyaan haasa’uun murtii fi kutanoolee baafatanii jiru.
Murtii fi
kutanoolen isaanii:
1.
Artistootani oromoo tokko tokko kanneen
bu’aa adda addaan bitamanii mootummaa wayyaanee jala fiigaa jiran, gochaan
isaanii kun, seenaa isaanii kaleessa waan gaarii hojjetan sana jalaa kan haqsisuu fi
itti gaafatamummaa seenaa jalaallee kan isaan baasu waan hin taaneef hojii
fokkataa itti jiran irraa hatattamaan akka deebi’aniif gaafatna.
2.
Artistootni oromoo kanneen sadoo mataa
isaanii fi gurshaa wayyaaneerraa argannaan ijii fi gurri isaanii jaamee ala
irraa biyyatti galinii waltajjii wayyaanee ho’isuun, ummata afaan faajjesuu
yaalan kun hojii isaan itti bobba’anii jiran, hojii salphinaa fi saba gatiinsaa
waan ta’eef gochaa isaanii kana sagalee guutuunis ni balaaleffanna,
3.
Kaneen maqaan isaanii galmee artistoota
oromoorra jirus hanga isaan hojii isaanii kana irra deebi’uun saba miidhaa jiran
dhiifama gaafatanittis akka haqamuus sagalee tokkoon
murteessine.
4.
Nu miseensonnii WAO hanga gaafa
Oromiyaan bilisoomtutti qabsoo
Oromoo akkumma duraan ogummaa qabnun utubaa jirutti ammalle amanamummaan tajaajiluu
waada keenya ni haromsina.
5.
Rorroo, hidhaa, ajeechaa fi dhibbaa
artistoota keenya biyya keessa jiran irratti mootummaan Wayyanee raawwatee fi
rawwachaa jiru ni balaaleffanna.
Karaa barbaachisaa ta`ee hundaan
artistoota keenya cinaa/bira ni
dhaabbanna.
6.
Aadaa fi afaan Oromoo guddisuufi tattaaffii artistootaa qofa
ta`uu hin qabu. Bu'aa argame babbali'isuu fi hujiilee artistootii keenyaa
hojjatan sirnaan itti dhimma bayuu waan ta'eef ummanni keenya kanairratti akka
nu cinaa/bira dhaabbatu kabajaan ni
gaafatna.
7.
Tooftaa dubatti hafaa motummaan Wayyanee biyya alaa kana
keessatti maqaa gandaan, kutaa fi amantiin hawaasa Oromoo gargar babaasuun walirratti dulchisuuf bafatee karaa
kitilayyoo isheen hojii irra oolchuuf yaaltu kana ummanni keenya itti dammaqee
akka fashaleessu gaafatna. Nu illee
karoora Wayyanee kana fashaleessun qabsoo bilisummaa Oromoo akka fininisinu
waada gala.
Gadaan Gadaa Bilisumaa
ti!
Waldaa
Artistoota Oromoo