Oduu Haaraya

“Alaabaan ABO, Mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Ummata Oromooti!

Ibsa Ajaja olaanaa ABO-WBO

Waltajjii hawaasni qopheessu irratti namooti dhuunfaa ejjennoo dhuunfaa isaanii haasaahanis, ejjennoo isaaniif kan gaafatama guutuu fudhatu qaamuma haasawaa taasise dha malee hawaasa waltajjii sana qopheesse akka hin taane beekamuu qaba. Namni waltajjii sana irratti afeeramus gosa alaabaa kan waltajjiin sun itti faayamu murteessuu hin dandahu. Kanaaf, hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo fi ABO kana of dura qabatee deemuuf,kaayyoo ilmaan Oromoo itti wareegaman ittiyaadachuu fi tiksu akka ta’ee fi qaama seenaa fi jireenya uummata Oromoo ta’uu hubachuun feesisa.

Yeroo hedduu kan ajandaa garagarummaa uummata Oromoo babal’isan, kan uummata Oromoo wal dura dhaabuuf bocan diinota Oromooti. Oromoo gargar qooduun karoora diinaa waan ta’eef; Oromoon dhimma amantaa, lagaa fi yaadota garagarummaa Oromoo gidduu dhalchan yeroo afarsu keessa hin jiru. Kaayyoo Oromoo wareegama ilmaan isaatti xumura itti tolchuuf, humna jabaatti of jijjiiruuf, irree isaa jabeeffachuun murteessaa waan ta’eef; yeroon kun yeroo Oromoon hundi roga hundaan ilaa fi ilaameen marihatee kaayyoo ilmaan isaa itti wareegamanii bakkaan gahuuf yeroo itti hojjetudha malee yeroo itti wal dura dhaabbatu akka hin taane ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO gadi jabeessee hubachiisa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …