Oduu Haaraya

Badii hojjatameef dhiifama gaafachuun kabajamaa saba Oromoo biratti iddoo guddaa qabaata.

Kabajamtoota jaalattoota bilisummaa Oromoo ergaan kiyya kan obbolummaa bakkuma jirtanitti isinhaagayu.

Kanatti aansee jidduu namootaa deddeebi’uun mormii keessa seenaa kan jiru dhimma obbo Junaydii Saaddo

irratti yaada kiyyaa isiniif qooduu barbaada.

Maaltu siin gaye akka hinjenne nama dhimma kana hayyootaaf dhiisaa jiru hinargine. Aniis kanaafan asutaale.

Dhugaadha Obbo Juneydiin Saaddon mootummaa wayyaanee keessatti nama sadarkaa guddaa irratti hojjataa

tureedha. Yeroo inni angoo irra turetti gaarii fii badaan hojjatamees jira. Yeroo muraasa duratti barruun maqaa

obbo Juneydiin gadi bahe tokko qabiyyee dheeraa qabatee dhufuun isaa beekamadha. Ijoon dubbii barruu sanii

AniJunadiin Saaddon ummata kiyya akka dhiifama naaf godhan gaafadha jedha.

Dhugaadha Junaddiin erga biyyaa bahanii baroota lakkaaweera. Kunoo ammaas asbahee bifa guutuun dhiifama

gaafataa jira. Ibsa bal’aas kennee jira. Fedhii isaa gara fuulduraas lafa kaayee jira.

Yeroo angoo gubbaa turettiis waan hedduu yakkuus gaarii jijjiiruuf yaalee itti milkaaweefii dadhabees ibsee

jira. Guutumatti gaafiilee isaaf dhihaatan deebisee jira.

Ani amma dhiifama godhuufii diduu irratti mormii Fb irratti deemaa jiru kanarratti taajjabbii kiyya isiniif

dhiheessa.

1,Gaafa Junaydiin angotti dhufe kan isa filatee olbaase ummata Oromoo miti. 2,Gaafa irraa bu’uus dhiibbaa

ummataanii miti. Gaafuma biyyaarra bahe media irratti as bahee dubachuu inni gaafatee ummataan dhorkamee

amma hayyama ummataan asbahee dubachaa hinjiru. Yeroo haalli isaaf mijjate argannaan asbahee dubbachaa

jira. Qabsoon keenya finiinee gulantaa gaarii irra gayuun hamilee keessa isaatitti uumameen dhiifama

gaafachuuf kan asbhuus qalbii guutuun simachuu qabna . Namoota bifa gara garaatiin mooraa diinaa irraa

bahanii mataa gadi qabatanii jiraatan hundi ifsaaxiluun gara qasoo keenyaatti yoo dhufan kuniis bu’qabsoo

keenyaa waan ta’eef ittiin boonna . Gammachuu guutuufii qalbii qulqulluu taheen isaan simachuu qabna .

Kanaafiis kanneen mooraa diinaa keessa jiran maraaf yaamicha dhawaataa godhaa jirra . Ammaas ijoon dubbii

isaa waan hedduu kaasuus akka ummanni dhiifama isaaf godhuu fii umrii isaa kana boodaa waandandayuun

qabsoo sabaa keessatti akka hirmaatu ballama seenuu isaa dhagayaa argaas jirra.

Kan inni dhiifama gaafatees saba isaati. Ammaas akka waliigalaatti, Malee qaamni sabarraa bakka bu’e kan itti

dhiheeffatanii argachuu dhabuu irratti mirkaneeffatan kan sabni bakka buufate qaamni tokko hinjiru. Dhiifamni

haagodhamuufii hingodhamuun kan irratti deemaa jiru Fb irrattiidha. Petition dhimma kanaaf banamee sagaleen

yoo laalame murtii ummataa beekuuniifii fudhachuun gaariidh.

Mee waantokko isin yaadachiiseen yaada kiyya xumura.

Gaafa Habashaan Oromiyaa weeraru baay’inni ummata Oromoo m10 ture. Maqaa Ethiopia jedhu kana diddaaf

m5 wareegamee Maqaan kun humnaan nurratti fe’amee har’a geenye. Wareegamni qabsoof bahu haga ammaatti

itti fufee jira. Habashaan haga ammaatti lubbuu nama miliyoonotaan lakkawamu duguugee takkaa dhiifama

nugaafatee hinbeeku. Gaafachuufiis fedha hinqabu.

Tan dabarteef walhudhuun tan amma harkaa nuqabdu fageessiti jechuun Oromoofii Amaarri waliin sirna

kanarratti qabsaa’uun bifa bal’aan labsamaa jira. Junaddin kan mooraa diinaa keessa ture dhiisii warri MQBO

keessatti badii kana caalu hojjatees danuudha. Dhiifama gaafachuun hafee badii hojjachuu isaanii amanuu

hinfedhan. Kanaaf kanballeessee callisees wanni goonu hinjiru.

Isa balleessee badii fudhatee ifatti dhiifafama gaafateef dhiifamni godhamuu qaba.Kana jechuun Juneydiin

gaafa angoo gubbaarra jirutti angoo qabutti fayyadamee ajaja isaatiin ykn harka isaatiin lubbuun itti himatamu

yoo jiraate dhiifama amma godhamuuf kanaan jalaa baha jechuu miti.

Dhiifamni akka sabaatti inni gaafate haagodhmuuf yoo nuwaliin qabsaa’uu fedhees balballi haabannuuf.

Ammaas bu’aa bahii qabsoo hinxumurre. Dirree qabsoo keessa jirra. Dhimma kanarratti walmormuun ammaa

kaasee dhaabbachuu qaba. Dhiifama gaafachuun oromoo biratti gatii guddaa qaba. Haaluma ulfaata keessa jirru

kana keessattuu Aadaa, Hooda, Hurmada, Safuu fii duudhaa keenya haaeggannu. Eenyummaa keenya

waanta’eef.

<< Juneydii Saaddof dhiifama haagoonu >>

Aniis naofkachaa. Ijarraa nahambisaasaa.

Lellisaa Tuujii

September 23/2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Hanga warri kosiin maqa media Oromo jechuun gaazexessa, activist, facebook, garamale jechuun auropa fi USA keessa ta’anii gandaan wal-waamudhaan maqaa ummata oromotiin criminal fi daldaltuun hundi nu irraa dhaabattutti Oromoon bilisa ba’auu tasuma hin danda’u.
    Junadiin saadoo dhiisatii Abbay Tsayeen boru dhiifama gaafatee qabsa’a nuuf ta’uuf deema. Meles Zenawi gana ka’e dhiifatama gafate isin bilisomsa eegadha.