Oduu Haaraya

Baqattoonni Yemen dararaan nu irratti raawwatamaa jira jedhu

November 14, 2014, WASHINGTON DC(VOA Afaan Oromoo) — Baqattoonni Oromoo kanneen Yemen keessa jiraatan yeroo ammaa rakkoo keessa jiraachuu isaanii dubbatu.

Lammiiwwan Yemen kanneen Sana’aa fi magaalaalee ka biroo keessaa gosaan wal qodoanii walii isaanii irratti ka’anii wayita jiran kanatti gurraacha of keessatti arguu hin feenu jechuu dhaan baqattoota irraan reebicha, saamichaa fi ajjeechaa nu irraan ga’aa dubartoonni keenyas humnaan gudeedamaa jiru jedhu.

Torban darbe keessa illee kan rasaasaan rukutamee balaan madaa’uu irra ga’ee ture baqataan Oromoo tokko dhaaba koolu galtootaa fi kan baqattootaatti iyyatu iyyuu deebii waan dhabeef jecha of ajjeesuu isaa miseensi hawaasa Oromoo Yemen Sana’aa nuuf ibsanii jiran.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …