Oduu Haaraya

Aaddee Munaa Mohammed Ibro Bitoteysa 17/2015 biyya Masrii Magaalaa Kaayrotti Du’aan Addunyaa kanarraa Boqatte jirti .

Oduu Gaddaa : Bitoteysa 19/2015 Magaalaa Cairo:

Aaddee Munaan kan itti dhalatte Baha Oromiyaa Aanaa Dadar Araddaa Soddomaa bakka ja’amtutti akka lakkofsa faranjjii 1996tti dhalatte.

Kan itti guddatte ammo Magaalaa Dirre Dhawaa Ganda Garaadaa Ganda 01ti.

Aadde Munaa Mohammed akkuma biro miidhaa Sirna Bulchiinsa Wayyaanee jalaa baqatudhaan 2014 keysaa biyya abbaa isii gad dhiistee Baqattummaan Biyya Masrii Magaalaa Kaayro keysatti jiraachaa turte.

Garuu Duuti waan hin olleef Bitoteysa 17/2015 Iddo Hujii yk Mana Madaamitti Gamarraa Sa’aati 6tti Qaama dhiqatuuf akka Shaawara sentetti manaa shaawaraa keysatti hafte.( Lubbun Irraa Baate)

Gutuun Oromota Magaalaa Kayrotti jiraatanii Du’aan Boqachuu Aaddee Munaa Mohammed akka dhageyaniin iddo hujii isii Ganda ” Gaarden Sitii ” ja’amutti walgeyan.

Wayta Sa’aan Sa’aa Afur taatu makiinaa Motummaan fudhamtee Mana Reefkaa ” Zenhum Sayyida Zenab” geyfamte , erga Doktoronni Du’aan Boqachuu isii mirkaneysanii akka awwaalamtuuf hayyama baasan.
Dhaabbanni Baqataa Addunyaa UNHCR dameen Cairotiis awwaalamu isitiif hayyama godhee jira.

Haala kanaan Bitoteysa 19/2015 bakka Baqattonnonni Oromo Biyya Masrii baayyinaan argamanitti sirna awwaalcha isii raawwate.

Bakki yk iddon sirni salaata ” Janaazaa ” isii itti raawwatame Masjiida guddaa “Hayyil Aashir Masjidu Salaam ” bakka ja’amutti irratti salaatameen bidatti iddo awwaalcha islaamota tan taate ” Maqbarat Rabi’a Al-Adawiyya ” ja’amtutti sirna miidhagaa fi bonssaan awwaalamtee jirti.

Erga sirni awwaalchaa raawwatamee bodaan Aalimni Oromo Guddaan Shek Mohammed Saaniin Haala Du’artaa Gorsa gaarii hirmmaattota sirna awwaalchaaf godhanii jiru.

Akkasuma Gutuun Hawaasa Baqataa Oromo Du’aan of biraa dhabuu Aaddee Munaa Mohammed Ibrotti kan gaddan tahuu ibsanii sirni awwaalchaa kuni bifa miidhagaa kanaan raawwatu isaatiif hojjattota Pistiikii fii shek Mohammed saanii fi warreen guyyaa sadii gutuu hamma sirni awwaalcha isii raawwatutti qodaa fi hirmmaannaa guddaa godhan hunda galatomffatanii jiru.

Nus gara kenyaan Addee Munaa Mohammedif Araaramaa fi jannata kadhachaa Firaa fii Aalii isii hundaaf jajjabina hawwina.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …