Oduu Haaraya

Miseensi WBO Musxafee M.Badhaasoo ykn Dinnichoon WBOn jaallatee akka Shanee Jalatti hin bulleef badii isaan qabsoo Oromo...

Publicerat av Hussein Ganamo den 3 februari 2016

Akkamitti akka gareen shanee maqaa qabsootiin daldala jirtu caqasi..

 

Miseensi WBO Musxafee M.Badhaasoo ykn Dinnichoon WBOn jaallatee akka Shanee Jalatti hin bulleef badii isaan qabsoo Oromo irratti hojjataa turan ,Heeraa fi seera ABO miseensa irratti malee qondaala biratti 100% akka cabsamee irra deemmamaa turee fi jiru ta’uu hooggana Shaneetti himamuu ni sirreessina jedhanii wadaa seenuu malee daranuu guyyaa guyyaatti akka sharafaa jiran.

Waraana bilisumma Oromo qabsoo Oromo laamshate kana General Kamal Galchu wajjiin hiriirree fuundurratti ni bunnaa laata jedhanii yaalanii fedhiin Karaaa yaadame ta’uu sababolee hedduuf dhabamufi haala kana mariin otoo hin taane shira warra Shabiyaa fi Shanee xaxame keessatti qondaaltota WBO dabalatee 26 battalumatti ajjeesuu fi dhibbootaan kan lakkaawwaman ajajaa kumaa Abbee Qassim faati achi buutee itti dhabaman yakka seenaan dhiifama isaaniif hin goonee fi qoratamee atatamaan warri balleessi murtitti akka dhiyaatu shanee wadaa seentusi akka hujitti hin hiikin.

Kora Saba waggaa 4 darbuu hin qabne aangoo dabarsuu diddaa waggaa 13 caala irra turuu isaaniif,WBOn akka leencaa Zoo ta’ee busiif gargaarsaan funaanuu malee qabsoo hawwameef akka godhaa hin jirre addeessee jira kuni sagalee ijoollee Oromo hidhaa Eritrea keessaa sagalee dhabaniif akka ta’u abdii qabna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. sissiqaati goobana je’e Oromoon yeroo makmaaku. Hoogganni sodaataan qabssoo hidhannoo gaggeessuu hin’dandahu. Oromoon biyya keessaarraa kan du’aa jiru. hoogganni daangaa Eritrii’aa dhaa tissaa jira moo maali rakkoon isaa? saba guddaa akka Oromoodhaa kana kan Miiliiyoona 50 herreegamu kana haa’la kanaan qaanyeessuun waan hedduu nama ajaa’iibuudha. tanaaf yaa ilmmaan Oromoo keessaa’uu warri biyya alaa keessa jirttan, yeroon warrii hoogganoota je’ee qabssoo saba ball’aa kanaa gad ciibssanii miilaan irra deemaa jiran kana seeraan hojii isaanii tana akka dhaloota haa raya kanaaf gadi lakkiisanii adabatanii taa’an gochuun dirqama nurra jiru je’eetan amana. qabssoon mooraa namnni dulloomee ( Retirement village ) godhanii keessa ciisanii miti. yoo rabbi isin uume sodaattan kabajaan aangoo tana gadi lakkisaa. shanyiin Oromoodhaa biyya abbaa isaarratti alagaan dhumutti jira. gara biraatiin aangoon isin irratti cichaa jirtan tun tami? nuti Oromoon hedduu isin obssineeti jirra, ammaan booda garuu obsi keenya raawwateeti jira. quba qabaadhaa.

  2. Such kind of smearing will make the accusers complete lair. Who`s side was killed and disappread? everything is documented and do not try to protect the criminal who kill the compatriots and the struggle. You ashamed for prior lies and you start fresh one again?