Categories: Oduu Oromiyaa

Ergaa haala yeroo (Koree qindeessituu warraaqsa biyyoleesa Oromiyaa irraa.)

Guyyaan:-_20/2/2017

Koree qinddeessituu warraaqsa biyyoolessa Oromiyaa irraa.

Gara:-Waldaa Ogeeyyota seeraa,Oromoo Addunya-

(International Oromoo lawyers Association-IOLA)

Dhimmi:- Haala qabatamaa Oromoo fii Oromiyaa kan ilaalu.

[Dubbii gabaabduu – Irbuu Oromoo]

Akkuma beekkamu rakkina MQBO keessa tureefii ammaas fala dhabee jiru furuuf yaaliin akkuma itti fufetti jira.Yaaliin manguddummaa kan yeroo dheeraaf qaamota siyaasaa jiddutti deddeebi’aa ture Itti fufuun, korri London fiii Atlantas kanumarratti kan xiyyeeffate ta’uus yaaliin addeemsa gufachiisuu qaamota adda addaan godhamaa akka turees beekamaadha.

Nuti akkuma waliigalaatti hayyoota Oromoo irraa komii jabaa qabna.Komiin keenyaas sochiin Qeeyroo biyya keessatti kan dhoohe turee jira.Yeroo dheeraa kana keessatti kora godhamaa ture irratti sochiin qeerroo adda durummaan kaafamuus Akka abbaa sochii kanaatti qooda nuun male dhabnee jirra.Kan dhaabota waldhbsiisaa ture waan nuti hujiirratti malee hirmaannaa irratti dagatamneefi. Nuti biyya keessa jiraannuus ala keessaa qaama bakka nuuf bu’u ergachuuf mirga guutuu osoo qabnuu hujii keenya dhaadhessaa hiree hirmaannaa nuuf qooduu dhabuu keessaniif baay’ee isin komanna.Kandarbe seenaaf haataa’u. Gara fuulduraatti kora dhimma QBO irratti taa’u keessatti barcumni keenya nuuf bana Akka ta’u kabajaan isin gaafanna. Kan darbe akkuma jirutti ta’ee, Kunoo ammaas korri sadaffaan ji’a march keessa USA DCtti afeeramee guyyaa lakkaawataa jira. Mee nutiis Ardii Oromiyaa keessa teenyee ergaa kanaa gadii gara keessa dhiheessuuf murtteessine.

Hunda dura nageenyi waaqaa bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu.

Ergaan keenya kan onnee jaalala bilismmaafii hawwii walabummaa Oromiyaa irraa burqe isin haa gayu.

Kabajamtoota qaalii Ilmaan Oromoo-
Dhaabbiilee siyaasaa Oromoo,

Hayyootaa fii Ummata Oromoo fii-
Akkasuma lammiilee Oromiyaa hundaaf.

Akkuma olitti eerre fii waliiniis eegaa jirru March 10-12tti 2017 kora dhaabbiilee siyaasaa Oromootu USA DCtti ta’uuf eeggamaa jirra.

Kana duraas bahii guddaa fii yeroo adda addaa fudhatee gaggeeffamaa turuus bu’aan argame hinjiru jechuuf of qabnuus haga ammaatti gaaffiin sabaa hindeebine.

Korri godhamu hundi maalif bu’aa dhaba?

Kan jedhu gaaffii hunda keenyaatti.

Deebiin gaaffii kanaa:- tooftaa qoqqoodanii bituu (gabroomsuu) kan imaammata diinaa ture mooraa QBO keessatti loohee galuun dagaagaa dhufeedha.Jidduu Oromoo seenee waliigaltee kan dhoorkaa jiruus isuma kana.

Korri USA DCtti godhamu kun murtii maayyii takka ummataaf ifa gochuun dirqama taha.Tattaaffii cimaa haga ammaatti taasistaniif galata keessan hindaganne.

Isiniifiis korri bu’aa hinqabne kun amma booda dhumatuu qaba.Eega lallabbii sabaa dhagayan murtii keessan fudhachuu didan gaabbiin kan isaanii ta’uuf jira.Hanqinni murtii laachuu dadhabuu Gara keessan yoo ta’ees gaafatamni guddaa gara keessan jiguuf deemaa jira.Isiniifii dhaabbiileeniis ofeeggannoon ammumaan Akka tahe cimsinee akeekkachiisna.

Yaaliin maayyii kuniis yoo fashale, Dhaabbiileeniis garaagarummaa isaanii qabatanii Oromiyaa irraa alaatti hafuu qabu. Baaburri Isaaniifii rakkoo isaan oomishan humnaa ol fe’atee tiratu kun achumaan qilee seenuu qaba.

Rakkina isaanii Oromiyaa naquun eenyuufillee abjuudha.

Nuti Garuu dargaggoonni fii ummanni Oroomoo biyya keessaa isaan faana hindhamaanu.Ummatni keenya diaspora jiraatuus qaamota garaagarummaa xixiqqoon bu’aa guddaa balleessaa jiru kana gargaaruu fii deeggaruus dhaabanii waan hunda biyya keessatti akka deebisan niabdanna.

Akka hangafummaatti yeroon fii carraa isaaniif kennamees dhumateera.Itti fayyadamuuf kan hafuuf yojiraate kora USA DC kana qofa. Dhiigaafii lafee,akkasuma lubbuu keenya darbaa jiruuf hadoodanii tarii yoo tokkooman jennee wareegama akkaan ulfaatu baasaa turre.Isaan garuu waan nuti wareegama qaalii kanaaf ifkennine nuuf hubatanii tokkoomuu hindandeenye.Wareegama nutibaasnu kanarratti aboomuu qofaaf anatu hojjate fii lakkii siimiti waliin jechuurratti jeequmsi saamicha Seenaa jidduu isaaniitti jalqame.Kuniis maqaaf malee wareegama keenyaaf dantaa dhabuun tarsimoo caasaa qeeyroo irraa golgaa saaqee diinaaf nusaaxile.Diinni keenya haasawa isaanii balaawaa kanatti fayyadamee gootota qeerroo hedduu galaafate.

Arii kasaaraa irra gaheen xiiqii kanseene djinni keenya yeroo ammaa kana saboota xixiqqaa kallattiin nurratti duulchisaa jira.Bahaan, Kibbaafii kibba bahaatiin Somalee, Lixaan Banishangul ,Kaabaan Afaarifii Amhaara,Jiddu galeessa Oromiyaatti Master Planii Finfinnee jechuun ummata keenya kallattii maraan boqonnaa dhoowwataa jira.Kanarratti dabalee Emergency of stat/labsii yeroo muddamaa labsuun saba keenya rakkisaa jira.

Warri dhaabbiilee siyaasaa ofiin jedhu kun kana hunda ilaalanii rakkoolee xixiqqoo isaan jidduun jiru madditti dhiisanii waan ummatataafii hayyoonni keenya isaan gaafataa jiru guutuu yoo hanqatan , Gochaan isaanii kun hujii ifiifiis badanii qabsoo kana balleessuuti.Kana godhuun diinummaadha.Ta’uus gonkuma nkuma hindada’amu.

Wanni fedhe ta’uus hanga galiirra ajjannutti qabsoon keenya hindhaabbatu.Bulchnsi Command post diinni labsu dhabamarraa isaan oolchuu hindanda’u. Eyyan Comnd postii Oromiyaa shaniin Kan diinaa shantama caccabsinee Oromiyaa keessaa baasuuf wareegama kamiifuu nuti ammaas qophiidha.Kan nutti hanqatu yoo jiraate warra ala keessaa mooqaa alanfatu kana irraa jijjiirama eegaa turuufiii hanqina hidhanmoo qofaadha.Kan fedhe ta’uus dhiisuus ammaan booda Hoggansi warraaqsa waligaalaa, Jiddu galeessi hujiilee hundaa Oromiyaa kaasaa ta’a.Yaaliin maayyii kun didamee jennaan ejjennoon keenya yeroo dhihotti bifa guutuun labsamuuf jiraata. Ummanni keenyaas rakkina dhaabbiilee siyaasaa guyyaa kana booda goolabee hobbaafata.Yoo sabni kun dhugumaan bilisummaaf dhumaa jiraate keessaaf alaa akka nufaana hiriiran ammumaan isaan afeerra.

Kaayyoon keenya:-

garaagarummaa bu’aa hinqabne kan diinaaf nu saakaalaa ture irra aannee QBO Dhaloota qubee dhunfachiisuudha.Isa faana hiriiruun Oromiyaa walaboomsuudha. dhufaaf dabraan ajjeefamuu sabaa keenyaa fii saamamuu lafaafii qabeenyaa xumuruudha.

Galiin maayyii:-

Humna qindaaween qabsoofnee diina Oromoo fii Ormiyaa barbadeessuun- Angoo tabaroo siyaasaa, Diinaggeefii Hawaasummaa Oromiyaa keessatti harka ummataa galchuudha.

Korichi kan milkii,Kan araaraafii tokkummaan morraa QBO tokkotti deebisuun Seenaa gaarii qabatu Akka ta’u hawwina.

Kan qoodame jala qoodamuun haadhaabbatu!

qoqqoodanii nu gabroomsuu eenyuufillee hin hayyamnu!

Oromoo,Dammaqi!

Qoqqoodamuu didadhu!

Ilmaankee waliin qabsaa’uuf roga hundaan qophaawi.

Tokkummaan humna !

Oromiyaan Niwalaboomti!

Koree qindeessituu warraaqsa biyyoleesa Oromiyaa irraa.

Gur -20/2//2017

For more information

Email-
Mobile-
Oromiyaa

_______________________________________

Gara galchi,

Adda Bilisummaa Oromoo-ABO/OLF

Adda bilisummaa Oromoo tokkome-ABOT/UOLF

Tkkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa THBO/ULFO

Kallacha Walabummaa Oromiyaa-KWO/FIO

Adda Walabummaa dimoratummaa Oromiyaa’AWDO/FIDO

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago