Oduu Haaraya

AKEEKKACHIISA (Saffisaan waliif dabarsaa) – Jawar Mohammed

Wayyaaneen yaalin ummata Oromoo afaanfajjeessuufi sossobuuf torban lamaan kana goote erga fashalaaye booda, tooftaa haraya baafattee hojitti seentee jirti. Kunis sablammiilee Oromiyaa keessa jiran Oromoon walafaan akaayuudha. Bu’aan isaan kanarraa argachuuf deeman waa lama.

1) Oromofi saboota biroo jiddutti falmaa dalgaa ( horizontal conflict) uumuun humna diinaa nutti baay’iftee, humna keenyas laaffiftee ofii haara galfachuu. Akka waan mormiin deemaa jiru jibbaa

2) Gaafii haqaa Oromoon dhimma Finfinnerratti kaase sabni biraas hubatee fudhachuu waan eegaleef, sababa jeequmsaatin sodaatani akka Wayyaanee cinaa hiriiraniif barbaadu. Gaafilee akka ijotti kaasanii ofuuf deeman keessaa: dubbii Minilik, kan Dirree Dhawaa, kan Mooyyaleetif walitti bu’iinsa gama Dhiha Oromiyaatti uumamaa ture fa’a.

Walitti bu’iinsa akkanaa uumuuf tooftaa itti fayyadamuuf filatan keessaa 1) Oromoofi saba biraa keessaa lukkee ( agent saboteurs) filanii seensisuuf wantoota miira ummataa dimshaashan tuqan dubbisuu, qabeenyaafi nageenyarratti balaa buusuun ummata nagayaa duchisiisanii walitti naqauu

2) Gaafileefi dhimmoota amma dura Oromoofi saboota garii walmormisisaa turan akka haarayaatti kaasun moromaafi walarraabsoo banuu. Akeekni diinaa kun akka hin milkoofne namuu, biyya ambaatifi Oromiyaa keessatti of eeggannoofi bilchina cimaadhaan sossohuu barbaachisa. Tarkaanfilee fudhatamuu malan keessaa

1) Gaafilee dhimma yeroo kanaatiin wal hin qabanne kaasuu dhabuu. gaafilee tun gariin kan injifannoon keessa dabarre waan ta’aniif cufamuu qabu. Gariin ammoo waan yeroof ta’anii miti. Warra bakka waltajjiittifi ummata keessatti dubbii akkanaa oofu adda baafachuun gorsuun yoo didan ammoo ummanni akka dammaqu gochuun.

3) Lukkeelee saboota jidduu fiiganii dubbii laaqan adda baafachuun suduudaan dura dhaabbachuu, ykn hawaasa akeekkachiisuu. Lukkeelee Oromoo ta’anii saba kaan tuttuqan akka isaan ejjannoofi ilaalcha Oromoo bakka hin buune manguddootaafi dargaggoota saba kaanitiif ibsu. Lukkee saba biraa tan Oromoo tuqxus sabni sun beekee akka nurraa hidhatu ykn ofirraa dhiibu carraaquu.

4) Yeroo hiriiraatti qabeenya saba biraa kan ummata nagayaa warra barbadeessu ykn saamuf itti aggaamatu dammaqiinsaan hordofanii too’achuu. Yoo dadhabame ummanni kuun akka itti hin dabalamne godhuu.

5) Badii lukkeeleen akkanaa balleessan bifa suura-sagaleetin galmeessuun saaxil basuu feesisa. Tooftaan Wayyaanee kun saba Oromootifi warra kaanifis miidhaa hamaa waan qabuuf saffisaan fashalaayuu qaba. Kanarratti barattoonni, hojjattoonni, daldaltoonnifi qonnaan bultoonni bifa bifaan dammaqanii hojjachuu qabdan.

Dhugaan Oromoo shira diinaatin hin dhokatu! Itti hin dhiisinaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. Consensus

    The only causes whether be it directly and indirectly for Oromo Genocide is TPLF.

    We shall stop any arguments (even we were provoked) based on Languages, Ethnicities and historical aspects that have been done over. TPLF uses various strategies to ignite conflicts among ethnicities, then they want to continue their Genocide against Oromo. EPRDF is a subordinate of TPLF, and so EPRDF would not be responsible to run Genocide on Oromo.

    Means of struggle against TPLF must be continuous by using both none-violence strategies and aggressive self-defences strategies.

  2. since my yahoo.com email is invalid for I know no reason, I used someone’s email to post the above comment.