Oduu Haaraya
beekan guulamaa2

Beekan Guulamaa; Solomon Ungushe Vs Jawar Mohammed

(Maaliin walfakkaatu, Maaliinis Gargar Ba’u)
=========
Taajjabbii Dhuunfaa Kutaa 1ffaa
= = == = = = = = = =
Maal Maalfaan Walfakkaatu?
=== = = = = ==

1. Lamaanuu Sabboontota Oromooti; jireenya isaanii irra caalaa waan Oromoofi haqa Oromoo ifa gochuudhaaf tattaafatu

2. Lamaanuu Oromoodha; Oromoo keessaa biqilani guddatan.

3. Lamaanuu namoota baratanidha; barumsa gaggaarii baratan

4. Lamaanuu obsa qabu; miidiyaa hawaasaa kanarratti yeroo namoonni qubeellee sirreessanii katabuu hindandeenye isaan abaaraa oolan homaa tokkottuu hinlakkaa’an,

5. Lamaanuu hordoftoota qabu; uummanni bicuun isaan balaaleffatus baayyeen Oromoo isaan jaallatu…..

6. Lamaan isaaniitu dantaa amantii hinqaban; kaayyoonsaanii Oromummaafi sabboonummaa qofa.

Maaliin gargar Ta’u?
= = = = = = = =
1. Dr. Solomon nama bilchaataadha; umuriinsaas ta’e muuxannoonsaa Jawariin olidha; Jawwar ijoolleedha; ariitiis qaba.

2. Dr. Solomon Qabsoo Uummata Oromoo bara Dargii ka’ee jalqabe (fakkeenyaaf, abbaa qubee Oromoo Dr. Hayilee Fidaa waliin mana hidhaatti dararamaa tureera) Jawwar garuu reefuma miidiyaa hawaasaa kanaan qabsoo yaabbatee oofe,

3. Dr. Solomon carraa miidiyaa (kanneen akka TV, OMN fi ONN) tiin carraa argatee beekumsaafi muuxannoo qabu dabarsuu hindandeenye; OMN tti silaa namnuu hinbutu. Jawar Mohamed garuu yaada xiqqoo argannaan miidiyaan harkasaa waan jirtuuf ganamaaf galgala irra taa’ee odeessaa oola; akka malees of beeksiseera.

4. Dr. Solomon Saayntistii barnoota uumamaati. Maqaasaatiin argannoowwan haaraan 50 ol galmee beekumsa addunyaarratti galmaa’anii jiru (akka Afriikaatti nama argannoo qorannootiin 1ffaarra jirudha) Jawar Mohammed saaynsii siyaasaa BA barate, MA nsaa garuu saaynsii siyaasaas miti; ammoo nama kalaqaa yookaan theory’ tokkollee uume/develop godhe miti. Bilchina beekumsaa hedduutu isa hafa.

5. Dr. Solomon waan fb isaarratti katabu ragaan tumsee kataba; haqa fiixeeshee argannaan nama tokkooshee qerbeerra hinkaa’u. Waan yaadasaa keessa jiru dubbachuuf duuba hinjedhu. Jawar Mohammed waan baayyee siyaasaaf gargaarama. Fakkeenyaaf, sa’a 2 gidduutti Baqqalaa Garbaa hin hiiktan taanaan tarkaanfii sinirratti fudhatama jedhee Wayyaane dorsisaa ture; lafa naanna’ee haasaa godhuttis wayyaaneen kufteetti, duuteetti, cabdeetti…kkf jechuun uummata harka walitti reebsisaa oola; sun amaluma siyaasaati jennee malee waan sobaa hedduu hedduutu jiru. KD

6. Dr. Solomon rakkinoota jaarmiyaalee siyaasaafi aktvistoonni uuman hunda sodaa malee ba’ee kataba; gartuu siyaasaa kamiifillee hinqabatu. Jawar Mohamed ammoo waan ABO/WBO akka inni miidyaa OMN tiin dubbatamu fedha hinqabu; yoo gaazexeessitoonni akka tasaa dhiyeessanillee tarkaanfii cululuqaafi daalachaa KD irratti fudhata.

7. Dr. Solomon namoota isa qeeqaniifi isa arrabsaa oolaniif yeroo tokko tokko deebii kennaf, kaanneen kaan ammoo Block’ godhee mana hidhaaa Nomolos’ buusaa oola. Amansiisuufis ragaa soquun itti dadhabaa oola. Jawar garuu deebii kennuuf hinrakkatu; haata’u malee namoota kumootaan hedduu ta’an kan qubeellee beekanii hinkatabne hedduu kaafatee waan jiruuf isaantu falmaafi oola (nama siyaasaa jechuun akkana..kd).

8. Dr. Solomon buddeenasaa mootummaa Amarikaaf hojjetee nyaata; yeroo irraa hafte ammoo Oromoof dubbachuufi hojjechuura oolchata (galata nurraa qaba), jawar Mohamed Maallaqa Oromootiin jiraata; Oromootu miidiyaa dhabbatee, buusiis buusee isa qacaree hojjechiisaa jira; kanaafis akka seera manichaatti buluu qaba malee abbaa irrummaa calaqqisiisuu hinqabu.

Namoonni Hubannoo Hinqabnu maal gochaa jiru?
== = = = = = = ===
1. Dr. Solomon wallaggatti Jawar n ammoo Arsiitti qoqqooduun hololu. Kun hojii isaanii utuu hintaane hojii hololtootaati.

2. Dr. Solomon kiristaana Jawarn ammoo Isilaamatti qoqqooduun holola itti hojjetu; isaan garuu kun dantaasaanii miti.

3. Jawar Sabboonaafi qabsaa’aa Dr. Solomon ammoo diigaafi nama OMN balaaleffatutti lakkaa’uun hololu. Haata’u malee lamaanuu Oromoo nijaallatu; Dr. Solomon OMN jibba utuu hintaane, daba achi keessatti ol hanqaaqee gadi hanqaaqe sana balaaleffataa jira.

Maal ta’uu qaba?
= = == = = = =
1. Lamaan isaaniitu keenya waan ta’aniif qomatti haaqabannu; haagorfannu; itti haa fayyadamnu; haagargaarru.

2. Irratti holollii keenyaa haadhaabnu; yoo isaan badii godhan garuu itti haahimnu; yoo didan uummataaf haasaaxillu (kana gaafa goonu hololaan utuu hintaane, ragaan)

3. Hayyoota kanneen lamman akka diinaatti ilaaluurra; ofitti isaan qabannee, isa dhalataa keenyaa aguugaa jiru TPLF tti haagalagallu.

4. Jawar Mohhamed Daayirkteerummaa OMN rraa kaafannee namoota ogummaa bulchiinsa gaazxeessummaa qaban achirra kaawwannee, boordii achi keessa jiranis kanneen amantaafi naannoolee Oromiyaa hunda bakka bu’anirraan ijaarrannee miidiyaa keenyaa haajabeeffannu. Jawar Mohamed ammoo mana barumsaasaatti deebi’ee saaynsii siyaasaa PhD saa itti haafufu. kana yeroo gonummoo hamma inni barumsasaa fixatutti haagargaarru; xiinxaloota siyaasaa tokko tokkoof ammoo itti haagargaaramnu. AKka seera OMN tti daayraketerri waggaa 2 f qofa dalaga. Isa booda nijijjiirama. inni garuu waggaa 3ffaaf humnumaan itti fufee jira. kun sirrii miti; humnaan aangora turuu kan wayyaanee as mana Oromoo keessatti fiduun sirna Gadaa cabsuudha.
5. Lamaanuu hirdhinaafi jabina mataa ofii waan qabaniif gama jabina isaaniin isaan jajnee bakka hirdhina isaanii haaduuchinuuf.

Taajjabbii Kutaa 2ffaan itti fufa.

Hubachiisa: Gidduu kana namoota yaada qajeelaa hinqbneefi qubeellee katabuu hindandeenye, soba hanqaaqaa oolan 500 ol block’ godheera; namoonni akka walirraa barannu barbaaddan qofaan yaada keessaan bilisa ta’aati asii gaditti kenna. Taajjabbii argu katabuun dirqama barreessaa tokkooti KD

1….2…..3…
share…

Beekan Guluma Erena, Caamsaa2017

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. You mean being a doctor or a scientist or an old man makes someone a perfect politician. Don’t forget Dr. Haile failed for his own grave political mistake and also Haile Larebo is not only a doctor but also a professor. Ato Assefa Chabo was also imprisoned for 10 years in notorious Maekelawi. I have no idea about the personality of Jawar. All I wantewanted to say is your criteria for comparison is biased.
    Instead you yourself be brave to edit/discard those articles such as the DNA , the nuclear bomb matimthicians, etc which intrinsically try to portrait Oromos as foolishmen/psychos who write such foolish articles. Are you sure that such articles and comparisons emanated from an Oromo natives?