Categories: Oduu Oromiyaa

Ibsa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO)

 

(Muddee 27, 2016)

Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa dhaabbataa Mudde 16 – 25, 2016 gaggeeffateen haala Dhaabaa fi QBO, akkasumas, haala Ummata keenyaa, haala diinaa (mootummaa TPLF/EPRDF), haala Godina Gaanfa Afriikaa fi kan Idil-Addunyaa irratti marii fi xiinxala bal’aa gaggeessee murtiilee jajjaboo QBO daran jabeessanii fuula dura tarkaanfachiisan dabarseera. Murtiilee dabran hojiitti hiikuuf kan gargaaran dirqamaa fi qajeelfamoota adda addaa KHR-ABOf kennuudhaanis wal gahii isaa milkii fi injifannoodhaan xumurate.

Addi Bilisummaa Oromoo Dhaaba bu’uura jabaa qabu kan duulaa fi shira diinota kaayyoo gara garaa qabaniin irratti gaggeeffamaa turee fi jiru hunda injifatee irra aanuudhaan bu’aa-bahii hedduu keessa qaxxaamuree fi moyxannoo qabsoo bara dheeraa horatee dha. Har’as gufuulee hedduu diinootni Saba Oromoo fuul-dura isaa naqan hunda injifatuudhaan yeroo irraa yerootti of humneessaa fi of jabeesaa qabsoo bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf gaggeessu finiinsuu irratti argama. Walgahiin GS kun jabinni jiru caalaatti jabeeffamee akka itti fufuu fi laafina mul’atu irra aanuudhaan galma gahiinsa Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo shaffisiisuuf kan gargaaran murtiilee jajjaboo dhimma Jaarmayaa ABO irratti xiyyeeffatan dabarsee jira. Kanneen keessaa dhimmi Kora Sabaa jabinaa fi shaffisaan irratti hojjetamee akka xumuramu wal gahiin GS kun qajeelchee jira.

Imaammata diinummaa kan irraa maayyii murni TPLF/EPRDF isa irratti gaggeessu fashalsuu fi irra aanuuf furmaatni tokkichi jiru Kallacha qabsoo isaa kan tahe Adda Bilisummaa Oromoo wajjin tahuudhaan qabsoo bilisummaa bifa hundaan finiinsuu qofa tahuu kan hubate Ummatni keenya, keessattuu dargaggoon (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) baroota dheeraaf gaggeessaa ture Sadaasa bara 2015 irraa eegalee gara boqonnaa haaraya Fincila Xumura Gabrummaa (FXG)tti jijjiiruudhaan warraaqsi gaggeessaa jiru, seenaa QBO keessatti iddoo guddaa qaba. Walgahiin GS ABO kun sochii boonsaa fi seena-qabeessa karooraa fi qindoomina diriire ofitti fudhatuun Ummatni keenya itti jiru kana gadi faginaan xiinxale. Wareegama ulfaataa miseensotni ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Ummatni keenya baasee fi baasaa jiru, akkasumas, injifannoolee sochii kanaan galmeeffamanis bal’inaan gilgaale. Akkaataa sochiin kun itti daran jabaatuu fi akeekni isaa shaffisaan fiixaan bahuu danda’u irrattis tooftaa fi tarsiimoo hordofamuu qabu KHRtti qajeelchuun akka cichoominaan irratti hojjetamu murteesse.

ABOn akka dhaaba bilisummaa tokkootti bu’aa bahii adda addaa kan diinni kaayyoo dhabama isaa hawwuun irratti duulaa turee fi ammas itti jiru irra aanuun muyxannoo qabsoo horaa har’aan tana gahee qabsaawaa jiru dha. Adeemsa xaxamaa diinotiin saba Oromoo ABO fuuldura afan hunda injifatuun yeroo irraa yerootti if jabeessaa fi if humneessaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa gulantaa itti aanutti tarkaanfachiisaa turee fi itti jirutti, sirna isaa hordofuun Kora Sabaa godhachuun daran akka of gurmeessuu fi cimsu wal gahiin GS-ABO 2016 tartiiba ittiin xumuramu murteessee jira.

Mooraa QBO daran itichuu fi jabeessuun imaammata dhaabbataa ABOn yeroo hundaa irratti hojjetu dha. Baroota as aanan kana yaaliin gama kanaan godhamu jajjabeessaa tahuu GS hubatee jira. Humna namaa, beekumsaa fi qabeenya Ummata keenyaa wal faana luuccessuudhaan diina keenya irratti tokkummaadhaan qabsaawuun bilisummaa Ummata keenyaa akka shaffisiisu kan wallaalu hin jiru. Waan taheef hojiin gama kanaan itti jiramu akka daran jabaatee itti fufu GS qajeelfama kennee jira.

Mootummaan TPLF/EPRDF gaaffii mirgaa ummatni Oromoo fi Ummatootni biroos gaafataniif deebiin kennaa jiru kan diinummaa fi gaaffii karaa nagaa humnaan ukkaamsanii dhaamsuuf kan akeekkate, farra nagaa fi sabatinsa naannichaa akka tahee fi hokkoraa fi jeequmsa naannichatti kan babal’ise tahuun lakkuma buluun hundaaf ifa tahaa dhufee jira. Tarkaanfii diinummaa fi gara jabinaa (faashiistummaa) fudhataa jiruunis akeeknii fi eenymmaan isaa inni dhugaa daran ifatti mul’atee har’aan tana guutummaatti biyyattiin bulchiinsa waraanaa jala galtee jirti. Murni TPLF/EPRDF waggoota as aanan lamaan, addatti ammoo waggaa tokkoo oliif labsii lolaa ifatti ummata Oromoo fi Oromummaa irratti labseen imaammatni sanyi-duguuggaa (genocide) waggoota 25 dabraniif golgaa dimokiraasii kijibaatiin Ummata keenya irratti gaggeessaa ture hawaasa Addunyaa duratti caalaatti saaxilamee jira.

Gumiin Sabaa ABO imaammata diinummaa fi loogii Sabummaa murni TPLF Ummatoota hunda irratti fi addatti ammoo Saba Oromoo irratti qiyyaafatee bara aangoo isaa guutuu gaggeessaa turee fi jiru (keessattuu ammoo maqaa labsii haala yeroo hatattamaa /State of Emergency/ jedhuun humna waraana isaa itti duulchisee roorroo Ummata keenya irraan gahaa jiru) sagalee jabaadhaan irra deebi’ee balaaleffata. Ummatni keenyas roorroo daangaa dabre kana of irra faccisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuun mirga isaa tahuu GS gadi jabeessee hubachiisa. Waan taheef murannoo ol aanaan sochiin jalaqame itti fufamee akka xumura itti godhamu akka qindeeffamu murteessee jira.

Yeroo Ummatni keenya mootummaa TPLF/EPRDF.iin addatti baafamee ifatti labsiidhaan humni waraana biyyaa jedhamu itti bobbaafamee qabeenyi isaa saamamaa, xiqqaa fi guddaan hidhaatti guuramee gidirfamaa, biyya irraa arihatamaa fi akka bineensaatti ajjeefamaa jiru kanatti kanneen miseensota OPDO, miseensota waraanaa, poolisaa, humna tikaa fi milishaa diinaa tahuudhaan Ummata irratti yakka dalagaa jiran hatattamaan gochaa badii kana irraa dhaabbatanii yeroon hiriira isaanii itti sirreeffatan amma tahuu waamicha ABOn deddeebisee godhaafii tureef deebi akka kennan Gumiin Sabaa cimsee akeekkachiisa.

ABOn ummata Oromoof qofa osoo hin taane cunqurfamaa hundaaf cunqursaa alagaa jalaa bahanii bilisa tahanii jiraatuu ni hawwa. Kana irraa kan ka’e ummatoota cunqurfamoo waliin hariiroo qabsoo ummachuuf hojjatuu irraa of qusatee hin beeku. Akka kanaan ABO dabalatee Jaarmayootni qabsoo Ummatoota cunqurfamoo afur kan waliin ijaaran Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii (TUBD) waan hundaan akka jajjabeeffamu GS KHR.tiif qajeelfama kennee jira.

Rakkoon Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa naannoo keenyaa furmaata waaraa argachuu kan danda’u yoo humnootni fi Ummatootni abbootii dhimmaa hundi (stake holders) qabsoo haqaa kan bilisummaa, nagaa, dimokiraasii fi guddinaaf godhamu irratti wal hubatanii fi wal dura dhaabbachuu dhiisanii waliif tumsan qofa tahuu ABOn ni amana. Waan taheefis wal hubannoo fi tumsa qabsoo akkasii argamsiisuuf irratti hojjetamuu akka qabu GS KHRf akeekee jira.

Ummatni Oromoo bilisummaa afaan qawweetiin sarbame deebisee gonfachuuf qabsoo bara dheeraaf mootummoota Itoophiyaa dhufanii dabran irratti gaggeessaa turee fi jiruun fedhii fi gaaffii isaa irra deddeebi’ee addunyaatti agarsiisee jira. Haa tahu malee mootummootni gariin haqa ummatni Oromoo qabu beekanii Oromoof tumsa barbaachisu gochuu mannaa mootummaa farra ummatootaa kan gochaa sanyi-duguuggaa (genocide) raawwatu waahelfatuu itti fufuun gaddisiisaa fi qaanfachiisaa tahuu GS-ABO jabeessee hubachiisa. Waan taheef, kanneen mootummaa kufuuf daddaaqamaa jiru kanatti lubbuu horuun jiraachisuu barbaadan kan halaalaa fi dhihoo hundi tumsa dippilomaasii fi tin’isa dinagdee godhaniif irraa dhaabuudhaan gaaffiin ummatootaa deebii haqaa akka argatu gochuu irratti akka hojjetan, kanaafis dhiibbaa barbaachisu akka godhan GS-ABO yaadachiisa. Hammeenya raawwatamuu fi tarkaanfii garajabinaa fudhatamaa jiru osoo arganii fi dhaga’anii akka hin arginii fi hin dhagahiniitti callisuun seenaa duratti gaafachiisaa tahuus GS dabalee hubachiisa.

Maayyii irratti, miseensotnii fi deggertootni ABO waliigalatti, addatti ammoo WBOn dirree falmaa, akkasumas, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaayyoo QBO galmaan gahuuf tarree duraa irratti hiriirtanii wareegama qaqqaalii baasaa jirtan diina Ummata keenyaa kan qabsoo keenyaan afaan boollaa irra gahe kana hobbaafachiisuudhaan qabsoo Ummata keenyaa galii isaa dhaqqabsiisuuf dirqama keessan dacha-dachaan akka ol kaastan GS yaamicha qabsoo haaromsa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
 GS-ABO
Muddee 27, 2016

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago