Oduu Haaraya

Australia, Melbournetti Bobbaan Ergamtoota Wayyanee Fashale

irrira_australia1Guyyaa Amajjii 31, 2015 Hawaasti Oromo Australia, magaalaa Melbourne keessa jiraatu sochii ergamtoota diinaa garee OPDO, Abdulhaaziiz Mohamed I/A/bulchaa Oromiyaa kan ofiin jedhuun Australiatti bobbaate hojii ishee hanqisuu fi wal-ga’ii waammatan haqsiisuun injifannoo diina irratti galmeessan. Iriira kana irratti sabni Amaaraa fi Ogadeen hangi tokko argamaniiru.

Qindoominaa fi jajjabina hoogganoota waldaalee hawaasaatiin injifannoo hawaasti keenya galmeesse kan nama boonsu, egeree tokkummaa keenyaa kan daran cimsuu fi diina biyyoota alaa keessatti of ijaaruuf tattaafattu kan abdii kutachiise waan ta’eef ilmaan Oromoo lubbuu isaanii baraaruuf biyyoota amabaa addunyaa kana keessa faca’anii jiraatan maraaf fakkii gaariidha jenna.

Sochii diinaa yeroo adda addaa naannoo kanaa irraa muuyixannoo kan qabu waldaan Hawaasa Oromoo Victoria, magaalaa Melbourne ergamtoota faana bu’uun galama meeqa qabachuun horii isaanii qisaasaniyyuu akka irree hawaasa bal’aa jalaa ba’uu hin dandeenye mirkaneessaniiruf. Loote galtoonni isaan Hawaasa keessatti ijaarrachuu yaalan dogoggorsuuf bakkoota adda addaatti wal-ga’ii jaloota isaanii waammachuuf tattaafataniyyuu ija jaarmayaa hawaasa keenyaa jalaa ba’uu hin dandeenye. Baay’inaa fi xiqqeenya hawaasaa iriira sana irratti argamanii osoo hin taane murannoo fi kutannoo isaan bobbaa diinaa irratti fudhatan akkaan kan nama boonsu ta’uu agarsiisa. Konyaan ABO Victoria hojii bu’a qabeessa, dalagaa tokkummaa hawaasa keenyaa muldhisu, injifannoo QBO olkaasuu fi hojii bu’a qabeessa argame kanatti diinni keenya kan mataan lafa ilaale, itti qaana’ee, gama kaaniin ammoo Oromoo fi firoottan qabsoo keenyaa mara daran kan nu boonsu ta’uu irra dabree yeroon isaa qabsoo hafteef of qopheessuun murteessaa ta’u kan hubachiise ta’u ibsuu feena.

irrira_australia2Ergamtoonni diinaa kun hawaasa keenya dogoggorsuuf Melbourne naannoo Brunswick jedhamutti sa’a 03:00wb waamanii tokkummaa hawaasa facaasuu yaalanii itti hin milkoofne. Ejjennoo hawaasti keenya fudhatee kan isaan shororkeesse jeleewwan ergamtootaa kun walakkeessa magaalaa Melbourne Crown Plaza godhachuuf yaalan. Sodaachisuuf humna Poolisaa iriirfachuus yaalaniiru. Haa ta’uti isaanii wal funaanaa jiru gootonni keenya dursanii bakka qabachuun fedhii isaanii sana doomsuu danada’aniiru.

Karoora bobbaa diinaa gara Australia, Melbourne hanqisuu irratti sab-quunnamtiileen adda addaa kan gaabaasan ta’u illee sochii fi yaaliin diinaa naannoo kanaa as irratti dhaabbata jechuu hin dandeenyu. Diinni abdii hin kutatu waan ta’eef hanga jilli bobbaate naannoo kanaa abdii kutattee baatutti jala bu’uun murteessadha. Dhukkuba hawaasa keenya keessatti facaasanii deemuuf tattaffii isaanii maseensuun murteessadha. Kanaaf Oromoon martinuu jabaatee jala bu’uu qaba.

Akka Adda Bilisummaa Oromoo konyaa Victoriatti, bobbaa diinaa kana hanqisuu qofaa osoo hin taane hawaasti keenya hojii ulfaataa hafetti itti fufinsaan bobba’uun kan isa irraa eegamu ta’uus asumaan hubachiisuu feena. Warreen kaleessa qabsaawaa ta’uun diina kana himatanii biyyaa ba’an, har’a dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’e fi dhangalaa jiru sana dagachuun dantaa ofii jala bu’anii hariiroo mootummaa Wayyaanee uummatanii lammii isaanii irratti fafa dalagaa jiran gorsanii deeffachuu ykn saaxilanii of keessaa qophxeessuun barbaachisaa ta’uu qaba jenna. Har’a rakkoon uummata isaanii itti mul’achuu hanqattee, waan kaleessa biyyaa iittin yaa’ame sun dagatamee hara’a as keessatti maandheffachuun riqicha diinaa ta’anii haala bobbaa diinaa kana mijeessaa jiran saaxiluun waan fardii ta’ee as ba’aa jira. Yoo kana hin taane tasgabbiin hawaasa keenyaa akkaan yaaddessaa ta’uu fi gaaffii keessa jiraachuu hubachuun barbaachisaadha jenna. Haal duree waliin jireenya hawaasa keenya keessaa borii aanjefachuun murteessadha. Maaliif jennaan akkaataa laafina keenya keessaan harka naqatanii boris fakkaataan mudachuuf kan hin oolle ta’uu mirkana waan ta’eef itti yaadamuu qaba.

irrira_australia3Wallaalumaanis ta’ee beekaa, akkasumas warreen dantaan qabamtanii iji keessan jaamee diinatti hidhachuun lammii keessan irratti daba daangaa hin qabne dalagaa jirtanis ta’ee dogoggora keessa jirtan hatattamaan akka dhaabbattan jenna. Dhiigi ilmaan Oromoo akka tasaa diina isin itti hirkattanii jirtaniin dhangala’aa jiru isin gaafachuuf deema. Kun ta’uu baannaan itti gaafatama seenaa jalaa ba’uu akka hin dandeenye beeksifna.

Kanaaf akka walii galaattuu tokkommaan waldaa hawaasa Oromoo murteessaa ta’uu ABO Konyaa Victoriaa itti amana. Hojii fardii kana milkeessuu irratti koreewwan waldaa hawaasa Oromoo Victoria fi uummanni Oromoo duula kana irratti hirmaattan galata guddaa qabdu jenna. Gadaan gadaa lolaati, Oromiyaa irrattis akkasuma injifannoo galmeessisiisuf jabaannee haa kaanu.

Injifannoo Ummata Oromoof !!!

ABO Konyaa Victoria.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …