Oduu Haaraya

Oromoprotests‬; gonkumaa finfinneen gurguramuu hin qabdu

Beekan Lammii Boruu

Breaking news; shawaa lixaa ada’aa bargaa magaala Muger keessatti FDG humnaa ol sagalee QEERROO OROMIYAAtin hardha mirga abbaa biyyumaa dhageessisaa oolani.gochaan fi tarkaanfiin qeerroon oromiyaa dirree ada’aa Mugeritti fudhate daran wayyaanee jilbiffachiisee jira. Jaarsaf jaartii xiqqaa guddaa osoo hin jedhin jirattonni magaala Mugerifi baadiyyaa gaaffii mirga kanneen armaan gadii gaafatani:

1,gonkumaa finfinneen gurguramuu hin qabdu

2, 100%master planin finfinnee haqamuu qaba.

3, wayyaaneen ummata Oromoo bulchuu hin qabu.

4, oromoon mootummaa mataa isaa dhaabbachuu qaba.

5, WBOn gaachana ummata Oromooti: kanaaf ABOn akka oromiyaa galu nifeena.

6,Barataan Oromoo hiriiraa nagahaa bahee rasaasan rukutamuu hin qabu.

7, gumaa barattoota Oromoo nibaafna.

8,warshaan daangotee ilmaan habashaatif qofa carraa hojii banee, ilma Oromoo akka hin qacaramne alatti dhoowwuun yaa dhaabbatu. …jedhanii sagalee dhageessisaa turanitti poolisonnifi itti gaafatamaan dhimma nageenyaa fi kaabinoonni biroo gaaffii irraa fuudhuu dhaqan, deebii osoo hin tayin doorsirafi sodaachisan yeroo dararan qeerroon oromiyaa dirree Muger darara kana fuuldura dhaabbachuudhan, tarkaanfii fudhateen kaabinoonni fi poolisonni dhukaasa ofirrattii dhaanaa bakkuma jiranitti waajjira gandaatti ol seenaanii karrra cufaachuun lubbuun isaanii tursiisuu dandayan.

Tarkaanfii jirattonni magaala Muger fudhataniin erga waggaa 3tii dhalataan Oromoo yuunbarsitii irraa bahee hanga hardhaatti osoo warshaa daangotee kan ilmaan habashaatin badhaate hin qacarani hardha boru siqacarra jechuun ilmi Oromoo waggoota hedduuf akka kadhataa kararraa qooqa isaa duwwaa godhee duhaaf jireenya gidduutti kan rakkachaa ture sababa ilmaan habashaatin hojii warshaa kana keessatti dhabne jechuudhan mooraa warshaa seenudhan reebicha cimaa hojjeettota warshichaa irraan gaheera.

Managarri warshaa lubbuu isaa tufatee osoo dargaggoon Oromoo bira hin gayin konkolataadhan magaala gad-lakkise. Biiroowwan lammileen biyya alaa kan akka Hindi,China,ilmaan habashaa. …keessa jiratan battalumatti faayidaan ala taasisan. Konkolataawwan warshaa lakkoofsan dhibba sadi (300)tayanis gochaa lammiin Oromoo magaala kanaa fudhateen burkutayanii caccaabanii bullayanii jiru. Erga kana godhanii booda magaala Muger keessa naannayuun akeekkachiisa kaabineefi jaladeemtoota wayyaaneetif dabarsanii. Ijjannoon isaanis; _warra nubasaasu niqalla _kaabinee ilmaan isaa wajjin qalla _waranni wayyaanee kamiyyuu yoo dhufe waan qabnuun itti gad-baana….. jechuudhan xummurani. Hanga ammatti halkan sa’aatii 6booda waraanni wayyaanee magaalatitti guurramaa jiru. Tahus hanga ammatti hidhannoof jabinni ummataa cimaa waan taheef itti siq

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …