Oduu Haaraya

ABO fi Mooraa Qabsoo Oromoo Humneesuu Laalichisee Iyyannaa Gara Ummata Oromoo Maratti

Nuti miseensotni ABO Shanee Gumii nannoo USA, Canada, Kenya, South Pacific, Europe jirru fi akkasummasi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) sababaalee armaa gadiitti tarrifaman, haala hoogganni dhabichaa yeroo ammaa keessa jiruu fi rakkina tokkomni mooraa qabsoo yaadamee lafa irra harkifamuu laalichessee ABOn rakkoo keessa jirachuu isaa abbaa qabsichaa ummata Oromoo hubachiisuun furmaatni akka soqamu iyyanna.

1. Rakkoo hoogganoota keenya qunnamee keessa:
a. Jaal Abbaa Caalaa Laataa biyya Sweden dhaquun qubsumma gaafatuu,
b. Jaal Bultuum Biyyoo biyya Uganda irra karaa biyya Australia ti godanaa jiraatu,fi
c. Jaal Abdii Raggaasaa yeroof Shanee Gumii keessa baa’ee biyya Uganda galee jiru.

2. Rakkina yeroo ammaatti dhaaba keenya takaalanii jiraniif furmaata dhaba irra kana kaa’een hoogganottin keenya fi dhaabichii facaa’aa jira. Kunoo ammoo  baalaa guudaa dhaabaa keenya irra gaa’aa jira.

3. Yeroo ibsii wal-hubannoo bara 2012 Shanee fi Qaama Cehumsaa waliin labsame nuti hundi keenya mooraan qabsoo bilisumma walii gaaluufii  gammachuu keenya karaa adda addaa tiin dabarsaa  ture haa taa’uu malee deebiin dhumma irra gaa’ee  mooraan qabsoo waliitti qabu ottoo hin taane waaraa “Marrii” (ODF) akka bakka hin argane ture kan jedhuu lafa jala odeeffama. Haallii kun ammoo miseensoota giduttii rakkina fidee jira. Akka ilaalcha keenyaattii tokkuummaan dhugaa qabsawota Oromoo dirqii dha.

4. Akka H/D dhaabichaattii namni gaafatamaa  olaanaa qabu Jaal Dawud Ibsa taa’uus kallattiin yaadachiifna. Rakkoon haalaan yaaddeessaa ta’een dhaabichii diigamaa yeroo deemaa jiruttii maal dhibdiin callisuun isaas nu ajaa’iba.

5. Akkasummasii rakkoon qabsoo keenyaa booji’e inni guudan moottumma Eretria taa’uun addaatee ummata Oromoo birattii akka beekamu qabu yaadachiifna.

5. Diinnii biyya keenya qabatee jiru ummata keenya lafa irraa dhabamsiisaa tibba jiruttii Dhaabni keenya waltajjii rakkinaa hooggona fi meseensoota taa’ee ittifufuun daddaffiin furmaata argatuu dhabuun yaadoo guuda nuti bulchee jira.

6. Yeroo ammaan tana dhabbileen Oromoo walitti dhuufani mooraa qabsoo bilisummaa jabbeessuuf tattaafataa jirantii dhaabiin keenya  garuu garee offii irra darbanii laaluu hin dandanye. Kun dhaabica keessatti rakkina guudaa nutti taa’ee jira.
7. Hariiroon qabsaawotaa jidduu hafuura jaallummaa ture hafee maqaa nannootiin ija adda addaa tiin akka walii illalluu taasifamee jira. Haallii akkanaa ammoo akka hubannoo keenyaatti yaakka guuda dha.

8. Maqaa qabsoo hidhanootiin maallaqni ummata irra guuramma jiru, qabsoo bilisuummafii olluun haafee danta mataa offirra oolchuun rakkina taa’ee jira. Kanas akka ummatni keenya bekkuuf dirqama keenya taa’ee jira.

Ummatni Oromoo biyya keessa fi alaa jirtaniif qabsoo bilisummaa deggertan rakkina keenya kana hubnataan akka hooggonnoota keenya irra dhibaa gootan kabaja Oromummaan isiin gaaffanna.

Hooganootni keenyaas sagalee fi yaaddoo miseensotaa kana ijaa kabajaa qabuu fi qalbii jaalluummaan ilaltanii dhaabichii rakkoo keessa seenee dhoksuu osoo hn taanee ifattii marii miseensotaan akka furmaatnii waaraan argamuu irrattii hojjeettan kabajaa jaalluummaan isinittii iyyaanna.
Miseensoota ABO Shanee Gumii
Naannoo USA fi Canada,
Naannoo Kenya
Naannoo South Pacific
Naanno Europe
Miseensotina WBO
Injifannoo Ummata Oromoof

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

4 comments

  1. Kijiba dhisaa! warri arcaatun kun oloola keessan isa waggaa sadii dura dhabatee ture akka harawwati eegaltanii?

  2. nama dhamma ABO yeroo kamu caalaa jabaacha jira wantii ta’eef hin dhaamina Abba Caalaa Laata Waxabajjii 28 fi 29 walghii miseensoota fi walgahii ummata irraa ture akkasumas miseensa ABO biyyaa alaa jiratu guyyaa kabaja SBO waxabajjii 15 ,2013 qooda fudhachun filmii WBO ummata walgahii Awuurrooppaa irraa qooda fudhachata turan ragaa wanii tureef kijibaa fi namoota moora qabsoo bilisummaa oromoo gudachuu isaati garaan gubatte kanaafuu itti hin milkoftani abshir

  3. Ayyaantu, Dubbiin akka kanaan maqaa namootaa xureessu kana dura yeroo adda addaatti Bilisummaa.com irratti ba’a. kun ammo akka nammi mana sana bane hin ilaalle godhe malee bu’aa hin argamsiisneef an akka nam tokkootti ergasii Bilisummaa.com bane hin ilaalle. malliis Midia sobduu wan ta’eefii irra deddebi’ee waan sobaa waan oromoo diigu qabsoo Oromoo xiqqeessu waan barreessuuf kanaaf isin mee waan akkasii irraa yoo of qusattan hin badu. dhiifama gaafachuun keessan waan guddaadha.
    Diinni keenya waa’ee keenyatti hedduu cinqama, nu hinaafa,Oromoon akkasii illee hedduudha.kanaaf mee nu wal haasuphinu,nu qilleenssa keenya cufanaan diinni carraa ittin nu seentu hin qabduu.
    Galatomaa.

    Reply
    dhugaa says:
    30/06/2013 at 5:40 am
    akkaa wannii barreeffamee sun sobaa ta’ee yaadaa mataa kiyyaa kennaa osuun jiruu wannichaa yoo isiin asirraa kaaftanaan argee baayyees gammadee wantii akkanaa godhameef akkaa kootti namootaa afaan keenyaa danda’uu waan tibba kanaa alstreem irratti gootoonni keenyaa dubbataan sanaa haaloo ba’uuf fakkataa ,waanuumaa fe’ees ta’uu oromoon yoomiyyuu wantaa akkanaaf iddoo hin kennu.www,ayyaantuu.com dhiifamaa gaafachuun keessan boonsaa dha ,bilichinas.jabaadhaa .OROMIYAA SHALL BE FREE !!!!!!!!!!!

    Reply
    Biyyookaraabaa says:
    30/06/2013 at 6:54 am
    Dear Ayyaantuu…..I agree with your statement “we have to move on” . It is only human to make a mistake and you acknowledged your mistake and asked for forgiveness. Personally I forgive. At the same time, please review, review, review and review before posting anything that violates the struggle and cause of Oromia and Oromo people.

    Reply
    Mortar says:
    30/06/2013 at 7:04 am
    Our enemies have changed their tactics. They deliberately learn our language and culture and use it negatively. They serve as spies. They work on dividing us. They create confusions and illusions on some oromos whose political consciousness is low. These are weeds. We have to uproot them. Specially Oromo media workers should be always on alert. Kan Oromoo fakkaatee oromoof boo’u hunduu garaarraa miti. Wayita ABO fi Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waltajjii adda addaa qopheessanii Oromoota walitti waamanii shubbisiisaa turan basaastonni Woyyaanee namoota suura kaasan fakkaachuun ragaalee hedduu funaanachaa erga turanii booda namoota qaqqabanii jidhatan. Kanaaf Oromoon bara kana abshaala ta’uu qaba. Hinfajajiinaa!!!!!!!

    Reply
    harqaa says:
    30/06/2013 at 7:22 am
    Dhugaadha dubbichi nu sabboontotaa Oromoo mara aarsee ture. kijibaa fi olola ta’uu dubbichaarraa shakkii qabaannee miti. Ayyaantuu.com midea walabaa sagalee ummata Oromoo taate irratti maxxanuu isaati. Kanas ta’e sana hojii keessatti dogongorri maaliif uumame hin jedhamu, sana booda maaltu ta’ee malee. Warri ayyaantuus haalli ta’e kun dogongora ta’uu hubattuu daftanii ummata keessan waan dhiifama gaafattaniif galata guddaa qabdu. Kun aadaa nama qaroomeeti. Ayyaantuus ammas midea walabaa jaalatamtuu taatee itti fuftiin jedha. Akkuma barame waan ummatni keessan keessa jiru gurra addunyaan gahuun hojii keessan idilee ta’ee akka itti fufu abdiin qaba.

    Jabaadhaa!

    Reply
    Gadisa says:
    30/06/2013 at 8:58 am
    Ayyaantuu.com dhugaatti issiin namoota Guddaafi Kabajamaa dhaa.
    Ulfaadhaa waaqni Oromoo issin haa ulfeessu.
    Namnii yakka (balleessaa)ojjachuun waanuma jiruufi nama mudatu dhaa,
    waantii guddaan garuu badii issaa beekee dhifama gaafachuun safuu
    oromoon itti jiraatee dhaa kanaaf ulfaadhaa jabaadhaa yoommiyyu
    isiini laliin jirraa.
    Kan birraan issin warrii Oromoo taatanii oromoodhuma burjaajeesuuf
    dhamaatan mee Samuu keesanitti deebi´aa.
    Innii dhumaa kan hundi keenya beekuu qabnuu qabsoon oromoo kun namoota
    heeddu yroo addaa addaatti karaattii arcaasaa dhufee.Garuu qabsoon inumaa
    kaan duraa irra cimaa deemee malee waan dubattii deebi´ee hin qabuu.Kanaafu
    Ottumallee waantti jadhamee dhugaa ta´ee qabsoon lubuun Abbotii keenya itti
    dhumee Ilmaan guddifateeraa waan ta´eef yaaddoon hin jiruu.

    Reply
    Kallacha W. Kunee says:
    30/06/2013 at 9:06 am
    Our enemies will try to do anything to silence our voice. However, they will never succeed. They have tried to buy Ayyaantuu.com to silence the voice of the Oromo people but failed miserably. Can we forget the misery of hundreds of thousands of Oromo refugees who are leaving Oromoia to escape persecution? Can you buy the lives of thousands of Oromos who are eaten by shark in the Red Sea and the Mediterranean Sea while trying to escape persecution? Can you repair the shattered lives of thousands of Oromo torture survivors by money? Can you by the indispensable lives of our freedom fighters who lost their precious lives while fighting to liberate Oromia from the occupation of a brutal TPLF Fascist regime with money? Definitely not. That is the major reason why we have dedicated Ayyaantuu.com as a gift to the Oromo people!!!!!!

    No amount of compensation will deter us from moving forward. We may be forced to ask our people to build our capacities to avoid such incidents in the future. Together we can do anything and we have the confidence in all of you. Yes, we will move on.

    Reply
    Qalbii Bultoo says:
    30/06/2013 at 9:54 am
    Yoomiyyuu namni hojii hojjetu ni dogongora,dogongora ofii beekuun dhiifama gaafachuun beekumsa guddaadha.

    Reply
    the Oromian bateleur / Risaa Oromiyaa says:
    30/06/2013 at 10:13 am
    I havn’t read the article due to the lack of time, but I dare believe that every Oromo websites, organizations, communities, religion centers etc, would get uninvited and unwished ecto-parasites which are trying to lay their nits/eggs in the Oromos nests to disestablish the Oromos. Also I believe, that in doing so they will never bring the Oromo issue to an halt, but, at least they can protract it to the more unknown agony time. Although the Oromos enemies are wasting millions of Dollars and energies to bring the on going volcanic Oromo struggle to the obsruction, the Oromo issue is becoming like an hydra tissue which if cut off, will grow again in multiplication directions. The struggle is still ahead. Don’t forget the cost of freedom which the Eritreans and South Sudanese peoples have paid. About Eritrea I don’t know, but, so far I know, the South Sudan has paid 2 million lives for their freedom. What for Oromos very necessary is, just to contract their muscles together or build THE STEEL-STRONG TESTUDINES to face the sword which has risen on their heads. It needs Diligence and Vigilance.

    Reply
    Miccir says:
    30/06/2013 at 12:40 pm
    “What for Oromos very necessary is, just to contract their muscles together or build THE STEEL-STRONG TESTUDINES to face the sword which has risen on their heads. It needs Diligence and Vigilance.” That is it! Every Oromo should get ready to pay the ultimate sacrifice/price, if we really want Freedom!

    Thank you, Risaa Oromiyaa!

    Reply
    Miccir says:
    30/06/2013 at 10:15 am
    Yoomiyyuu diina keenya irra ni oolla. Habashaani taate warren wallaaloti keenya Habashaan gowwoman kan baruu qaban, Oromummaan hundee amansiisaa irratti akka gadi-dhaabbate dha. Dhagaa feedhe galgalchanis, gaara feete bayanis, abadan dhimma Oromoo ciminaa fi laafina Oromoo fi QBO qofatu murteessa!!! Oromoon sibiila ibiddaan diimatee bahedha, ka gufuu ta’uuf deemu hunda kutee dabra!! Ayyaantuu.coms bu’aa qabsoo fi qabsaa’ota Oromooti! Akkuma gootawwan Oromoo diina Oromoo gama odeeffannoon muruuf ka fiigaa jirtu! Galatoomaa!

    Reply
    Mormor Caalaa says:
    30/06/2013 at 10:36 am
    Ayyaantuu galatooni.Ani nama dura yaada irratti kennate kan hattuu tahuu beeke ati hattuudha soduu kijibduu jedhee barreesseef.
    Wanni suni Dabballee Ginbot 7 barreesse,namni suni afaan beeka qofa Oromoo miti.Dhalli Oromoo waan akkasii hin barreessu har’a keessatti.Yeroo qabsoon cimee sadarkaa WBO kutaalee Oromiyaa hunda keessa sochoo’u kana keessatti.
    Haa tahuu baga isinis hubattanii ummata keenyaaf ibsitanUmmanni keebyaas akka nafxanyaa fi TPLF haharka wal qabatanii Oromiyaa fi ummata ishee karaa hundaan afanfaajjessu yaadan beeku qaba,dura dhaabachu qaba.
    Ibjifannoo yaa uummata Oromoof!!!!!!!!!!!!!!!!

    Reply
    bareentuu says:
    30/06/2013 at 10:56 am
    baayyee balleessa guddaadha,kun waan qoosaa miti,ta’us akkumatti osoo hin ilaalin post gootan malew daqiiqaatti akka ergaa diinaa ta’e baruun ni.dandahama tureyyu,maalumaafuu hojii.isin.hojjechaa jirtan,yeroo keessan qabsoo oromoof laattanii baayyee kan galateeffamuu qabuufii seenaan kan ittiin isin yaadatuudha,tokkicha miidiyaa oromoo dorgomaa hin qabneedhas,galatoomaa seenaan isin yaadata!!

    Uummatniyyuu waanticha akka inni.soba ta’e bareera garuu nama hundatu hubata jechuunis rakkoodha.isin.ija qabsoo oromoo.waan taataniif of eegaa!!!!

    Reply
    Jiruu Barii says:
    30/06/2013 at 10:56 am
    Kun QBOn akka daran jabaatu, tokkummaan Oromoo fi Oromunmaan akka jabaatu godha malee duubatti nu hin deebisu. Akkanumatti ciminaan qabsaawota keenya fi miidiyaa sagalee Oromoo taate kana haa tikfannu. Waliif tumsuu malee wal irratti duuluu haa dhiifnu.

    Ummatnis Ayyaantuu.coms galata guddaa qabdu. Ani gama lameen irraa iyyuu bilchinatu natti mul’ata. Ayyaantuu.com jabaadhaa!!

    Reply
    Morkataa says:
    30/06/2013 at 11:12 am
    Ayyaantuu.com yes we know as you deserved a lot for for your people. But you have to be careful in receiving notice from someone, because there are ‘Abashas’ who speak Afan Oromo or ‘Abashaised Oromos’ do not want the progress of oromos’ struggle for self independent. Accepting your fault is a sign of maturity.
    Thanks

    Reply
    Fetensa says:
    30/06/2013 at 11:20 am
    Warra ayyaantuu.com dogoggora uumameef saba keessaan dhiifama gaafachuun baayyee nama gammachiisa.ammoo ololli sun yeroof saboontotaaf Qabsaahota Oromoo hunda miira hamaa keessaa akka seensise yaadota kenname irraa hubataniitu.dhugaan jiru barreeffami sun dhugaa tokko akka of keessaa hin qabne kan dhimma qabsoo saba qaamaaf qalbbiin duukaa jiru ni beeka.garuu kan bitaa nutti gale Ayyaantuu.com oromoon akka qaroo ijaati ilaalaa jiru akkuma warreen Bilisumma.com gochaa kijibaaqa qabsoo bilisummaa oromoof qabsaahota isaa irratti duula diiggaa jalqabee isa jedhutu gaafii addaa keessa nama galche.waan hundaafuu ammas taanaan marsaa kana bifa itti to’atanii kijibdoota akkasii battalumati akka saaxiltanu isin gaafadha.Dhuma irratti Dhiifama gaafataniif ulfina argadhaan jedha.

    Reply
    boona says:
    30/06/2013 at 11:44 am
    This is a sign of maturity in media outlets as well as political sophistication of the media. I approached one of the big guys of ESAT TV about 6 months ago and challenged him to open an Oromo section with full coverage as the Amharic program. My intention was genuine and meant to extend the media coverage to a larger portion of the Ethiopian people. Of course they do not want to disappoint up front, but they create a tortuous explanation. They do not tell up front that their target is to minimize the demand of Oromos by broadcasting day and night the political agenda of Amharas. But that is what they do. Early on they seemed to be an alternative TV station to the Woyane TV station in Ethiopia. It turned out that they are the same with the Woyane TV station with an opposite audience.
    The point here is that the time for apathy of the Oromo people to the political developments that target our people and our resources is past. This time we have to develop our media outlets whose primary goal is to educate our people in all aspects of our people. We have to keep guard of Oromia, collect information and distribute those information so that we can learn from each other. Encourage those who are on the forefront in our fight against our enemies. A trying time is fast approaching and we should not be caught by a surprise as in 1973/74, 1991. This time we will have to lead our own struggle.

  4. Bilisummaan yoo dhugumaan guddina qabsoo oromoo hawwa ta’e akkuma ayyaantu.com saba oromoo dhifama gaafachuun olola maxxanes haqee bilchina qabu mirkaneessuu qaba. Yoo akkas hin goone garuu iyyaa gogaa hoolaa uffatee gola hoolotaa seene tahuu ammas irra deebi’ee mirkaneessaa jira. Oromoon ammoo olola bubuutuu namoota harcaatuun afuufamtuun hin gowwomuutii kan amaarti wuhaa biweqxuu inboci jettu sana ta’uurraa darbanii miidhaan qabsoo oromoorraan gahan tokkollee hin jiru. Addi bilisummaa oromoo kan yoomiituu caalaa har’a milkiitti jira. Abdii, bultumiifi abbaan caalaa dirqama qabsootti jiru, kanaaf ammo abo ibsa kennuuf hin dirqamu. Warri dubbii ololaan asbahan kunis akka abon bobbaa akkasiifi bakka akkasii jira jedhee miseensa iaa diinaaf saaxilu warra hawwaniifi diinaaf ergamntu tooftaan dubbii afaanii nu fedha. Barri akkasii yaa darbeetii abjuu keessan keessaa dammaqaa.