Oduu Haaraya

GAAFFIIN KOPHAA ITTI RAKKATAA JIRUDHA!

 

Haala amma keessa jirru kana gadi fageenyaan ta’uu baatullee irruma keessa xiinxaleen gaaffilee armaan gadiiifan deebii quubsaa dhabe! . Aarsaan kaffalme guddaadha; dabalee kaffalamuufis jira ta’a…silaa bilisummaan, walabuummaafi birmadummaan qoosaatti waan hinjirreef. Gaaffiinkoos kunooti; Oromoon deebii naaf barbaadaa!

1. Jaarmiyaalee Oromoo iddoo garaagaraatti caccabeefi tatamsa’e kana akkamiin utubaa tokko jalatti fiduun danda’ama?

2. Miidiyaalee Oromoon qabduufi Oromoof hojjetaa jiran (kan keessaafi alaa) mara haala kamiin walitti fiduun akka jaalala tokkoon dhaabbatanii waltumsuun bilisummaafi tokkummaa sabichaatiif hojjetan taasisuun danda’ama?

3. Utuu mootummaan Wayyaanee galagaltee (nuffiteeyyuu aangoo gadi lakkistee badde) Oromoon caasaa biyya tokko ijaaruu qabu hundaan itti qophaa’eeraa? (Moo akkuma isa bara 1992 sana Dargii fonqolchee diinatti kennee ammas bosonatti deebi’a?-itti hinqophoofneeti fudhadhaa jennaa?…hubadhaa!. Abashaan Oromoo caalaa karaa hedduun qophaa’aa jirtiim..dippiloomaasii dabalate;-Yeroo warri kankeenyaa ODF, Ulfo, shanee, OLF kan abaluufi kan warra sanaa jedhanii…isaan hundaan qophaa’aniiru). 

https://youtu.be/5qjsitFg11Y

 

4. Dhaaboliin Oromoo wiirtuuwwan magaalaa Itoophiyaa keessatti, keessumattuu Finfinnee keessatti siyaasisaa hagam jabaataadha? (Baraa carraan daqiiqaafi sakoondiittillee nama miliqxiim? Iddoowwan murteessoo ta’an qabachuufis ta’e dhabamsiisuudhaaf humni qophaa’ee jiraachuun nibarbaachisa; kanaaf ciminni Oromoon qabu gahaadhaa? Moo baanee wacabbarree hiriira baanee, miidiyaarraa bookkisnee deebi’uu qofaatu injifannoodha?).

5. Dargaggoonni (Qeerroofi qarreen) biyyaa keessaa harka qullaa mootummaa garboomfataa kana dura dhaabataa jiran kanaaf wabiin eenyudha? (eenyutu isaaniif mataadhaa?, gatiin dadhabbii dargaggoo kanaa akkasumaan akka hintaaneef..gorsaan, maallaqaan, beekumsa siyaasaan, hidhannoodhaan, ijaaruudhaan..) eenyutu duukaa jira?, barataa kumootaan mana barnootaarraa ariyame, kumootaan mana hidhaa Wayyaaneetti reebamaafi gidiraa hamaa argaa jiru kana qaamni iyyaafataa jiru jiraa?-Hubadhaa!. Miidiyaarrattis maqaa hidhamtoota lama sadii caalaa kan ka’u hinjiru; Barattoonni qaroowwan jajjaboon garaa qullaa mana barnootaarraa mana hidhaatti darbataman hundi maaliif miidiyaadhaan hinfaarfatamne? Namni nama caalaa? Utuu ta’ee barattoonni sun hincaaltuyyuu?….
*****Ammaaf mee ishuma kanaaf yoo deebii naaf argitaniif ammallee gaaffii hedduu duukaan rakkataa jira. …Mariyataan gowwaa hinqabu; mariyataniis sanyii nyaatu!. Garraamummaa keenyarraan kan ka’e garbummaa jaarraa tokoof walakkaa nurra ture kana ammas itti fufsiisuu hinqabnuufan kana jedhe!

Na ofkolchaa!

Beekan Gulummaa Irranaati!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Yaa sanyii goota Beeka jaabadhu! An siiwajjin jira biyyakoo,lammiikoof,yoo waan fedhe ta’e wareegamuun illee haata’u siifanan dhabbadha.!