Categories: Afaan Oromoo

‪#‎Jechoota Beektotaa‬!!!

* Qabaadhu:
~ Jaalala onnee
~ Beekumsa sammuu
~ Obsa garaa
~ Dhugaa arrabaa
~ Ogummaa harkaa qabadhu!
* Bara Jireenya Kee Keessatti:
~ Kan dabarsite yaadadhu.
~ Kan keessa jirtutti jabaadhu.
~ Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.
~ Bakka yaadde gahuuf obsa qabaadhu.
~ Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf rabbiin kadhadhu!
*Addunyaa Tana Irratti:
~ Jecha kee eeggadhu, isatu gocha ta’aatii.
~ Gocha kee eeggadhu, isatu amala ta’aatii.
~ Amala kee sirreessi isatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.
~ Jireenya kee fooyyessi, isatu boqqonnaa bara jireenya kee guutuutii.
~ Qabeenyaan qabduun namatti hin boonin, qabeenyi fixeensa ganamaatii.
~ Beekumsa qabduun uf hin tuulin, namoonni si caala beekan heddutu jiraatii.
~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin dhiibin, qubaan irraa si buusaniitii.
~ Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
~ Hin kijibin amanamaa taataatii!
* Yoo Nama Taate:
~ Jaalala baay’isi.
~ Beekumsa ida’i.
~ Qabeenya hiri.
~ Inaaffaa hir’isi.
~ Ilaalcha wal-qixxeessi.
~ Hojii guddisi!
~ Teessuma xiqqeessi.
* Jaalalli Dhugaa:
~ Mi’aawaadhaa dhandhamadhu.
~ Urgaawaadhaa fuunfadhu.
~ Gammachuudhaa simadhu.
~ Icciitiidhaa eeggadhu.
~ Dorgommiidhaa itti hirmaadhu.
~ Qabsoodhaa injifadhu.
~ Abdiidhaa obsaan eeggadhu.
~ Qabeenyaa horadhu.
~ Bultiidhaa ijaaradhu.
~ Gaaddisaa jala boqadhu!
¤ “Bareenni fokkataa?” jennaan, = “Yoo jaare!”
¤ “Beekaan dogoggoraa?” jennaan, = “Yoo aaree!”
¤ “Hiyyeessi duroomaa?” jennaan, = “Yoo xaare” eeyye jedhanii walii galu hayyoonni!

* Waan dubbiftaniif, galata keessan bakka bu’ee hin banne, bakka kufee hin cabne, bakka hattuun hin hannee fi bakka moofee hin shamne isiniif kaaheera!!!
* Kan nyaattan isiniif haa sifaahu, kan yaaddan isiniif haa milkaahu!!!
‪#‎HoraaBulaa‬!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago