Oduu Haaraya

Addunyaan Kora Tokkummaa Mootummootaatiif New York jirti, Perezdaanti Obaaman Bulchotii Addunyaa Rakkoo Addunyaa Faluuf Guddo Hin Hojjanne Jedhe

VOA Afaan Oromoo

Addunyaan kora Tokkummaa Mootummootaatiif, New York,Amerikaa jirti.Kori kun 69essoo. Perzdaanti Obaamaan kora hardhaa irratti waan addunyaa rakkise hedduu maqaa dhahe. Waan jara biyya nagaa dhowwuu,waan jara waan ufi giddiin namatti fahuu,dhukkuba Ebolaa, hujii nukilera Iraan,daba Raashiyaan Ukrian irratti fidee fi waan hedduu.

Addunyaan waan hedduunn rakkachuutti jiraattullee akka jecha perzdaanti Obaamaatti addunyaan gamuma gamaan diqqaattu guddattu abdii horachaa deemuutti jriti miliyoona hedduutti hiyyma jalaa bahaa abdii horachaa deemuutti jira.

Hardha feetu Amerikaam NY jiraadhu feetu mana akkoo tiyya ta Naayroobi irraa km dhibba hedduu fagaate jiraatu keessa jiraadhu fuluma feete jiraadhuu odeeffannoo laabreeii addunyaa gugurdo keessaa hin arganne harkaa qabda.Hardha akka dhukkuba irraa fayyifnu beenna,akka humna aduuti fi bubbeetiin elektiriki galfannu beenna.Yoo hedduu nama Amerikaatiin saatiin dhalachuu malan ta qaroomii guddate tana keessa jedhaan.”

Taatullee addunyaa mi’ooftuu tana waan hedduutti rakkisuutti jira.Yoo biyyootii humna qaban biyya didiqqoo caccarassan yoo abbootii irraa warra humna laafaa irra yaahan, ka namii abdi dhabee dukkanatti ila baasu akka addunyaatti waadaa galle kaan hin guunnee jedhe.

“Saatii nu eegatanitti yo hedduu addunyaa seeratti deebisuu dadhabne,yo namii wal obsu dadhabee humnaan wal bulchu,amantiin wal fixu,yoo namii abdii dhabee namii wal fixuuf walti baafatu haga silaa hojjachu malle hin hojjanne.Yo namii akka hori buuse wal qalu itti lakkisuu hin malle.Akka ijoolleen teenna addunyaa abdii qabdu keessatti dhalatan tolchuuf hojjachuu malle.”

Perzdaanti Obaamaan waaqii akka namii wal fixu fedhu hin jiru jedha.

“Wannii lammeessoo ta ani jabeessee jechuu fedhu ammoo addunyaan keessattuu hawaasii Musliimaa yaada jara akka Al-Qaayidaa fi ISIL ykn BOKO Haram  fa jabeessee irraa fudhachuu diduu male.Yaada jara kana ka nama fixu,amantiin nama walti naqu guyyaa adiin irratti dinnee jennaan yaadii isaanii irraa jiga.”

Ergaa  perezdanti Obaamaan daragaggoota Musliimaatii dabarse.

“Ummatii isan keessaa dhalattan ummata wallaala caala,barsumsaa fi dandeettii ufi guddifachuu jaalatu,nama fixuu fi wa balleessuu caala,ummata lubbu nama ulfeessuu keessaa dhalattan.Jarii kana jibbu tana keessaa isan baasu fedha. Tanaafuu amala keessa dansaa jabeeffadhaa.”

Perzdaanti Obaamaan waan ISIL irratti akkana jedha.

ISIL laafifnee barbadeessuu malle.Jari kun jara haadhaa fi ilmee maatii gargar baase nama amantiin fixu.Taan ammoo lola amala nutti tahe ka addunyaa tana raasuutti jiru dhaabu.Biyyootii Arabaa akka namii isaanii dandeetii waaqii isaaniin kenne guddifatu tolchuu hojjachuuf qaban.”

Tana maleellee perzdanati Obaamaan Amerikaan karaa sodaa caala karaa abdii,ka jibba caala karaa jaalalaa filattee abduma tanaan caarraa 21esso kanallee seenne jedhee waan dhiba EBOLA dubbate.

“Yoo ani amma isan dura dhaabadhee dubbadhu kana Amerikaan doktorooraa fi sayintistoota isii dhibba hedduu waraanallee itti dabaltee dhiba Ebolaatiin wallaanuuf Afrikaatti erguutti jirti. Dhukkuba nama kuma hedduu qabachuuf deemu, ka jirenna namaa,jireenna biyyya diigee achii ammoo biyyoota addunyaa waliin gahuuf deema kanaan wallaanuuf addunyaan itti wal gargaaruu malte.

Haga dhukkubii kun namaan bahutti waaninnii fagoo jiru fakkaata.Taatullee tun rakkoo addunyaati.”Taatullee Amerikaan akka jecha perzdaanti Obaamaatti,biyyoota gara garba Paasifik jiran akkuma durii dura dursaa nagaa fi guddinna labsaa deemti.

Hagasittuu akka biyyooti rakkoo isaanii nagaan falatanii fi addunyaan seeraan bultuu namuu jabeenna waaqii isa keessatti uume guddifachaa addunyaan abdii qabdu qabaannu haa hojjannuu jedha.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …