Oduu Haaraya

Afuura Kee Dhabne !

:::::::::::::::::::::::::::::::::::::

Bakki jirtu eessaa?
Biyya tamii laata
Dhiira onnee guutuu
Leenca ija barbadaa
Yoomuu hin Cal’ifnee
Lammiin si iyyaafataa
Afuura kee dhabnee
Jaal Nadhii Gammadaa!
Baatee achi geettee,
Kankee quba dhabee
Jaallaan miiltoo keetii
Nama heddu gaaffee
Hunduu hin arginee
Jechuudhaan deebisuu
Gumaan kee hin baduu
Rabbiin haa deebisuu
Waan gootummaa keetii
Akkanatti ibsu :-
Jaal,Nadhii Gammadaa
Goota onnee guutuu
Duuti isaaf dhuftee
Anaani haa qaarituu
Hooggansaaf gootummaan
Isaa namaan addaa
Diina haamee fixaa
Ciree akka hadaa!
Abjuu natti ta’ee
Achi buuteeni isaa
Mee na hin gaafatinii
Afaan maaliin ibsaa?
Waan jedhuu hin qabuu
Seenaa dhumaaf dhiisaa!
Naan jedhe jaal tokkoo
Kan duri beeku isa !!!

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

One comment

  1. Jaalle nadhiin qabsaawaa dhugaati.
    Warra Mallas Zenaawii vizaa fi maallaqa kenneefii Booleen gadgeesseetu, Jaal Nadhiin bakka jiruu diinaaf himee, diinni achitti dhaqee galaafate.

    Seenaan isa haa yaadatu!