Categories: Amantii

BARNOOTA WAA’EE HAJJII IRRAA MURAASA

 

= Hajji jechuun Mana Rabbii (Beeytii) dhufaan Zayyaruudha
= Hajjiin Arkaana Islaamummaa kheessaa Rukinii tokko
= Hajjiin Umrii Namaa guutuu kheessatti Al tokko qofa namarratti Dirqama taati
= Hajjiin Qulqulluun Badii tee irraa akka gaafa Garaa haadha teeti ti baatutti si deebifti
= Hajjiin Qulqulluun Galanni isiidhaa Jannata Rabbiiti
= Hajjiin Qabeenya namaa kheessatti sababa barakaa taati

Sharxii Hajjiin Nama irratti dirqama taatuun waa jaha (6)
1. Islaama ta’uu

2. Aqlii (Sammuu) qabaachuu maraatumarraa

3. Buluuga (umriin isaa gahuu ) daa’ima kan hin taane

4. Bilisa ta’uu Gabrummarraa

5. Dandeettii qabaachuu. Waa lama of kheessaa qaba kunis
a) fayyaa qabaachuu
b) Qabeenya qabachuudha

6. Yeroon Hajjii (ji’oonni) hajjii gahuudha.

/////Akrkaanni Hajjii Afur (4) //////
Arkaana jechuun Wanta yoo isa dhiisan dalaggaan sun fayyaa hin taaneedha hamma wanta sana argamsiiftutti malee

1. Al-Ihraamu (Harramachuudha)

2. Arafa dhaabbachuu

3. Xawaa Beeytii (Xawaafa ifaadaa)

4. Sa’ayii(Safaa fi Marwaa gidduu Arreeduu )

////Waajibban Hajjii Torba (7)/////

Waajiba jechuun wanta yoo isa hojjachuu dhiifte bakka sana wanta birootiin ofirraa bakka buustuudha

1. Miiqatarraa Harramachuu

2. Arafa dhaabbachuu hanga Aduun dhiitutti

3. Halkan iidaa Muzdalifa buluu

4. Jamraa (boolloo) darbachuu

5. Rifeensa ofii Haaduu ykn gabaabsuu

6. Halkanoota Ayyamaa-Tashiiqii Mina buluu

7. Xawaafa Dhaammannaa(xawaaful- Wadaa’i)

Jamraan (boolloon) darbatan sadi
1. Jamratul Aqabaa (khubraa)
Guyyaan isii darbatan ganamaa gaafa iidaa erga Aduun baatee (guyyaa 10 ffaa) jechuudha
Dhagaa (xir’acha torbaan darbatta
‪#‎Hub‬ guyyaa kana boolloo tana qofatu darbatama
Guyyaa 11 -12- 13 immoo yeroon isii darbatan yeroo Aduun sammuu isii irraa dabdeedha (ba’ada Zawaal)

2. Jamratul-Wasxaa( boolloo gidduu) guyyaan isii tana darbatan erga Aduun Sammuu isii irraa dabdeen booda guyyaa 11-12 – 13. Dhagaa (xir’acha) torba torbaan guyyaa hundaa darbatan

3. Jamralu-Sugraa (boolloo xiqqoo)
Guyyaan darbannaa isiidhaa 11- 12 – 13 erga Aduun Sammuu irra dabdeen booda Dhagaa (xir’acha) torba torbaan darbatani

Rabbiin warra ittiin fayyadamu nu haa taasisu

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago