Oduu Haaraya

~Rakkoo OMN fi hojjettoota isaa gidduu turee fi jiru ilaalchisee qorannoo fi murtii kiyya~

~The Verdict is in (murtiin kennameera) 2696⚖️

 

OMN gaafa bu’uureffamu irraa eegalee rakkoo kaayyoo hin qabu. Rakkoon bulchiinsaa malee.

1.

OMN seera ittiin bu’uureffamaa (article of incorporation) guutee akka seera Amerikaatti galmaahee haa ijaaramu iyyuu malee seera ifaa kan gaazexxeessitoota ittiin bulchuu fi bobbaasu hin qabu ture. Rakkoon kun ani kan natti mul’ate yeroon prezidaantii Waldaa Hawaasa Oromoo Minisootaa(WHOM) ture gaafa bu’uureffama isaa irratti afeerameen ture. Haasaa kiyya keessattis OMN akka Oromoota mara wal-qixa tajaajilu (Communal harmony) dhaamsa dabarfadheen ture (daqiiqaa 15:25 irraa dhaggeeffadhu .https://www.youtube.com/watch?v=Nd0ANNXnjJk.) Kan dhaggeeffatee hubate garuu hin turre. Ani waanan yeros hubadhe keessaa:
~ Miseensonni jaarmiyaa siyaasaa ‘board of Trustee’ keessatti ramadamuun dubbii akka dabsu natti balaqqeessa’ee ture. Ulaagaan miseensonni boordii itti filaman illee dhoksaa ture. Hundi keenya iyyuu osoo shakkii sana qabnuu kaayyoon OMN ijaaruu 100% gaarii tahuu isaa waan itti amanneef bultiin jajjabeessina jennee bira tarre.
~Miseensonni boordii biyya gara garaa taa’anii waan hojjetaniif hojiin isaa saffisaan deemuu akka hin dandeenye xinxalee walgahii isaanii tokko irratti yaada kenne (video clip isaa barbaadeen dhabe). Akkuma kanaan waajjira MN kireeffatanii achi godaanan.
~ Ramaddiin koree hojii raawwachiifruu fi ‘local chapter’ qajeelfama ifaa tahe hin qabu ture.

2.

Rakkoon OMN yeroo bu’uureffamu irraa eegalee namoota bu’uureffamuu isaa keessaa qooda fudhatanii sababa garaa garaan keessaa hafan qorannee akka araarsinuuf miseensionni WHOM waan boordii WHOMtti dhiheessaniif boordiin prezidaantiin akka qoratee murtiif dhiheessu dirqama natti kennan. Anis namoota yeros hirmaanna keessaa qabaataa turan 1. Dr. Solomon Ungashee, 2. Mohamed Adamo, 3. Tigist Gamme, 4. Ahmed Yasin, 5. Jawaar Mohamed fi 6. Ayana Ayantutti xalayaa erge. Kanneen 4n duraa kabajaan deebii ibsa rakkichaa bal’inaan kan deebisan yeroo tahu Jawaar ammoo gaaffii keenya karaa board of trustee akka deebifamu nuuf akeekee ture. Board of Trusteen OMN illee osoo deebii hin kennin turee gaafa Abbaan Duulaa Minisootaa dhufe, dhufuu isaa sababa godhachuun miseensonni Board of trustee fi local chapter keessa turan karaa hawaasaa jeequmsa uumuu waan carraaqaniif dubbiin kun hawaasa bakka 2tti diiguu mala kan jedhuun sodaan natti seennaan boordiin dhimma kana akka qabbaneessu taasiseera. Hawaasnis diigumsarraa hafee dubbiin isaa qabbanaawee OMNis hojii isaaitti fufe. Anis gaafa kana pirezidaantummaa irraa lakkisuu akkan qabu boordiiwaliin marihannee filannoo haaraa geggeessinee aangoo dabarsee bu’e. Dubbiin isaa akkanumaan rarra’ee hafe. Miseensonni ‘board of trustee’ OMN turanis tokko tokkoon keessaa luqqa’uutti ka’an.

Rakkoon kun maaliif bubbule? Badiin isaa kan eenyuu ti?

~~Rakkoon OMN keessaa calqabaa hanga ammaa dadhabiinsaa fi itti gaafatamummaa ‘Board of Trustee’ ti. Sababni isaa gaafa eegalaa irraa kaasee sababa namoonni akka Dr. Solomon, Mohamed Adamo, Ahmed Yasin, Tigist Gammee . .. kkf maaliif akka keessaa hafan qoratee murtii dabarsee murtii sana uummataaf beeksisuutu irra ture. Itti fufiinsaan rakkoo dhalaa deemu furaa, seera ittiin bulmaataa fi ‘ethical leadership prilciples’ hojii irra oolchaa deemuun barbaachisaa ture. Akkan hubadhutti bulchiinsi OMN laissez-faire (akka-feetee) natti fakkaata. Tartiibni hojii, daangaan hojjettootaa, caasaan ajajjaa isaanii ifaa miti. Seerri hojjetaan ittiin bulu seera hojii mootummaa naannoo Mineisotaa ti. ‘Employment at will’ jedhama. Hojjechiisaan yeroo barbaadetti hojii irraa si geggeessuu dandaha, atis yeroo barbaaddetti hojii lakkisuu dandeessa sababa tokko malee. Yoo hojii irraa arihamte gargaarsa mootummaa torban 26f argachuu dandeessa. Hagasitti leenjii tolaa fudhattee hojii biraa barbaaddatta. OMN ammoo seera keessaa hojjetaa isaa ittiin bulchuu fi naamusa isaan hordofuu qaban ibseefii koppii isaa faayila dhuunfaa isaanii keessa kaa’uu qaba. Dhimmi isaa kana osoo tahee jiruu rakkoo hanqina bulchiinsaa kana irraan kan ka’e hojjettooni hedduun lakkisanii deemuu dandahaniiru. Kan sababa dhuunfaa ykn sababa xiqqeenya miindaaf dhiisan illee jiraachuu malu. Tokkoon tokkoon isaanii waanan qoradhee hin gaafatiniif kun tilmaama kiyya.

~~Namoonni hojii irratti ramadaman, dirqama oduu gabaasuu fudhatanii deeman ifaan hin kaa’amne ykn ammoo sirriitti hojii irra hin oolle. Fakkeenyaaf osoo gaazexeessitoonni dhaabbatoon jiranii namoonni hojjetaa OMN hin taane dirqama hojii irratti bobba’uun waan seera dhaabbatichaa cabsu tahee natti argameera. Kun badii tahuu isaa ‘Board of Trustee’n ykn ‘Executive Committee’n wal’aalee osoo hin taane maaltu na-dhibeen callisee ilaaluufi itti gaafatamummaa isaa ofirraa dhiibuu tahuun isaa ifaa dha. ‘Board of Trustee’n waan sadiin itti gaafatama qaba 1. Due diligence, 2. duty of care and 3. Loyalty. Kana hir’isee argameera.

~~Kana osoon beekuu rakkoo OMN mudatu hundumaaf Jawaar Mohamed itti gaafatamaa gochuu fi balaaleffachuun sirrii miti. Sababni isaa yeroo inni daangaa dirqama isaa irra darbu kan qabee dhaabuu qabuu fi itti gaafachuu qabu qaama 2tu jira. Board of Trustees and Executive committee. They failed, and they failed the staff. Kanneen hojii irraa lakkisan mara galmee isaanii qoratanii murtii haq-qajeelloo (⚖) kennuun fardii ture. Kana hin goone. Uummatatti bahanii itti gaafatamummaa fudhachuu qaban.

~Jawaarii fi Abdii:

OMN bu’uura isaa irraa egalanii waliin deemuun uummatatti dubbataa, galii funaanaa turan. Yeroo dheeraaf sadarkaa walqitatti hojjechaa turanii gaafa Jawaar hojii geggeessaa tahu sadarkaan isaanii wal caalee ajajaa fi ajajamaatti jijjiirame. Calqaba irraa eegalee waan kana qalbeeffachaan ture. Jarri 2n akka sangoota hamtuu waliin gaareffataa waggaa sadii dabarsan. Qaamni bulchiinsaa silaa dubbii kana ilaalee hundee jalatti buqqisuutu irra ture.

Badii Jawaar:
Bakka ayyaanni OMN itti kabajamu hundumaa ofiif deemuu, namoota biraa erguun; oduu gabaasuuf osoo hojjetaan sirnaa mindaan ramadamee jiruu namoota biraa akka sagantaa OMN yeroo yerootti geggeessan gochuun haamilee gaazexeessitoota OMN kan cabsuu fi qulqullina hojii illee kan xiqqeessuu dha. Osoo Abdii fi Dajaneen (keessattuu kan waa’ee Ertiraa beeku) jiranii namoota biraa Ertiraatti bobbaasuun anaaf tuqaalee itti gaafatamummaa irra tarte waan taateef-Jawaar badiikee kana itti gaafatamummaan fudhadhu. (kanaan duras yaada kana irratti waa jedheen ture)

Badii Abdi:
Bu’uuressaa OMN yoo ta’e iyyuu hojjetaa OMN ta’ee caasaa OMNf hanga hojjetutti ajajaan isaa Jawaar tahuun ifaadha. Kan isa ajajjuu fi sagantaa hojii isaaf baasu Jawaar waan taheef waliin marihatanii hojjechuun dirqama. Itti dabalee ammoo rakkoon OMN keessa yoo jiraate achumatti hiikuu malee soshal mediyaatti bahanii rakkoo ofii ibsachuun dansaa miti. Kun badiidha. Bu’uurri hojii isaa Oromummaa fi haqa qofa malee gartummaan barbaachisaa natti hin fakkaatu. Waan kana waanan caqaseefan ‘’xaqqase’.

Akka kanaan,
adeemsa rakkoo turee kana qoradhee badii karaa hundaan ture iyyuu xiinxalee murtii armaan gadii kana dabarseen jira: Galagalchiin isaa Board of Trustees, Executive Committee, Jawaar Mohamed, Abdi Fixe fi hojjettoota OMN biroo akka qaqqabu akka tahu.

Murtii:
1. Koreen hojii geggeessituu fi Boordiin bulchiinsaa OMN Jawaar Mohamed fi Abdi Fixe walitti fidee 2n isaanitti dinnina kennee Abdiin hojii isaatti akka deebi’u,

2. Gara fuula duraatti rakkoon akkasii akka hin uumamneef boordiin daangaa hojii ifa baasee, seera naamusaa (ethical leadership) akka jiraatuuf haala mijeessuun barbaachisaa dha.

3. Boordii fi hojii geggeessitoonni OMN of sakatta’anii bifa uummataaf ifaa taheen of haa qeeqan uummata dhiifama haa gaafatan,

4. Uunnammi Oromoo gandaa fi kutaan walirra goruuf wixxifatu MARTI gab . . .gab . . . gab . . . jedhee akka dubbii kana dhaggeeffatu akka tahu ajajmeera.

Namin ajaja kana hin fudhanne, dhalee hin guddifatin, hoosisee hin elmatin. Haa doomu. Oromummaan irraa haa mulqamu!

Yetandiriq,
St Mathias of The Giddaa Qumbii,

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. BRING BACK ABDII FIIXEE!!!! ELIMINATE wayane agent JAWAR MOHAMED FROM OMN!
    Abdi Fixee not only CONCEIVED (together with Dr. Solomon) and FOUNDED OMN, but he became victim of the a stray dog he lifted from trash to a national level!!!!! Who was the first person to defend and publicise Jawahr mahamed when he became under fire from habasha after saying I am Oromo first? Go back and check the videos. From now on, oromos should make no difference between Jawar and Abay Tsahye. Abdii Fiixee represents millions of Oromos. He is the only person among OMN staff who does not need to prove that he has no connection with wayane, one way or another. A clean, clear, sincere and untainted oromo nationalist. Jawar simply does not want to see genius Oromos next to him. I urge the BOARD of OMN to FIRE JAWAR MOHAMOD immediately, once and for all and bring back all oromo nationals he fired. I urge oromos not to pay even one cent until Jawar is fired from OMN. There will never be peace in OMN or unity of oromos as long a he remains in the organization.