Categories: Oduu Oromiyaa

Ayyaanni Guyyaa Gootoota Oromoo Tokkummaa Barattoota Oromo Biyya Jarmanii (TBOJ) Dame Hessen-TBOHn Kabajame

Frankfurt, Germany, 12.04. 2014

Guyyaa kabajamaa kanarratti Keessummootni adda adda kan afeeramanii yemmu ta’u, saganticha akka Aadaa Oromoootti eebbaa Manguddoota Oromoon jalqabame. Itti aansuudhaan, kabajaa guyyaa gootota oromoo ilaalchise Jaal Harun Kalil Bati barumsa fi ibsa bal’aa miseensootaf kennani jiru.
Jaal Haruun, muxaannoo qabsoo hidhannoo kessa argatani caqasudhaan barumsa kennan kessa, ummaani oromoo maliif guyyaa kana akka kabaju, wareegama goototni Oromoo gochaa turan, gootota Oromoo maqaa dhahun ibsaa bal’aa laatani jiru. Akkasumas goototni Oromoo saba saaniif wareegama kan kafaliini fi bu’aawwaan heedduu kan galmeesisan ta’u isa mirkanessan. Dhaalootni har’aan immoo bu’aawwan argaman tiksudhaan Qabsoon gara fulduratti akka tarkanfachisu qabu fi gummaa isanni kafaluuf nutii ilmaan Oromoo harka walqabanee tokkumman qabsa’u akka qabnu dhamsa dabarsani jiru.
Itti ansudhaan miseensoota keessa Jaal Robera Bultee fi Addee Nagase Adunya wa’ee guyyaa gootota ilaalchise walaloo moraa hirmaatoota cimsuu dhiyeessani jiru.
Seena Gootummaa qabsoo hadhawaa fi Waregama guddaan galmaa’ee kuni, waggaa waggaan yaadachu ala, qabsoo bilisummaa jalqabame fixaan baasu fi ummata Oromoo waanjoo gabrumma Motummaa abbaa irre Wayyaane jala baasuf ilmaan Oromoo maraa tokkummaan akka dhabaatan marii misensoota walin geggeeffamettin wali galame jira.
Maayyiirrattis miseensootni Tokkumma Baraattoota Oromoo Biyyaa Jarmani damee Hessen ibsaa ejjeennoo armaan gadiin kabajaa ayyaannicha xumurre jirra.

Oromoo biyyaa irra baqate biyya Kenya kessa hirkachaa jiru, hidhma fi gara motummaa TPLF dabarsani kan kennama jira ta’u isa baayyee nu gaddisise jira. Kanaaf tarkaanfii kuni waligaltee Biyyolessa adduya kan Mirga dhala nama fi Mirga baqattoota kan Fallessu waan ta’eef, gocha kana cimsine balaaleffanna akkasumas Motummaa biyyaa Kenya deemsa kana hatattaman akka sirressu waamicha kenya dabarsiina
Motumma abba irree TPLF-woyyaanettin, mirga dhabinsa, hidhaa fi ajjeechaa saba Oromoo irraa raawatama jiru akka dhabaatu cimsine gaafana, gocha badiisa kana karaa kaminiyyu falmuuf qophii ta’ukenya ni mirkanessina.
Ummaanii Oromoo bakka itti dhaalate Oromiyyaa lafaa bal’aa fi laliistu ishee irratti mirga jirenya fi lafaa isaa misoomsu osoo qabu, sababa Saamicha lafaa ykn “ Land grab” dhaan biyya abba isaani irra humnan buqqisudhaan gara biyyaa ormaatti akkan baqaattani dirqama jiru. Motummaa woyyaanne mirga ummaata oromoo cabsun lafaa Oromoo sammuu fi gurgurruun umrii isaa itti dheeressu kana akka dhabu cimsine ni hubachifna.
Mootummaan TPLF aangoo humnaan qabate turfachuuf tooftaa gosoota walitti bussuu kuni beekama dha. Haluma kanaan wal dhabbii gosoota Oromoo lamaan, Gujii fi Booranaa gidduu ummee kun tooftaa dullowma angoo irraa turuf akka ta’e Oromonnis hubatani waldhabu irra akka of qusatan fi tokkummaan akka dhaabatan waamicha kenya ni dabasina.
Ilmaan Nafxanyoota, marsaale hawaasa adda addaa irraatti duli ilmaa fi Afaan Oromoo irraati banan ni balaleffana.
Maqaa misoomaattin motumooni Dimokratawaa gargaarsa motumma woyyaannetti laacha jiran. garuu gargaarsi horii kuni kallattiin itti faayadamu dhisee haala siyaasa abba irrummaa motummaa TPLF itti cimsutti faayadama jirachu isaa hubachu dhaan gargaarsa godhama jiru akka dhabatu dhamsa dabarsina.
Gara Jaarmayole siyaasa Oromoo immo, garaagarummaa xixiiqoo isin giddu jiru dhipphisuudhaan Qabsoo Bilisummaa Oromoof tokkummaan akka diina dura dhaabatani waamicha kabajaa dhiyyeesina.

Injifannoo Ummata Oromoof
Oromiyaan kan Oromooti
TBOJ Dame Hessen-TBOH
Ebla 12. 2014
Frankfurt am Main
http://tboj.de/home/tboh.html
http://tboj.de/

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago