Oduu Haaraya
abdi qophee

ABDI QOPHEEN EENYU?

Najiib Zannuun irraa

Abdi Qopheen eenyuun
wal hin gaafachiisuu
Seenaan isaa hundi
kan eenyummaasaa ibsuu
Har’a du’aan dhabnee
nullee hadiyyoomsu,
Wanni lafa nuuf kaa’e
kan daran nu boonsu.

Madda aartiiti
kan waraabbameen dhumne,
Burqaa walalooti
kan yoomuu hin gooyne,
Abbaa Oromootaa
kan dagatamuu hin taane,
Abdi Mahammad Yuusuf
du’a Rabbiin dhabne.

Isa Rabbiin badhaase
kalaqaa-sammuu
Hanga har’aa hin jiru
kan bakka buufamu
Abbummaan fedheehuu
isaan hin qixxoomuu
Khaaliqni ol tahe
isaaf haa araaramu!

Walaloon dubbachuun
rakkoo saba keenyaa
Haala yeroos ta’ee
tan jiruuf jireenyaa
Hunda irraa himuun
tan toltuuf jabeenyaa
Gammachuu fi gadda
dhabaa fi qabeenya
Wal-dhabbiis ta’ee
tan waliin jireenyaa,
Hundaan walaleeyse
Abdi Qopheen keenya
Isa walliftoota Oromoof,
kan ta’e fakkeenya
Silaa jiruun malee,
maal godhuu dandeenyaa!

“Wanni illaan seente,seentee aagibeeysite
Darbuu malee lamuu hin toltu deebitee”
Kunuu jecha isaati kan gaafas dubbatee
Kana qofaa mitii hin dhumtu himamtee.

Guddisaa afoolaa
Kunuunsaa aadaa
Burqaa jechootaa
fakkii sirna gadaa
Utubaa aartii
Fuullee artistootaa
Gumaachaa hundaa
Uuda walliftootaa
Tanaaf Oromoonni
Isumaan dhaaddata.

“Mayra dhiigaa lafee
oromoota kum meeqaa
Dhiigaan si tiiyfannaa
sittin dhiifnuu tuqaa
Alaabaa Oromiyaa
faajjii walabummaa
Qophaawoo yoomiyyuu
nu siif wareegamaa.”
Alaabaa faarfatuun
walaloodhaan hima.

Bakka tantee ta’ee
si keessaan dubbataa
Walaloolee isaa
keeysatti if gartaa
Deebii waan yaaddeef
takka way rakkattaa,
Kuusa walaloo isaan
waan yaadde himattaa.

Jaalala dhugaa,
roorroos ta’e warraaysa,
Haadhaa fi abbaa
obboleeytiif obboleeysa,
Haala saba isaaf
badhaadhina biyyasaa
Hunda hammattuudha
mi’aan walaloosaa
Rabbiin haa naqu
jannatasaa keessa!

Roorroof biyyaa bahees
osuma jiraatuu
“Jiruun biyya ormaa
akka tan ifii hin taatuu
Biyya tiyya galee
lubbuun too haa baatuu”
Jechuun biyya galee
osoo tattaafatuu
Silaa duuti hamtuu
tokkorraa hin ooltuu
Hedduudha gaddine
gaafa nurraa saamtu.

Abdi Qophee keenya
ilma Mahammad Yuusuf
Jannata ol’aanaa
Rabbiin haa kannuuf!
Warra jajjabeeysee
joollee haa guddisuuf
Galannisaa hin dhumuu
Waaqni haa deebisuuf!

Yoomuu hin dagannuu
dagachuu hin taanee
Abdi Qophee keenya
hayyuu hoongan qabne
Arra du’a Rabbiin
isaan gargar baanee
Jannata kanniif
Gooytaa si kadhanne!
__________________
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …

2 comments

  1. Excellent tribute to this great man in the language he mastered.

    He was not just a gifted artist, but he was also selfless and dedicated activist who gave up all the joys of this life and made the ultimate sacrefice for what he bleived in.

    “Hidhatarraan yaa hidhannoo zinnaara
    At hin dhufin, naatu dhufee si laalaa
    Yaa hiriyoo halaalaa”

    Jaalle Jaarraa Abbaa Gadaa was in Malkaa Bal’oo when Abdi released this song. They were both in their prime. We are forever indebtted to and proud of them.

    May they enjoy all the joys there may be where they are.

    Thank you Najib for remembering and reminding us Abdi.

  2. Sabaanbointuuwalloo

    Hara’aa ati duutu seenna kee nijiraa dhalloonni qubedhaa itti sii yaadata