Oduu Haaraya

IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?

Must read all Oromo Muslims
By Urjii Ahmad

IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?

Ayyaannii Irrechaa Maali?

Irrecha jechuun Hikkaan Isaa gabbaruu ykn Ibaadaa godhuu jechuudha.
Hikkaa Isaa kanarraa wanni hubannu Ayyaanni kun ayyaana Ibaadaa itti godhan, kan galata Rabbirraa itti barbaadan tahuu Isaati. Fagoo osoo hin deemne hikkaa Isaa qofarraa ka’uun Muslimootaaf ayyaana tahuu akka hin dandeenye beekuun ni dandahama.

IRREECHA KABAJUUN EEYSATTI? AKKAMITTI EEGALE?

Ayyaanni Irrechaa Haroo Arsadii je’amu kan magaalaa Bushooftuutti argamu biratti kabajamuu jalqabe.
Sababaan jalqaba Ayyaana kanaa akka himamutti Namni Arsadii Je’amu kan Gosa Oromoo Liiban akka malee rakkatee guyyaa 8 Haroo amma maqaa Isaatiin yamamu kana biratti Waaqa kadhataa jiraate. Osoo hin nyaatiin Osoo hin dhugin jiraachuun Isaatis ummata dinqisiise. Maanguddoon Gosaa waliitti qabamanii bakka san bakka Ibaadaa “Gabbartii” Ykn Waaqeefannaa akka taatu murteeysan. Akkasitti Haroonis Haroo Arsadii taatee bakkittis bakka Ibaadaa ykn Waaqeefannaa taate.
Irrechi akkatti jalqabe. Arra Aadaa Oromummaa namaaf mirkaneeysu godhuuf Waaqefatoonni dhagaa hin kaafne hin qaban.

IRRECHI AMANTII MOO MAALI?

Irrechi jalqabuma hikkaa Isaarraa eegalee hanga arraatti Waaqeefattoonni Waaqa Isaan gabbaran waliin hidhaa jabeeyfachuuf, gabbaruuf, kadhachuuf, farfachuuf Irreecha godhan.
Wanni kun Aadaa Osoo hin tahin amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Wanni Rabbirraa galata itti barbaadan hundi Ibaadaa je’ama.
Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee irratti waliif gale jechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha. Waaqeefatummaan Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa galata Rabbirraa itti barbaaduudha.
Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba mataa Isaa qaba. Waan Karaa Quraanaa fii Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin akkamitti daleeynee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Keenyaa miti. Amantii If dandeeyse qabna!

• IRRECHA AKKAMITTI KABAJAN? EENYUU KABAJA?

Irrecha kan kabaju Oromoo Amantii Waaqeefataa hordofan kan naannoo Bushooftuu Jiraatan tahus booda warri Waaqeefattummaa malee Oromoon amantii biraa qabaachuu hin qabdu je’an Ayyaana kana aadaa Oromummaa fi Mallattoo Oromummaa fakkeeysanii biyya keessaa fi alatti ni kabajan.
Kan biyya alaa akka itti kabajamu beeku baannus kan biyya keessaa akka itti kabajamu barreeyfamee jira.
“Abbaa Qaalluu” jechuun namni yaamamu akka Imaamaa ykn gaggeeysaatti Gabbartii Waaqaaf godhan Irrecha tartiibaan ni qajeelcha.
Ayyaannii Irrechaa Asaba Raggaasaa akka IbsituuAyyaana Oromoo fii Waaqa Walitti hidhu kan Waaqa waan dabreef galatoomfatanii waan dhufuuf Waaqa itti kadhatan” jechuun dubbata.
Ayyaanni Irreechaa Oromummaa kan mirkaneeysuu akka tahee fii kan Oromoota hundaa akka tahes Barreeysaan Asaba Raggaasaa jedhamu Barruu Isaa “Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo Identity” jechuun Ibsee jira.
Akka barreeysaan kun jedhutti Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Waaqaaf galata itti galchanii fii Malattoo Oromummaa guddoo jechuun dubbata.
Irreecha namni kabaju Oromummaan Isaa shakkii hin qabuu, namni Ayyaana kana hin kabaju je’u Mallattoo Oromummaa gudditti dide jechuudha akka Isaan jedhanitti.

IRREECHI MUSLIMAAF MAALI?

Akka gubbaatti Ibsuuf yaale Jarri Ayyaana kana Kabaju Ayyaana kanarratti Waaqaaf galata galchina, Waan ful duraa Waaqni akka nuuf tolchu kadhanna, Hiidhaa Waaqaa fii nu jidduu jirtu jabeeyfanna jechuun dubbatan.
Muslimni hidhaa Rabbii fii Isa jidduu jirtu jabeeysuuf Irrecha godhuu qaba moo Karaa Rabbii fii Rasuulaa s.a.w guutuu irruu hin qabne hordofuu qaba!?
Amantiin Islaamaa amantii guutuudha. Kadhaa, Rabbi farfatuu fii Hidhaa Rabbii fii nu jidduu akkamitti akka tolfannu karaan Islaamaa guutuun lafa kaayee jira. Namni galata Rabbirraa barbaaduuf Ibaadaa godhu hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamee jala deemuudhaan Milkaawa. Wanni sanii achii hundi jallina.
Muslimaaf irrechi guyyaa ayyaanaa Osoo hin tahin guyyaa gaddaati, akkamitti yoo jetten obboleyyan keenye hedduun arrallee Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu dhiisanii karaa Rabbiin shari’aa hin godhin jala deemaa jiran. Kuni nu gaddisiisuu qaba malee nu gammachiisuu hin qabu.
Kara biraatiin ifittis gadduu qabna. Osoo nuti akka gaaritti da’waa goone Sabni keenya Kumaatamaan lakkaawaman Islaamummaa dhiisanii karaa biraa hin hordofan ture. Kuni Nu sheeneeysee da’waaf nu kaasuu qaba.

AYYAANA IRREECHAA EENYUUTU OROMUMMAAN WALITTI HIDHA?

Ayyaana Irrechaa Mallattoo Oromummaa warri godhu warra Oromoon Muslimaa hedduu tahuun akka malee isaan yaachistu.
Isaan wanni fedhan MuslimaAadaa tee”, “Eenyummaa tee” jechuun amantii Waaqeefattummaa tan Oromoota hundaa godhuu fedhan. Rakkoon Isaanii guddoon Oromummaa Waaqeefattummaan walitti hidhanii Muslimoota Shirkiitti deebisuudha.
Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Warri Siyaasaa Bilisummaa Oromoo jechuun ummata haajaa Isaanii qofaaf sobaa turan Bilisummaa dhabdan Waaqeefattummaa isiniif finne jechuun itti if jijjabeeysan. Ammallee Sobaan Muslimoota Waaqeefattummaatti deebisuu fedhan.

XUMURA

Waqeefatummaan Amantii Towhiidaa tan Rabbii tokkicha itti gabbaranii miti. Amantiin Towhiidaa tan Rabbiin tokkichi itti gabbaramu karaa Nabi Ibraahim qofa sunis Islaama.
Islaamni Amantiidha, aadaadha, mala jiruu fi jireenyaati. Aadaan Amantii Islaamaa falleeysitu hundi Jallinatti laalamti, malli jiruu fii jireenyaa Islaama falleeysu hundi Jallina tahuutti beekkama.
Namni Mala jiruu fi jireenyaa, Aadaa, Amantii Islaamaa malee barbaadu Akhiiraatti hongawaadha. Rabbi biraa humaa hin argatu.
Irrechi karaa Amantii Waaqeefataa keessatti karaa Waaqa gurraacha ittiin gabbarani. Sun ammoo Amantii Jallinaa fii Shirkiiti.
Irreechi Karaa Ibaadaa Waaqa gurraacha ittiin gabbaran waan taheef Muslima hin ilaallatu.
Muslimni Rabbi ummataa wajjiin kadhachuuf jum’aa qaba, Iida qaba, Hajjii qaba.
Karaan Rasuulaa s.a.w nuuf gaha!
Oromummaa Rabbiin irratti nu uume, Ayyaana Irrechaa kabajuu dhabuu keenyaaf namni nurraa fuudhuu dandahu ni jiraa?
………………..
Maddi (Reference):
1. Irrecha: From Thanksgiving Ritualto Strong Symbol of Oromo Identity
By: Asebe Regassa
Asii ni argatta=>http://waaqeffannaa.org/wp-content/uploads/2013/08/Irreecha.pdf
2. Irrecha

Asii ni argama => http://www.oromiatourism.gov.et/Oromia/oromia_relig_irrecha.html

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

4 comments

  1. Ati nama tortoraa wa’iiti, ykn ajandaa mataakee qabda!! 1) ireessi kanjiru bishooftuu qofaa miti. you are a devil minded moron who want to devide oromos along religious line.

  2. Arab butt kissers! Useless lots!

  3. Abo eennu kan waan kana barreesse? dhagayi! Ati Oromodha oromon amantiin isaa waaqeffataadha, dhiisi nurraa amantii arabaa ati araba miti. Islamni amanti arabaati! Sabni ilma namaa kan dachii kana irra jiru hundinuu amantaa mataa isaa qaba! oromoonis akkasuma amantiin isaa WAAQEFFATAADHA.

  4. Ani nama yada kana bareesemit hata.u male ati kan walti qabnu oromummadha malee amatan waan dhunfa tokko kanafu ati amanta saboonton duritu Amanta garaagara osoo qaban amanta wal kabajan waliin qabsaaya turan ati rakoon amantan islaama siraan gahu maltu jira yoo nama wabeku taate ibsa ken ani bobaasa dida