Categories: Yaada

Beeytoota Oromoo,Xinxaltoota Siyaasaa Oromoo,Jaarmayaalee siyaasaa Oromoo,Abbootii Amantii Oromoo,Abbootii Gadaa Oromoo,Mediayalee Oromoofii Mediayalee Hawaasaa hundaaf.

Gaafii!!!

 

Ummanni Oromoo  Bilisummaaf Qophaawee? Eee qophaawe jenna Afaan guutuun malif jennaan Yeroo itti Ummanni oromoo Sodaa ajjeesee bollatti gatee tokko shanee TPLF diigee Tokko miliyoona orumummaatiin jaaramee baha,dhiha,khaabaafii khibbaa wajjiin kha’ee afaan tokkon dubbatee diina hudhee Alaabaa ABO tan durii namni irratti arkamte hidhaa seenuu ittiis ajjeefamu soodaa tokkamalee dhaabbatee jalatti bulaa jiruu ummanni qabsoof hinqophooyne jechuun nitaati?

Lakki hintaatu yoom tana qofa ummanni diree baheeti mootummaa waraana irratti labsee afaan qawweetiin isinbulchina jechaanii jiru dura dhaabbatee nuti ABO malee isin nubulchuu hindandeeysan badaa asii ja’aniin dubba mee maaltu hafeef akkanaani qabsoof qophaawuu bira dabranii gara ifiif ifbulchuuti tarkaanfatanii jiru!! Gaafa Ummanni Oromoo hindammaqin qabsoof hin qophaawin Jaarmayni ABO jabaa ture Humnaas niqaba naannoo gaafa Afrikaa san Mootummoota jiran hundaawajjiin walqunnamtii jajjabduu godhaaniiti Oromoofii Oromomiyaa barsiisuun dahannoo siyaasaatiifii Qubsuma Waraanaa hunda irraa arkachaa turan fkny Somaliyaa Suudaan kheeysaa Wajjiraa Qabaachaa akka turre namuutuu nibeekha keniyaaniis akkasuma Amma hoo?

Yeroo Itti ummanni kheenya qabsoof qophaawee alaafii kheeysaa kha’ee qabsoo finiinsaa jirutti HAYYOOTAAFII HOGGANOONNI JARMAYAALEE QABSOO BILISUMMAA OROMOOTIIF QOPHII DHABUUTU IRRAA Calaqqisa khuniis Ifii isaaniitii Walhudhanii walsakhalanii CARRAALEE OROMOOF OSOO Oromoon Hinbarbaadin Nubarbaadee Dhuftee jirtutti Fayyadamuu dhabaati jirra Tuni maalif taate???

Fakkeenyaaf Warra Egptii Khan Wixii Bishaanii Tan TPLF itti murteeysite jalaa dandamachuuf qabsoo halkaniifii guyyaa godhuu eega eegalan bubbalaniiti jiran qabsoon tuniis gama oromootiifii Ogadeniin malee akka fiixa hinbaanees afaan guutuun sadarkaa media irratti bahanii dubbachuuti gahanii jiran. Gama biraatiin Mooraa waraanaa tan akkaan guddoo Ugandaa kheeysattii banteeti jirti Ja’ama Maqaa waraa somaalee jajjabeeysuutiin Somaliyaa kheeysatti Meeshaa waraanaa ammayyaa taate khusaati jirti Suudaan Kibbaatiis ittuma mammalaa jirti fakkaati Duuba yaa oromoo mee hiree akkanaa tana maalif iraa fayyadamuu dhabne? Gama biraatiin Biyti ollaa kheenyaa hundi qabsoo ummanni oromoo kheeysaafii alaan godhaa jirufii Dhiibbaa TPLF isaanirratti gootu jibbuun sodaa dhiisanii akka khorma goobeeti Mootummaa TPLF tan dur akkamalee sodaatan amma ceekhu itti lullufii nyaara itti gugguuruu eegalaniiti jiran.

Mee Djabutii laalaa eega FXG oromoon eegalamee booda dantaa isii tandur sodaan dhoorkite amma itti fayyadamuu jalqabeediti jirti Fakkeenyaaf Buufata Doonii isii maallaqa duraan Ethiopiyan khafalaafii turte dachaa godhatteeti itti gadbaate yoom tana qofa Jeneralli Djabuutii tokko Khan Maqaan isaa Husseen ja’amu tokkoos AMSOOM Kheeysatti waraana Ethiopiyaan dabalataan Somaliyatti ergite mormuun TPLF dura dhaabachuutti jira ja’ama tun hundii nuufiis bu’aa guddaadha garuu maalif jala tuttuquudhabne gaafii tiyya???? Somaliland hoo akkuma beekkamutti Somalilandin tun yoo beekkomsa addunyaa guutu arkattee biyya tahuudhaaf hiree hin arkatin malee akka isiitti biyya taateetuma maqaa biyyaatiin ajaja TPLF fudhachaa jiraatti haatahuu dhiheenya khana wantii liyyuu Polisiin Ummataa isaanii khan daangaa Ethiopiyaa iraa jiran bakka takkatti joolleefii dhalaalee dabalatee nama 47 gattuun isii heduu isaan mufachiiftee akka mootummaatti iraa dubbachuu yoodadhabaniis ummataafi qaamni mootummaa Somaliland harki irra guddaan TPLF dirretti bahanii baleeleeyfachaati jiran tuni nuuf guuza je’eetiin yaada. Haatahuuti isin satun ifiifuu hinjirtuu maalnuuf gooti jechuun kheeysan hinhafu an akkaan yaadutti waanuuf godhuun isaaniileen yoohafe caayaa TPLF bakka hundaa gubuun hidda isii buqqisuuf nugargaara je’eetin yaada.

Somaliyaan hoo tan waraanni Ethiopiya Kumtorba kheeysa jiru maal waliin godhaa jiran yoo jennee laalle hayyoonni Somaliyaa hundi alaafii kheeysaan duula aja’ibaati oofaa jiran akka mootummaan saamtuun tplf biyaa isaanii gadhiiftee baatuuf nuti miraaza nugodhachuun Ethiophiya dhaabachuudha qaba jechuudhaan ragaalee adda addaa khan mootummaan Ethiophiyaa warra dhihaa biraa diinagee ittiin arkate bara 2006 jaha irraa eegalee hanga ammaatii walitti qabuudhaan ummanni akka Ethiophiyan Somaliyaa gadhiiftu godhuuf gama medalee qaban hundaafii medialee hawaasaati fayyadamaniiti duula irra jiran  Mootummaan  Misraatiis tanatti dahatteeti waraana Somalee leenjisaa jirti ja’ama.

Hayyeega nuti hoo maal bu’aa irraa arkanna maalgodhuu qabna hoo? Akkamitti carraalee khanatti fayyadamna? Hayyoonni kheenyafii Jarmayni kheenya maalif hireelee qabsoof babbanamaa dhufteefii dhufaa jirtu tana yeroon gadi bahee ibidda kheeysatti hin shishinne? Yoollee qaamaan kheeysa dhaqanii qabsuuwuun gaaga’ama qabaattees biyyootuma alaa kheeysaa somalota jiran wajjiin mariin maaf hin eegalammne tanaatu akka jaarmayaafii Hayyoota oromoo qabsoof qophii dhabuu isaanii natti mul’isa isin hoo maaljettu? Tun dubiin akka jaarmayaatti yoo qindominnaafii walhubannoon deemne malees nuus miidhuun hafa hinqabduu osoo oromoonni qabsoof baane ifiin ja’an dantaa mataa isaanii ykn ol’aantummaa isaanii  qofaa eegaa deemani warri walii galee wajjiin deemuu dandahu tokko ammaas hireelee oromoof babbanamaa dhufte tanatti fayyadamuun akka nunqaanyeeysineen shakka waantaheef mee warri gara gubbaatti maqaan dhawame khaneen dhimmi khun laalu yaada kheeysaniin eega. Gadaan gadaa qabsooti haakhaanu!!!!

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago