Oduu Haaraya

Amaarsaaniis dhaaba keenya keessatti filamuu fii filuus dandaya….

B/J Kmaal Galchuu Dhaaba  ABO kan yeroo dheeraaf wal daadarkeessuu malee qabsoo if dura oofuu dadhabe ture  keessaa  bahuun bara 2008 jijjiirama mooraa qabsoo  ilmaan Oromoo keessatti finna jechuun  garee Shanee ABO aangoo irraa kaafne jechuun sabaa himaa gargaaratiin labsuun isaani yaadatama.  Jijjiirama kanaan hamileen Oromoo tarii ol ka’a jedhamee yaadama ture, garuu dubbiin faallaa tahuun mooraan qabsoo Oromoo caalatti tasgbbii dhabuu fii WBO abdiin Oromoon hegereef abdataa ture nyaaphatti akka harkaa laatu taasifamuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti xurii hin dhaqamne fi hin irranfatamne tahee galmaawe.  Gareen jijjiiramaa bakka lamatti bahuun gareen tokko shanuma keessaa dheessetti deebi’u yeroo filatu, gareen B/J Kamaal galchuus diina Oromoo boochiisaa jiru boochiisuun hafee saba himaa habashootaarra deemuun waan amaarottiin dhagayuu barbaadan lallabaa jira….Guutuu isaa[ca_audio url_mp3=”http://www.bilisummaa.info/wp-content/kamaalgalchuu201308.mp3″ url_ogg=”” skin=”regular” align=”none”]

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

16 comments

  1. Yaadaa B/G/Kamaal Galchuu bay’ee gaarii dha itti fuffi siduukka jira. garu gare Aayaan laalatuu amma achii dandiin dhipha dha. Kamaal Galchu is aperson with vision and Action. Viva B/G/Kamaal Galchu.

  2. you guy!
    How many armed forces you have to fight for all Ethiopia? All hat no cattle!!!!!

  3. Wayyaanee keessa taa’ee kaleessas Oromoo fixaa ture, shira fi dirqama Wayyaaneen itti laatteen ABO keessatti ijaaramee ABO fi QBO diiguuf keessa taa’ee akka hojjetu dirqama itti kenname raawwataa tureera. Amma ammoo kan argaa jirru Ixoobiyummaa ijaaruu waan ta’eef xiqqoo turee Wayyaaneetti deebi’ee badhaafamuuf akka jiru kan yeroo gabaabaa keessatti eegnudha.

  4. J/Kamaal nama jabaa sabaaf yaadu jabaadhu kaanyoon umana waanyaa jirtii ati Rabbi sibira jiraa jabaadhu waan godhaa jirtu irraatti karaan martinuu sanumaa karaan deemuuf deeman maaliif ana qofaan hin taatetuu rakkisee ciniinfataa jiranii jabaadhu Rabbiin Oromoo godhee nu’uume sibira haajiraatu

  5. @Ummata waan dubbatamaa jiru dhagayuu hin dandeennef! gurri kessanillee waan qalbiin tessan yaaddu qofa isiniif gabaasa dhugaan kan dubatamaa jiru waan biraa kan isin dhaeefatan kabiraa akkasumati rakkadhaa hagga rabbiin isigargaaree dhugaa dhageefachuu dhadeesantti .

  6. bilisummaa fii nageeni kiyya isin haagayu midiyaa kessan kan garee qofa godhuu dhiiftani kan sabaa osoo gootani irra caalaa jaalatama argata silaa amma garuu worra ufii waan hojjatu dhabee/dhiisee nama wohojjatu irratti boba’aa jiruuf saydii/gama qabatanii waan J/kamaal dubataa jiruufii waan barraayee jiru waan wal hin fakkaafe yoo maxansitan waa akkaan nama gadisisu mee xiinxaa laalaa yoo isa dhageefannuu kan biraa yoo barruu laallu kan biraa yaa bara baranaa diimaan guracha guraachi diimaa bara jedhamutuu dhufee yaa Rabbii kan irraa nudandami

  7. dhugaa dubbachuuf Sararri tokkoottiin garee qabatee hin deemne kanuma qofa. Gadaa. com fi ayyaantuu.com yoo ilaalte garee daawud ibsaa dhaadheessuuf hirriba dhaban mee deemi laali. Marsaan kun suniin adda je’een amana

  8. Kan deeggarus ta’e kan balaalefatu INTERNEETA irratti waa barreessuun alatti hojiin ol bahee hin agarsiisu. Namuu waanuma itti fakkaate canba. Kuni garuu akka tarkaanfii takkallee duratti nu hin deemsifne hubachuu qabna. Interneeta irratti waan caalatti ummata addaan fageessu kan akka Dawud akkas, J/Kamal akkas jennee odeesuu fi waan isaan fulduratti ta’u danda’an raaguu irra, ol baanee eddoo isaan irraa shakkii itti qabnu isanuma gaafachutu baayessa. Kan hafe dalagaan isaaniyu saaxilaa waan deemuuf nuti abjuu keena himuun nu hin gargaaru. Kan kalee diina wajjiin hojjataa turee ummata biratti jibbame kan harra qabsa’a ta’e kan kalee qabsa’aa jaalatamaa ture kan harra immoo diinaaf hojjatu heddu. Kuni waanuma ta’amee fi waan fuldurattis ta’u danda’u. Kana hundaa ciminaan irratti yoo hojjatan ofi irraa hanbisuun ni danda’ama. Ololli hundee hin qabne kan nutti namtokkee irratti oofnu daraan ummata addaan waan facaasuuf irraa haa ofi qusannuu.

  9. Ilmmi Oromoo yoo waa barreessuu barbaadu barreessuun dura itti yaaduun barbaachisaa natti fakkaata,jibbuun waan biraa maalttu Oromoo rakkoo kana keessaa baasa jedhanii yaaduun waan biraati.yoo dhugaa dubbanne bilisummaa.com amma waan hin taane daladanii itti yaadaa.yoo barbaachisaa ta’e waan General kemal Gelchuu dubbate akkuma dubatametti kaayuun barbaachisaa natti fakkaata.wontti dubatamu ka biraa ka isin barreesitan ka biraa yoo ta’e dhugaa dubatuu[barreessuu]keesan mamii keessa waan galchitaniifi yaaduun barbaachisaa natti fakkaata.yaa bilisummaa.com sila Oromoon Afaan Amaraa hin dhagayuu jechoo barbaaddanii?waan dabaa

  10. DHugaa Baas Biyya Yemen irraa.
    Oromoof Oromiyaaf qabsoo geeggeefamaa jiru akka gaariitti jala buutee hubaachuun fi xinxaala siyaasaa gahaa kan ummata oromoo wanjoo gabrummaa jalaa baasu irrattii qabsoo godhuun barbaachiisadha.Anjaaleen ololaa akkuma baratamee qabsoo bilisummaa oromoo(QBO)keessa kanneen akka rirmaattii qabsoo qancaarsaa turaanii fi jiran yeroo qabsoon roga tokkotti deebiituu fi gara fuula duraattii tarkaanfatu akkuma barame qabsoo fiiniinsuun dagaatamee ajandaa ololaa kan qabsoo fi ilamaan oromoo addaan fageesu bukeessuu egaalu.kuni garuu ilaalacha siyaasaa ta’ee kamiyyuu kan galmaan hin geenyeedha. qabsoon akeeka gaarii fi bilchiina sammuu akkasumaas toftaa fi tarsimoo barbaachiisa. karaa kamiiniyyuu tumsa waliif ta’uutuu barbaachiisa malee falaasamni ololaa galmaan nama hin ga’uu akka hin dandeenye hubaachuu fi waliis hubaachiisuun fala ta’a. gama yaada jiruu immoo Jeneraal KAMAAL Galchuu qabsaa’aa qabsoo bilisummaa oromoo keessattii seenaa hin dagatamne qabu jedhee amana. Kuniis mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattii irmoota bara dheeraa qabsaa’aa fakkaatanii qabsoo qancarsaa turan hubaachuun qabsaa’aa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo dimookraateessedha. Akkasumaas mooraa qabsoo bilisummaa oromoos qulquuleesseedha. Ittii ansuudhaaniis sangantaa siyaasaa akka sabaaf ta’uuttii maarii ba’aadhaan erga akka bilisummaaa sabaa yeroo gabaabaa keessatti fida jedhame baaseedha. jabaadhuu jaabaadhaa qabsaa’oota qabsoo bilisummaa oromoo.

  11. dhugaa dubadhaa ummataa jaame

    ammaa ni gahaa sobaa dhisaa namnii kamaal galchuu gahuu tokkollee hin jiruu kaa irra hafee ergamtotaa ertiria ta’anii hafanii ammaa of laluu dhisanii namaa arabsanii osoo kaa wanyuu wanyuu ka horuu horaa jedhaa oromaan

  12. tuniis takkuma ja,e Obbo Ja,afr Alii Obbo kamaal Hattuuti malee k/galchuutimiti inni niti waanumaa biyyaa isa baasee huu hin barre hamma yona qabsoo godhuu yoo fedhee qabsoon asmara jirtii ????? ammaas daangaa Ertiraa fii Ethiopia Nama dhiisii cululleen cabsuu hin dandeysu …. Garuu inni waraanaa nama dhibbaa fii kudha saddet 118 waliin akkamitti daangaa dabruu dandeyee ?nama dhibba san fudhatee maa bosonaa oromiyaa hin seniin … moo dhaabuma ABO ja,u kana balleysuudha ergaan jabaan inni qabatee dhufe.kuno maayyitti guraageef ergamaa jiraamiti

  13. Namini akka kamaal galchutti kasaaree harkaan daaraa haree nijira ???? inni j/oromoo tahuun wayyaaneef hin taanee garuu isaaf hin gallee male.maalif osoo galeefii demii asmaraa dhaqii ABO diigii kottu oromoof hoggana guddaa taata jechuunii ergame. ergamuu isaa kanaaf sababni guddaan daangaa Ertiraa fii Ethiopia nama dhiisii horiin lafa dheedu cabsuu hin danye inni waraana raayyaa ethiopia nama 118 waliin asmaraa seenuun isaa waa hedduu namatti agarsiisa… ergaa ergameef san bakkaan geyuuf hoggana ABO gubbaan tarkanffateeti motummaan ertiraa qunnamuuf tattafate. garuu itti fashale. cal ja,e hin tenye dhhaba keysa keysa fincila umee ky ABO jechuun 2008 addaan fottoqinsa badaa dhaaba keysatti fidee garuu dhaabni fincila kana obsaan irraa Aanee. kanatti milkaawuu dhabnaan G7 warra guraagetti gale …. inni yo isaatii ballama mallasaan isaaf seene san gara isaatiin inni haga dandeyutti waan hujirraa olchef dafii biyyatti galuu barbaada. garuu magaalaan akka mana dhhaammatan hin taatu ja,aniimiti ree.osoo amma biyyatti deb,ee oromoon wayyaanee waliin hojjattuu huu isa hin dhiiftu akka fakkenyaatti warri OPDO waraana raayyaa Ethiopia keysa nama qabna jechaa kan abdachaa turan tokko isa waan taheef … ergaa inni biyyaa baafatee wayyaaneen waranaa rayyaa Ethiopia keysaa oromota qulqulleysite fixxe. kunigaa Dhaaba OPDO dirree isaan ofirraa hin egin keysa galche keysaafuu ega mummichi ministeraa Ethiopia Obbo Mallasaan Du,ee bodaa isaan waa takka hojjachuu dadhaban maalif waraana biyyatti keysaa nam tokko waan hin qabneef haala san mudutan … qaanyii fii rakko akkasii keysa ka isaan galchee Janaraal Kamaal Galchuu akka tahee sirritti waan hubataniif …. kanaafi ka jannef egallii barreyfama kanarratti namni akka isaa kasaaree hin jiru ka janneef kanaafi bar.

  14. Dhugaa Baas( biyya Yemen irraa

    Dhugaa Baas.

    Qabsoo bilisummaaf godhamu keessaattii guufuun qabsa’aa hin mudaanne hin jirtu.keessaayyuu keessaa qabsaa’oota keessattii qabsaa’aa fakkaachuun rirma qabsoo bilisummaattii tahuun akka qabsoo qancaartuu fi qabsaa’aan afaan wal waalaalu gadhaamaa ture.ar’as itti jiru.Haa ta’u malee qabsaa’oonni yeroo irraa yeroo abdii horaachaa deemuun sirna ayyaan laallaattummaan irraa aanaa dhuufuudhaan akka of jabeessaa dhufan oromoomii alaagaanuu argaa jira. Rakkoon jiru waraana kumaatama fudhee gara biyya elteeraa dhaaquun dhukkuba sammuu maaf nattii ta’aa? lammata qabsoo achii jirtii kan jedhuu jamaa malee waraanaafi kanneen maqaa qabsoon baroota hedduu daldaalaa ba’aan hedduun biyyuuma tana keessa jiru.J/Kamaal Galchuu gootaa rakkoo mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessattii bara dheeraa gaafa baase gaafa irraa ciruun sirna abbaa irruummaan kan nu malee qabsaa’aan hin jiru ykn ana abbaan qabsoo ofiinjechuun qabsaa’oota qabsoorraa fageessaa turan muna kanattii dhugaa himuudhaan mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessattii waaaraa buuse. hoggaanna sirna dhablee sagaantaa dhabeessa kan yoo dandeenye walaabummaa oromiyaa jedhu yookan immoo biyya ethiopia haaraa akka ummata keenyaa taatuutti waliin tannee ijaarraa jedhu arraab lammee ta’uu dhugaa ittii himuun dhaan akka qabsoo sabaa keessaa bahan dhugaa itti heme. sodaa tokko male. kana malee murni dullomaan kun akkuma bara dheeraa qabsoo sabaa omisha dhunfaa godhaachaa ture mooraa qabsoo irraa fudhaamte keessaa doolara daldaaluu egaalee osoo itti hin milkaa’iin salphiinaan hafe. kan hafaan immoo dhiheenya kana gara biyyaa alaa Dawud Ibsaa biraa bafaachuun argaa jira. fkn ABBAA CHAALA BIYYA swiidiin gale . Bultuun biyyoo immoo Ugaandaattii ELTEERAA irraa baqaachuu ,ABDII RAGAASAAs akkasuma dhaaba maqaa shaanee jedhuun daldaalu dhiisaanii gara baqaachuu argaa jira .kun immoo abdii kutaachuu shanee gumii mul’isa.Akka ABO jijjiiramaatii bilisummaa ummata oromoo fi ummaattoota cunqurfaammoo biyyaattii yeroo gabaabaa keessattii akka dhufu abdii guddaatu jira. dhaabboota oromoo fi kanneen bilisummaafi dimookraasummaaf falmaan hundaa waliin hojjaachuuf yeroo kamiiyyyuu qophiidha. Gadaan gadaa bilisummaatti!!!!!

  15. QABSOON SHANEE ILMAAN OROMOO IRRATTI MALEE DIINA IRRATTII MITTI

    Shaneen Ekeraa Fira Dhabaan Awwaala Dhabde

    Shaneen ekeraa fira dhaba reeffi awwaala dhabe. Gurmuu yaadaa fi karoora /blue print/ rakkoo saba Oromoo fi hawaasa cunqurfamaa waliin hiddaan furu ajaja Shaabiyaan itti kennitu malee hin qabne.Bulchitoota Shaabiyyaa- Mootummaan Ertiraa qunnamtii godhee fi Shaneen walitti hidhatuun Naqfaa miliyoona waggaan remade addaan qoodamuu barate gariin akka Tolee sooqqidda irratti qicaa harkuun sobataa elmatan Saba Oromootiin gowwoomsuun yoo aanjaan argame bakka Wayyaanee buufatuu osoo hafuura keessatti ittiftu Qabsoo Oromoo naafifte.

    Ufii tuffatamtee Saba Oromoo tuffachiifte, Gaafa J/Kamaal Galchuutii fi J/Hayluu Gonfaa faa gootota Oromoo waraana mootummaa keessaa sirna Wayyaanetti ibidda hidhatanii fi qawwee itti gargalfatan buqqifatanii qaamaan itti makamanuu Shaneen qaata duute. Kama waraana /WBO/ facaaftee Dirree falmaa onnsitee fi jaarmaya siyaasaa biyya keessaa madda diinaggee dhuunfatuu irratti osoo wal morkaan oddeessa diina /Wayyaanee/ dabarsitu,gaagaasisuun eeguma maqaa 3/ ‘ABO, Alaabaa fi SBO’ qofti hate Saba Oromoo hafuura itti deebise.

    Warri keessa beeku gariin “lmaan Oromoo tarkaanfii gootummaa san fudhatuu eega hin oolin yoo san gara Ertiraa dhaquu, ABO /Shabiyaa fi Shaneen/ gaggabsitetti dabalamuu manna osoo achumaa lola Wayyaanee garagalchuu godhanii silaa yoosuu hawaasa Oromoo sochoosu, rakkoon hin mudatu, doggogora.. faa” jedhee amanuu dubbatu gadin qabanne.Gurmuun hawaasaa harki guddaan gadi fageessee xiinxallu ammoo faallaa yaada armaa olii murtii qajeelaa fudhatuu “ABOn wal dhuunfatuun akkasumatti Dhaabota Oromootii fi mormtoota biraa waliin Tokkummaa, humna jabaa ijaaruun hawaasa keessaa-alaan sochoosuun yoma gabaabdutti sirna Wayyaanee diiguu herreguun hin dogoggorre faa..” jedhee yaada dhugarraa madde kennuun gargaaraa as dhufe. Dhugaan jiru ammoo kanuma taya.Dhugaa san ammoo wanti hanqise dhiibbaa Shanee fi Shaabiyaa akka taate mamaa hinqabu.Uumaa fi aadaan Shanee yoo madda rakkoo hangafa

    1-Jalqabumaa kaasee gareen naannaya tokkoo bakka hoggana ABO qabatuun yaada hamaa bakka gurmuu Nafxanyaa fi Wayyaanee uf buusee dhaalaan ummata Oromoo biraa gabroonfatee bulchuun xaxamee.

    2-Garee gahummaa fi walii hingalle /incompetent and incompatible/ ijaaratuun QBO handhuuraa daldala madda diinaggee maatii godhatuun irratti waljijjiiraa

    3-Yoo maraa dhawa /tarsiimoo Qabsoo –“Laakkofsa gurmuu firaa guddisuu, diina ammoo xiqqeessuu /haphisuu” jedhu faallaa garagalchuun /diina guddisuun fira facaasuu faa/ dalaguun Sabaa fi Sablammoota ufitti qabuu dhiisii tokkummaa saba Oromootuu dharu aadaa godhate

    4-Lammii Oromoo gosa, /naannya/ biraa keessattuu yoo dandeettii fi yaada tarkaanfataa qabu taatee boruu-hegeree jijjiirama fiduun liqimfamuun sodaate gara hogganaa dhiyaatuu mitii akka miseensummaan qooda QBO hamileen hin gummachine sakkaaluun maayii akka osoo homaa hin dalagin gaaddisa jalatti lubbuun wareegamu ykn abdii kutatee ganu godhuu,

    5-Lammii Oromoo gara biraa qofaa mitii Oromoo tarkaanfataa akka sirnaa yaadu naannaya /gosa, gandaa fi amantii/ sanitti dhalatee yoo yaada garee-Siyaasa Booyyee /Dhaaduu “All animals have right, some animals have more right.” Jedhuu G.Orwell kitaaba ‘Animal Farm’ barreesse ibse fakkaatu hin qabaanne bakka gaafatamaarraa dhiibuu. Ammaan tana abbootuma garee QBO gaadite ijaartee biraa lafa maraa turte galgalaan seera Wayyaaneen /constitution/biyyaan dhabamsiisaa turtee fi ittiin jirtu dhugoomsuun harka itti kennatuu cidha godhatuu dhagawuun dhaasa.

    6-ABO jaarmaya miseensa waa maraan hoggana caaluun akka nafa guutuu mataa hinqabnee /’headless torso’/ jedhamu fakkaatu hoggana ‘cichaa’ malee cimaa akka hin horanne horatuu bultii hin baafanneen humna siyaasaa fi waraanaa jabaa godhuu hanqise.

    Shaabiyaan ammoo rakkoo mataa ufiituu furatuu manna ufitti xaxuun hawaasa biyya lafaatiin tuffatamuun mudate. Shaabiyaan Humna Wayyaanee diigu caalaa gurmuu dadhasbaa akka Shanee bakka Wayyaanee buufatu osoo tolfatuu ifaajju aduun itti dhiite. Wanti Shanee fi Shaabiyaan gootu cufti akka darara hawaasa Oromoo, QBO dheeratu, laakkofsi wareega dachamaan dabalaa sirna gabrummaa fi cunqursaa bultii baafatu gargaare.

    Yoo uumaan OPDOn Wayyaanee jala jirtuu rakkoo Saba Oromoo hin furtuu amanuun jibbisiise Shaneen guyyaa keessa galtuu akaakkayyuu OPDO, abbaa Wayyaanee-Shaabiyaa taate wanti gargar godhu hinjiru.

    Wanti nama maalalu gurmuu hawaasa Oromoo gama laafaa gosaa, naannayaa fi kanniin fakkaatuun hawatamee ijibaatuu dhabee haga ammaa Shaneen Raqa Shame akka aadaan “Reeffa aanaa Torba gargalchan.”jedhan Olii gadi garagalchuu arguu-dhagawuun asgaye. Amma murtiin ummata Oromoo dadhabaa fi raqa olii-gadi gara galchuu miti.

    Gurmuun hawaasa Oromoo beekaa/ wallaallaan/ gama garee akka Shanee faa goree gosaa fi gandaan aduun waliin itti dhiite kana dhiisee yaada tarkaanfataa tokkummaa saba Oromoo laafe ittichuu bira taree sabaa-sablammoota roorroo fakkaataa hobbaafatuu tattaafatan waliin dhaabatuun Wayyaanee mataan cabe akka walirraa hin hafne godhu waliin yoo hiriire seenaa haaromsu taya.

    QBO jalqaba malee hin goolabamne.Garuu yoomiyyuu caala hoggana biyya ambaatii ibidda ufii waliin hin gubanne internet fi ololaan hiixuun hawaasa Oromootti qabsiisu osoo hin taane akka Wayyaanee fi farriin beekuu dhiisii shakkuu hin dandeennetti hojjataa hojjachiisu horatuu afaan guutattanii dubbatuun nama hin qaanfachiisu.

    • Shaneen dhiheenya kana kasaaraan siyaasaa jabaan karaa Social Media irra gahaa jiru jalaa uf dandmachiisuf G/Kamaal irratti olola isii rakasa taye kana bante. Ololli shaneedhaa ammaan booda bakka hin qabu. Dawud Ibsaa fi Bultum biyyoo namoota ABO dura ta’aa fi itti aanaa ta’uudhaan waggoota 18 dabran kana hooganaa turaniidha. Namootin kun hadha mana isaanii “Tigroota” waliin qabsoo Oromoo hogganaa turan. Kunis kan saaxilamaa jiru dhiheenyuma kana dha.

      General kamaal Galchuu dhiira waraana mootummaa ABOf ijaaree hiriira galchee qabsoo Oromotti fide. Nama waraana Etoopiyaa diigee Warana ABO ijaare. Kan waraana ABO diinatti galchaa ture. kan WBO hiikkachiisee mooratti ficisiisaa ture, ka beelaa fi dheebun fixaa ture murna shanee uffiin jedhu kana malee General Kamaal Galchuu miti.

      Ololli shanee G/Kamaal Galchuu irratti bantu ammaan booda kan shanee haga haftee hidhaa gadi awwaalu malee bu’aa biraa hin qabu. Shaneen sababa B/G/Kamaal Galchuuti ummata Oromo Arsitti duuli bante kun kan lafa irraa isii balleesu ta’uu isaa beekuu qabdi turte. Garuu kana hubachaa waan hin jirreef ololoa dharaa facaasuu hin dhiifne.

      G/Kamaal onnee Oromoo keessa jira. Hujiin isaa mul’ataan awwaalamuu hin dandayu. Kanaaf summiin isiin facaaftu kanuma mataa isii balleesu akka ta’e hubattee saroota isii gochaa Oromorratti duuluu kana irraa akka uf qusatan osoo gootee gaari.