Categories: Oduu Oromiyaa

Beeksisii PAFD (Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy) ilaalu

 

Onkololessa 21, 2015

Saboota cunqurfamoo impayeera Itiyophiyaa kessa jirani fi jarmoota isaaniin wakkalan wajjin

waltumsuun barbachiisa tahuun isaa amantee oggantootaa fi miseensota Adda Bilisummaa

Oromooti (ABO). Himaamatnii ABO fi qajeelfammi miseesotni isaa ittiin ojeechaa turni, ammas

ittiin ojechaa jiran, fuuladurattis ittiin ojechuuf deemani kanuma.

Akkas taheyyuu akka seera fi heera ABO-tt, dhimmi murteesaa tahani kan akka hariiroo ykn

waltahinsa murnoota, dhaabotaa fi mootumoota wajjin tahani fi kkf, otoo ojiirra hin oolfamiin

dura mirkanii KHR fi GS ABO argachuun barbaachiisaa dha.

Maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin (ABO), dhaaba uummata Ogadeen (ONLF), Sidaama

(SNLF), Gambeelaa (GPLF) fi Benishaangul (BPLM) waliin “alliance” ijaarama (galamaa) akka

jiruu, akkasumas waltahinsa walii maallatteessuuf qophiin akka godhamaa jiru sabqunnamtii

(”mass media”) irratti himamee jira. Akka sabqunnamtii irratt arginett waltahinsa kana waliin

kabajuuf hawaasa Oromoo fi alagaadhaaf waamichi Onkololeessa 24 magaala Oslo, Norway-tt

godhamaa jira. Hatahu malee “Alliance” jedhame kana Koreen Hojii Raawwachiiftuu (KHR)

ABO fi Gumiin Sabaa (GS), akkasumas miseensotni ABO waan irratt marihatani waliigalteen

murtahe ykn mirkanii argate mit. Miseensota ABO fi uummata Oromoo, “Alliance” jedhamee

maqaa ABO-tiin sabqunnamtii irratt waan labsamaa jiru kuni, seera fi sirna ABO ala kan

godhamaa jiru tahuu isaa hubachiisna. Itt gafatammi rakkina uumamuu dandahuu kan qaama

(warra) seera fi sirna ABO cabsuun “Alliance” jedhame labsaa jiraniit. Murtoon seeraa ala

godhame kuni waan inni fidu, dhaaba haa tahu ummata keenya irratt, seerawaa tahuu hin

dandahu. Kana jechaa, barsifati ejjannoo (murtii) hardha heeraa fi seera jaarmaa ala fudhatamee

kanaa asumatti ittisuu (dhaabuu) dhiifne callisnee yoo bira dabarre, afaanfaajjii uumee deggarsa

yoo argatee, itt fufee ABO, akkasumas uummata Oromoo, rakkina hamaatt geessuu dandaha

jennee yaaddoo qabnu daballee ibsuu barbaanna.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Oromiyaan Nibilisoomti!

Miseensota fi oggantoota ABO

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago