Oduu Haaraya

ABOn jabaatu malee Carraan Oromoon qabu kan ‘native’ warra USA fii Canada ala hinta’u.    

Qabsoon ummanni keenya roorroo diina jalaa bilisa ta’ee ulfinnaafi kabajaan jiraatuufi geeggeffamaa ture milkiin isaa bakka gayuu dhabullee injiffannooleen goonffatame kan akka salphatti shalagamuu miti. Keessattu qoodnni ABOn, kan ummata oromootiin jaalatmu  kan lubbuun ilmaan oromoo qaqqaalii itti kafalameefi kafalaa jiran seena qabsoo oromoo keessatti bakka oli’ana qaba.

Waggaalee diigdamman dabran kana keessa garuu ifaajeefi wareegaminni miseensonni ABO kafalaniin milkiileen argamani ergamittoota diinaatiin dhuunffatamee  oromoo gama abbaa biyyummaatti jijjiruun faallaye diinaafi ulee ta’udhaan miidhaa oromoo irratti aggammatame osoo gatii keessa hingalichin yookan sodaachuun yookaan huminna itti dhabuudhaan alagaamma wajjiin oromoo saamuufii hiyyomisuudhaan kan duraanii caalaa tofitaan abbaa biyyummaa dhabisiisaa hiyyummaa jaarraa haaraya jalaatti seenisisaa akka jiran hubachuun beekkumissafi qarooma guddaa hingaafatu.

Gama birootiin  Adunyaan keessa jirru mirggi ilma namaa fedha biyyota guddataniifi (national intrest) abbooti qabeenyaatiin lagatamee lubbuun nama tokkoo gatii dollara tokkoo hanqatte keessatti haqa keenya argachuufi carraaquun sakaallaa guddaa yeroo horate keessatti ,yeroo dinootiin haarofinni biyya keenya dhuunfatan ummata keenyatti tofitaa haarayaan dureeyyi guguddoo adunyaa( wealth Corpration) wajjiin harka walitti naqatanii qabeenya biyya keenyaatiin tuuta qabeeyyii adunyaa keessatti ufi galmeessuufi carraaqan keessatti oromoon mala xaxaa kana keessaa nubaasu walgaafachuufi carraaquu caalaa falli hafe hinjiru.

Qabsoo hanga ammaa mirga keenya deeffachuufi carraaqaa turre  keessatti mooyachuu dadhabuu keenyarraa ufi keessa deebinee walkommachuufi walbaaleffachuun walqooduu fii walirraa baqachuu malee  dhibeen guddoon qabsoo keenya qancarsse toofittaa wayyaaneen abbaa qabeenyaa ta’uudhaan mooraa dureeyyii adunyaa keessatti ufi galemeessudhaan biyya keenya gurgurittee ittin qabsoo qabsoo ummata oromoo mataafi miila nudhoorguufi nurratti hojjatte kanaa gadi fageenyaan hubachuu dhabuudhaan diina caalaa walirratti hoachaa dhufuun keenya diina keenyaafi carraa guddaa laachuu caalaa qabsoo keenya qancarsse.

Dhiyyenya kanaa wayyaaneen filmaata barataamaa umrii isii ittiin dheereffachuufi yeroo hunda waggaa shan shaniin itti adunyaa fii ummata keenya  gowwomistu namoonni hedduun akka waa jijjiirran tokko dhalachuufi deemu tilmaama yeroo argu hedduun raajawe. Wayyaaneen toofittaa biyya san keessatti filmaataan keessattu oromoon akka sadarkaa oli’aana mootummaatti hindhufiine yeroon iisiin lafa kaayyatte dhufiisumma isii irraa ture. Waayyaaneen gaafinni isiin oromoo angoo irraa fageessuufi shira bareeda lafa kaayatte gaafa sirnna bulchiinssa biyya yookan sirna bulchiinsa parlamaa sanii kan  Presidantin ummataan filamu irraa gama muummicha ministeratti jijjiiriteedha. Osoo biyyiti sun akka USA ,France,Brazil fii kkf filmaanni nama biyya bulchuu ummataan filama ta’ee oromoo hedduminna waan qabuufi carraa qaba ture. kanaafi toofittaa bareedaa taphataniin dhaaba ufii keessatti mooti ta’an kan ufii ijaarataniin akka mooyu waan beekaniifi dura ta;an dhaaba ammoo bulchaa biyya akka ta’u sirna filmaata biyyaa akka biyya  Canada,British fii KKF tutti gaafa jijjiiritte sagaleen oromoo akka bakka hinqabaanne goote. Eega filmaataan oromoo akka angotti hindhufinne qindeeffatte oromoo hedduminna isaa bu’aa dhoggite booda biyyaa fii qabeenya oromoon ittii dhaadatu ammoo mala biroo itti baafittee maqaa investemnet jedhuun biyya keennya saamitte irra hedduu ufii guurattee kan hafe ammoo mutumoota adunyaatii qooddee abbaa biyyummaa oromoo dhabisiisuun qabsoon oromoo abbaa biyyummaafi geggessu irratti adunyaan waldura nudhabuufi mala isiin kaayatteen arra akka ummanni keenya buqqa’aa jiru hubachuu nama hinrakku.

Wayyaaneen tofitaa Isreal ittiin warra filisxeen dachii isaanii irraa bitachaa kan humnaan irraa dhiiba warra filsixeen biyya malee hanbifitetti dhimma bayuudhaan gama tokkoon ufi duroomisuudhaan bakka fedhanitti oromoo irraa dachii isaa irraa bitaa kan ammoo humnaan irraa buqqisaa gama kaaniin gama waraanaafi tikaatiin ufi utubaa humnna qabeenyaan guddate waraanaafi tikaan tikiffamu ufi godhuufi halkanii guyyaa ogeeyyota adunyaa irraa gorssa fudhataa nurratti hojjachaa oromoo biyya dhabeessa godhaa jira.

Kun bifa kanaan osoo jiruu xaxaa fii shira qabsoo oromoo marsee jiru kanatti nullee walqoqqooduufi walbalalffachuun tofittaa diina ittiin moonu osoo hintaane toofittaa itti walballeesinuufi walmoonu irratti hojjachaa wayyaaneefi yeroo laannee umrii gabrummaa ummata keenyarratti dheeressuu bira dabarree qooda seena qabsoo oromoo keessatti laannes gatii dhooggaa jirra.

Arra yomiyyu caalaa qabsoon keenya marffama dangaa hinqabnne keessa seenittee ufii waajijjiiruufi tattaffachuu caalaa jijjiirama olloonni keenya kan akka ogaden fii Amhara biyya sani keessatti godhuufi tattaaffatan teennee irraa haasayuu dalagaa godhanne. Arra hamileefi abdiin ummanni keenya qabsaawota oromoo irraa qabu baqaa dhufee sadarkaa dhaabota mormitoota oromoo biyya keessa heerumma dhiigaan cuuphame wayyaaneen ittiin ummata keenya dararaa jirttu san akka waa jijjiiruutti kan itti ija deebisa jiran agarra.

ABOn ummata oromoo biratti kan jaallatamuufi kan wareegaminni guddaan itti kafalameefi, ABOn kan ummata oromooti kan isa jechisiise murnaaan maqaa ABO moggaaffachuu,maqaa hayyu duree ufitti moggaasuu,miseensa gumii sabaa qabaachuu sagalee radioo fii website qabaachuu akka hinta’in ummanni keenya ragaa nutti bayee tumsa isaa nurraa qabatee jira. ABO kan ABO isa jechisiisu moora oromoon qe’ee hundaa keessaa burraaqan ta’uu isaa qofa akka ta’e hubataa hinjirru fakkaata.

Kanaafi carraan tokkochi qabnnu qabsaawota faffaca’anii maqaa dhaaba ABO moggaaffatanis ta’ee kan ABO irraa abdii murnnan fa’acanii jiraniifi maqaa birollee moggaafatani hunda  moora tookkotti deebifiinnee ABO oromoonni dangaa oromiyaa hundarraa keessatti qabsaawan deebinne jabeessuun malaafi tofitaa diina kan kan midaalu qindeeffachuun qofa xaxaa dinni keenya tofitaa adunyaa qoratee itti dhimma bayuudhan qabsoo keenya mataa fii miila nudhooggee ummata keenya akka nativa warra USA fii Canada kanatti abbaa biyyaa kan mirga abbaa biyyummaa hinqabnne nugodhuufi carraaqan kana jalaa bayuun yoo waliifi araaraminnee tofittaa ittiin walmooyachuufi waggoota 15 dabran kana shaakalaa turre gama tofitaa diinaan itti mooyachuutti jijjiirachuu caalaa carraan tokkolle hinqabnnu.

A.Jundi

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Hayyuu fii gameessi Oromoo gara aakiraa deeman

INNAA LILAAHII WA’iiNAA ILEEYHII RAAJI’UUN PROF Mahdii Hamiid Muudee (Abbaan Gaazexaa Bariisaa) Hayyuun Oromoo guddaan …

3 comments

  1. Obboleessa koo Amin Jundi amma dura hedduun siif aree ture garu yaada kee yeroon dubbisu hunda nama dhugaa ta’uu keen arge,gama biro nama dhugaa ta’uu qofa osoo hinta’in nama qaramaa jabeessee rakko oomoo fi balaa adunyaa hubate ta’uu kee arga. galatoom umrii dheeradhu.

  2. This is the true catastrophic situation faces our people ,thanks Mr Jundi you are well informed brilliant oromo son ,now its oromo politician to solve their differences for the sake of our people

  3. The Abyssinians are all working against our national interest,but we are trying to keep compromise our national interest. The core Abyssinians already developed their own capablity to dominate the horn.Any Oromo failurity to counterbalance this challenge will lead to disasterous consquences to our peoples’ future survival.old and young, weak and strong,brave and coward,genuine and hypocrite,etc. all Oromo citzens should ask themselves again and again what is to be done when what has to be done is undone.action,action but not pretension to attract attention.

Leave a Reply to Tola Adam Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *