Categories: Oduu Oromiyaa

Akkuma barame akka aadaa isaa korii Bashannana ABO Amerika Kaabaa kan bara 2014 milkiin xumurame jedhu

Korri Gamtaa Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi akkasumas kan Hawaasaa Hagayya 6 hanga Hagayya 9tti Magaalalee Lakku (Minneapolis fi Saint Paul) keessatti geggeffamaa ture murti ejjennoo fi Kutannoolee dabarfatuun milkiin xumurame.

Korri Kun kan baname Hagayya 6 galgala sagantaa Irbaata WBO Hoteela Kelly Inn Best Western keessatti qophaa’een ture. Sagantaa kana irratti Tikeetni tinnisa WBOf oolu USA fi Kanadaa keessatti ballinaan baati sadii dursee gurguramaa ture bakka kanatti sagantaa Irbaata WBOtiin qophiin baninsa Koraa akka qindaa’u kan saganteeffame ta’ee karoorri Koree qindeessitus akkuma tilmaammeen milkaa’ee jira.

Guyyoota lameen itti aanaan Hagayya 7 fi 8 Korri Miseensotaa dhimma dhaabaa wali gala fi kan haala yeroo irratti ballinaan mari’atuun gaafa Hagayya 8 galgala Korri Miseensotaa kan galma University of Minnesota, Carlson School of Management keessatti deema ture afuura gaariin xumurame.

Galgala qophii bashannaa fi Hawwisoo ABOf qopha’ee irratti gaafa Adoolessa 8 galgala Artistoonni Oromoo bebbeekamoon kanneen akka Kadir Said, Dawite Mokonin, Abbabba Abbashu, Tottooba Taddasaa, Hirphaa ganfuree, Kamal Ibrahim, Muktar Adeeroo fi dargaaggootnii Haaranis argaman irratti galgala Addaa taasisun galmuma Hoteela Kelly Inn Best Western keessatti qophii akkaan ho’a namni hedduun raajeffatteen hanga barii sa’a 3tti shubbifama bule.

Guyyaa kana heddumina namaa fi akkasumas Artistoota dhiheenyaa fi fageenyaan walitti dhufanis ilaaludhan Miseensotni Bandi Gada kan wagga 20 dura Fifinetti dhaabbattan yeroo jalqabatiif bakka tokkotti biyya alaa kana keessatti heddumminaan walitti dhufani afuura duri deebisun yaadanno namoota heddu dammaqsuun qophichas “The Gada Band Re-Union” kan jechisiise ture. Hagayya 9 itti fufuun Walgahiin Hawaasaa Kelly Inn Best Western Hotel keessatti geggeffame , bakka bu’aan ABO qaama olana irra argaman ibsa balla godhuun Korri Hawaasaas gumaatan xumurame.

Kora ABO Amerika Kaaba kan bara kanaa qaama olaanaa Hooggana ABO bakka bu’ani kan geeggessan J/Abba Caala Lata turan. Hooggnooti dhaabichaa kan miseensa Hojii Raawwachistuu ta’an biroonis kan turan yeroo ta’u hayyoota olaanno keessa kanneen akka J/Xaha Abdi akkasuma Kora kana irraa hirmaatani jiru.
Hawaasni fi Deggertootni ABO naannicha jiraatanis sagantaa Gumaataa irratti hirmaatuun Maallaqaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolu $30,000.00 ol battaluma sanatti arjoomuun sagantaan Koraa sirnaan raawwate.

Kora ABO cinaattis toorban guutu asuma magalaale lakkuu keessatti kan deema ture wal-dorgommiin Kubbaa Miilla kan Federeshina Sporti Oromoo Amerika Kaabaatiin qophaa’e Oromoota kumaataman lakkaawaman USA, Kanada, Auropaa fi Australia irraa kan walitti fide yeroo ta’u toorban Oromoo bifa miidhagina addatiin Minnesota keessatti adeemsifame gammachuun raawwatee jira. Waluma galatti haalli bifa Sporti, Hawasummaa fi Siyaasaatiin Oromoota walitti fidee tokkumma Ummata Oromoo caalatti kan callaqisiisee fi egereen abdachisa torban itti mirkana’e dha.

Miseensotni, Deggertoonni fi Hawaasni Oromoo bifa adda addaan Kora ABO kana irratti hirmaate kan baraanaa xumuruun kan bara dhufuuf injifatnoole qabatamoo fi haala galii QBO dhiheessuu qabun waliitti deebi’uf walitti dhaammatuun nagaan fixate.

Koree qopheessitu Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa

Injifanno Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummati!
Hagayya bara 2014
Minneapolis/Saint Paul, Minnesota

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago