Categories: Oduu Oromiyaa

Labsa walii Galtee Dhaabboto Oromoo

————————————————————————————————————————

Guyyaa: Onkololeessa 20, 2016 Lakkooysa: kwo/fido/Atbu /25/2016

Yeroon tun tan, sirni bittaa Ethiopia kan murna Tigrayn durfamu, ardii Oromiyaa irratti,

basaan-baasaa gad-na baasaa jechaa jiru. Gocha farra namummaa fii jireenyaa, kan shanyii

duguuggaa ummata biyya sanii keeysaahuu ummata Oromoo irratti geggeeysaa jira. Ummata

ayyaana kabajatuuf nagayaan, Hora Arsadee irratti kumaatamaan wal gahe, lafaa fi samiin

rasaa itti roobsee murruqii itti buusee. Karaa biraatiin, Oromoota jilmaan hidhe, mana hidhaa

ibiddaan qanqaamee, kan duraa fiiguu yaale rasaasaan lafaa guuruun, wanni nama agarsiisu,

tuutni mootummaa ifiin ju’u sun, namooma dhaba isaaniiti.

Daranuu baasa tahee, yakka isaa mirkanii seeraa itti godhuuf, maqaafillee tahu, bulmaata

ummataa kan ture, labsa sardamaa, kan humna waraanaatiin geggeeyfamu itti baase. Labsa

kana jalatti, waraanni raayyaa, kan humna ‘Agaazii’ jechuun beekkamtu, lubbuu namaa akka

busaawaa gaaraatii gatuuf mirga kennaafi. Haalli akkanaa, addunyaa ilma namaa tokkollee

keeysatti dhagahamee waan beekkamuu miti.

Haa tahuu malee, akka gootichi Oromoo, Adam Jiloo je’e, “Ummanni Oromoo biyyeedha,

gabroomfataan ammo haxooytuudha.” If dhiba malee ajeechaan ummata keenya fixuus, qabsoo

itti jiru irraa igguruu hafee, daran jabeeysa. Inumaa, godaannisa seenaa kan gaafa

Harma-muree fii Calii Calanqoo madeesee, ummata Oromoo qabsoo bilisummaa akka finiinsu

taasisaa jira.

Ummanni Oromoo, weerara irra jira; mootummaan Tigree ammo, taaytaa irra turuuf if ittisa

keeysa jirti. Qeeyroon Bilisummaa, akka kannisa orraadhaati, iddoo hundaa ka’ee, humna

diinaa rooraasee, waan qabatuu fi dhiisu wallaalchisaa jiraatuu arkaa jirra. Utubaa mootumichaa

abbaa-irrree, kan tahe qabeenya hoogganoota TPLF barbadeeysuun, karaa hundaan bitii-
gurgurii waxii itti muruun toofataa qabsoo kan afshaalummaan qindaawe kan ummanni keenya

geggeeysaa jiru fakkii seenaa qabsoo addunyaa keeysatti argamee tan beekkamne tahuu qofa

osoo hin tahin dinqisiifamaadha.

Ilamaan Oromoo, kanneen wayyaaneen hujiin isaatiin annjefatuuf jaarratte irraa hoongawaa jirti.

Keeysaa, akka rirmaati isa bocuu, hujii isaanii saaxiluu fii danquu bira taranii, heedduun isaanii

afaan qawwee diina isaan erge irratti gara-galchaa jiru; jabaadhaa seenaa boonsaa hojjadhaa

jennaani.

Oromiyaan humna alagaatiin boojihamtee, irree alagaa jala jirti. Humna caalaan/ humna gitu

horuun qofaan ummanni Oromoo abbaa haqa isaa taha. Nu dhaaboleen siyaasaa, Adda

Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa, Adda Walabummaa Oromiyaa fii Adda Tokkumaa

Bilisummaa Ummata Oromoo tiin angafee, qabsoo ummanni keenya, walabummaa Oromiyaa fii

bilisummaa isaatiif godhaa jiru, keeysatti argamnee, Oromoo humneeysuuf yoomuyyuu daran

tokkumaan kaanee jirra. Kan abdatan Rabbii; saba-bicuu Tigree ifirraa kaafnee Oromiyaa

bilisoomsuu tabaroo gahaa akka qabnu ummanni keenya mirkaneesee jira; if booda deebiin

abduma hin jirtu.

Tokkummaan humna!

Oromiyaa ni bilisoomti!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago