Oduu Haaraya
omn abbaa duulaa

Abbaa Duulaa gaazeexeessitoota OMN wliin qanani’aa jira jedhu..

Dhugaa Baasi

 

Dhugaa Baasi atii hojiin kee hojii ummata qoqqoodu dha jettanii na arrabsaa turttan. Yeroo OMN wantaa dhugaa hin taane post godhaan aniis isinitti hima ture garuu ummanni keenyya na arrabsaa turan atii wayyanee dha atii maalo dha jedhanii wan hin taane natti himaa turan.

Maal ree kunoo gaazitonni OMN walgahii misooma fi guddina transfoomeesini biyyattif walliin haasahuuf taa’an suura kun ragaa bahaa.

OMN ILAALCHA isaani jijjiranu isinitti himeen turee isiin ammo atii maraata dha nan jettanu…..amma hoo dhugaan kan eenyyuti?

Olola hammana hin jedhamnne TVO irratti dabarsuuf adeema jiran. Ololli kunis warri OMN nuwajjin hojjachuufi OMN fi TVO gargarrumma hin qabuu.

suura kana keessa gaazitonni OMN ‪#‎Usman‬ ‪#‎ukumee‬ , ‪#‎Alemayehuu‬ ‪#‎Kenea‬ fi ‪#‎Abdii‬‪#‎Fitee‬ dha. Akkasumas Jawar Mohammed nannawa sanatti argameera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

8 comments

  1. ***OMN crew having dinner with Abba Dulla***
    It remind me one of those employee appreciation day when your higher boss decide to treat you for your countless contributions. Then comes your immediate boss making sure that every employee is available to the meeting with thier best behaviour and with presentable dress code. You sit behaved around the table gazing at your host with tension and confusion, best represented by Alemayehu. Or, You may be unfortunate enough to have a sit next to a host and it becomes your duty to keep the conversations going. Then You face that uncomfortable moment when your host struggle to hear your shy and low tuned voice, best represented by the guy who rub his hair. Or, here you are, the guy with glasses, on the verge of dying of boredom. You look for any venue to get away from that area and desperate enough to consider escaping thru a roof.
    On a serious note, I believe individuals have the right to meet up with anyone they choose. However, the decision to have almost every crew at the same place and at the same time must have come from OMN higher ranking officials. I would hope that would be either Executive Director, Board of Trustee or Editorial Board or well…
    Here is the biggest catch; these are supposedly independent and free minded journalists who would potentially report the wrong doing of an official leading a country with current, real time, reputation of abusing human rights. After this treats how would you think their reporting is not compromised?
    Personally, I am still in denial that this infact has happened. It will take me time to comprehend and to convince myself that people who are responsible for killing our little brothers and sisters less than a year ago are sitting and fiesting with us.

  2. Dhuga baasi,

    Warri ati akkan ati akkasi siin ja’an bar warra yaada dhiheessituun mormuu hin dandeenye. Warra qubaan lakkawaman kanneen qabsoo bilisummaaf odoo hin taane dantaaf maqaa sii balleessuu barbaadaniif maalo gurra hinlaatin.

    Boojihamaa TPLF aangoo muuddee ummata Oromoo tiin sobdu maal gaafatu? Deebisaa hoo tan akkam irraa eeggatu? Isaa waiin hoo taa’anii akkamitti midhaan garaa nama sena. Eekiraan ilmaan Oromoo kan isaan galaafatan laata maala namaan jetti.

    Waa tuffaatamnee

  3. Gaazeexeesitoonni OMN Abbaa Duulaa Galatoomfatan

    Abbaa Duulaa gaazeexeessitoota OMN wliin qanani’aa jira jedhu.. Akka maletti sii dabarsan. Dhugaan:- Gaazeexeesitoonni OMN Abbaa Duulaa galatoomfachaa jiruu dha.

    Akkuma itti taa’an irraa huu in hubattuu.

    • hamza1832013@gmail.com

      Kanaan dura yeroo waan Namni Dhugaa baasi jedhamu barreesse arge tokko nama kana nama dhimma yookiin waldhabdee namoota muraasa wajjiin qabu natti fakkaate. Amma garuu kan ani hubadhe namni kuni diina ummata oromo kan tokkummaan oromo isa gubaa jirtu ta’uu mirkaneeffa dhe. Kanaafuu you bastard dhugaaa basii stop your hatrade for OROMO. Diqaala dha ati, tokkumma oromoo diguu gitabittootni oroo jaarraaf itti hojjataa turaniiyu hari’a hongayuu isaanii mirkaneeffatanii jiru. Oromoon naannaa namicha kanaa jirtan nama kanaa afaan isaa qabsiisaa.

  4. Gazexessoota OMN kana booda amanuun ni ulfaata.Abbaa Duulaa faana Irbaata yeroo nyaatan maal mar’atan laata?Dimmi kun Oromoo jalaa dhokataa dha.Tarii Finfinnee irraa lafti kennameef moo OMNf baajetni ramadameef.Kana irraa ala hin bahu.TPLf or OPDO irratti ololuu duraan wolii galan.Dhimma QBO ajandaa isaanii miti.Yaa horii ilmaan oromoo OMN dhaabuuf dhangal’ee.Sabni keenya akkas nu gootu hin seene.Dargaggoo, dhaloota qubee ofiin jechaa OPDO jala deemtu.Dhaloonni qubee biyya keessaa falmata jira.

  5. I am speechless. Simply speechless. Oromoos should be outraged. Jarri kun doofummaa hoonga hin qabne akka qaban nin beeka. Garuu, kun tuffii hoonga hin qabne malee, doofummaa duwwaa miti. Congrats to the OMN boys for beating ESAT to Abbaa Dulaa’s (Minase) dinner table!

    The saddest thing is that they all look like a bunch of puppies waiting for their master to throw the next piece of meat.

  6. Yaa obbo Dhugaa Baas ofiin jettee qalbii kee amansiifte, wayi maqaa sitti hin hafne dhugaa baas? kkkkkkk ati umurii guutuu hojiinkee diiggaa dha. Waanta kana waan diiguuf tattaafachaa turteef qabatama gochuuf tattaafachuunkee hedduu nama hin raaju. Garuu siiti diigimiyaaf uumame irra warruma ati hidhata diinaa qabu kanaaf Abbaa Duulaa waliin taa’u jechuuf deemtu kanatu Oromoof bu’aa qabu. Ati sammuu waa hojjechuu irra sammuu waa diiguu, sammuu waa hammeessuu, sammuu ololaati rabbi siif qoode. Waan rabbi siif qooda yoo dhuma rabbi si keessaa baase malee keessaa bahuu hin dandeessu tahuu baannanis guyyaakee eeggattee summii kee waliin biyyee seenta. Waan na dhibu atii fi horteen keessan guutuu maaliif rabbi warra waa diigu, warra waa yakku mandhee diigimiyaa fi hammeenyaa akka isin godhe naaf hin galu. Isin hundii horteen ati irraa dhalatte akaakoo kee irraa jalqabee obbolaan kee hundi warra abaarsaa, warra cubbuuti. Kana rabbumti sin haa gargaaru. Waliif hin taatan, Oromoof hin taatan maali yaaki warri abaarsaa akkasii kun. Muu goggogi.

  7. You just don’t dine with someone who killed your brothers and sisters. Oromoo biratti, wajji nyaachuun wal jaalachuu dha. Nama wal jaalatuut wajji nyaata.