Oduu Oromiyaa

ABO fi Mooraa Qabsoo Oromoo Humneesuu Laalichisee Iyyannaa Gara Ummata Oromoo Maratti

Nuti miseensotni ABO Shanee Gumii nannoo USA, Canada, Kenya, South Pacific, Europe jirru fi akkasummasi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) sababaalee armaa gadiitti tarrifaman, haala hoogganni dhabichaa yeroo ammaa keessa jiruu fi rakkina tokkomni mooraa qabsoo yaadamee lafa irra harkifamuu laalichessee ABOn rakkoo keessa jirachuu isaa abbaa qabsichaa ummata Oromoo hubachiisuun furmaatni akka soqamu iyyanna.

1. Rakkoo hoogganoota keenya qunnamee keessa:
a. Jaal Abbaa Caalaa Laataa biyya Sweden dhaquun qubsumma gaafatuu,
b. Jaal Bultuum Biyyoo biyya Uganda irra karaa biyya Australia ti godanaa jiraatu,fi
c. Jaal Abdii Raggaasaa yeroof Shanee Gumii keessa baa’ee biyya Uganda galee jiru.

2. Rakkina yeroo ammaatti dhaaba keenya takaalanii jiraniif furmaata dhaba irra kana kaa’een hoogganottin keenya fi dhaabichii facaa’aa jira. Kunoo ammoo  baalaa guudaa dhaabaa keenya irra gaa’aa jira.

3. Yeroo ibsii wal-hubannoo bara 2012 Shanee fi Qaama Cehumsaa waliin labsame nuti hundi keenya mooraan qabsoo bilisumma walii gaaluufii  gammachuu keenya karaa adda addaa tiin dabarsaa  ture haa taa’uu malee deebiin dhumma irra gaa’ee  mooraan qabsoo waliitti qabu ottoo hin taane waaraa “Marrii” (ODF) akka bakka hin argane ture kan jedhuu lafa jala odeeffama. Haallii kun ammoo miseensoota giduttii rakkina fidee jira. Akka ilaalcha keenyaattii tokkuummaan dhugaa qabsawota Oromoo dirqii dha.

4. Akka H/D dhaabichaattii namni gaafatamaa  olaanaa qabu Jaal Dawud Ibsa taa’uus kallattiin yaadachiifna. Rakkoon haalaan yaaddeessaa ta’een dhaabichii diigamaa yeroo deemaa jiruttii maal dhibdiin callisuun isaas nu ajaa’iba.

5. Akkasummasii rakkoon qabsoo keenyaa booji’e inni guudan moottumma Eretria taa’uun addaatee ummata Oromoo birattii akka beekamu qabu yaadachiifna.

5. Diinnii biyya keenya qabatee jiru ummata keenya lafa irraa dhabamsiisaa tibba jiruttii Dhaabni keenya waltajjii rakkinaa hooggona fi meseensoota taa’ee ittifufuun daddaffiin furmaata argatuu dhabuun yaadoo guuda nuti bulchee jira.

6. Yeroo ammaan tana dhabbileen Oromoo walitti dhuufani mooraa qabsoo bilisummaa jabbeessuuf tattaafataa jirantii dhaabiin keenya  garuu garee offii irra darbanii laaluu hin dandanye. Kun dhaabica keessatti rakkina guudaa nutti taa’ee jira.
7. Hariiroon qabsaawotaa jidduu hafuura jaallummaa ture hafee maqaa nannootiin ija adda addaa tiin akka walii illalluu taasifamee jira. Haallii akkanaa ammoo akka hubannoo keenyaatti yaakka guuda dha.

8. Maqaa qabsoo hidhanootiin maallaqni ummata irra guuramma jiru, qabsoo bilisuummafii olluun haafee danta mataa offirra oolchuun rakkina taa’ee jira. Kanas akka ummatni keenya bekkuuf dirqama keenya taa’ee jira.

Ummatni Oromoo biyya keessa fi alaa jirtaniif qabsoo bilisummaa deggertan rakkina keenya kana hubnataan akka hooggonnoota keenya irra dhibaa gootan kabaja Oromummaan isiin gaaffanna.

Hooganootni keenyaas sagalee fi yaaddoo miseensotaa kana ijaa kabajaa qabuu fi qalbii jaalluummaan ilaltanii dhaabichii rakkoo keessa seenee dhoksuu osoo hn taanee ifattii marii miseensotaan akka furmaatnii waaraan argamuu irrattii hojjeettan kabajaa jaalluummaan isinittii iyyaanna.
Miseensoota ABO Shanee Gumii
Naannoo USA fi Canada,
Naannoo Kenya
Naannoo South Pacific
Naanno Europe
Miseensotina WBO
Injifannoo Ummata Oromoof

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago