Oduu Haaraya

Bobbaan Leencoo Bati Maqaa Jijjiirraa Saaxilame

Gidduu darbe naannoo Amerikaa irraa ususiin oduun ODF gidduu deemaa jirtu tokko gurra na seente. Oduun deemaa turte kunis Leencoo Baatii(Siisay Ayyalaa) akka gara Afrikaa, Xoophiyaa ykn Eritireatti bobba’e fi bobbaa isaa keeysattis mootummoota dubbisuu danda’a kan jettu turte. Siisay nama miseensa ODF ta’ee ODF gara EDF (Ethiopian Democratic Front) jijjiiruuf warra dhama’an keessa jiraachuun beekamaa dha. Barruu kana keeysatti dhuguma Siisay gara Afrikaatti bobba’e moo? Maqaa isaa duriitti deebi’uuf bobba’e? gaaffii jedhu deebisuun dura eenyummaa Siisay Ayyalaa gabaabseen dubbistoota koof ibsa.
Siisay duubbeen seenaa isaa akka ibsutti  nama mootummaa Dargii keessatti yeroo dheeraaf dabballee Darguu ta’ee hojjetee yeroo ta’u, bara mootummaa ce’umsaa akkuma ‘Guwaaddota’ isaa Darguu fi loltootaa Darguu waliin biyyaa dheessee gara biyya Keeniya(Nairobi) ce’e.

Yeroo sanitti akka qabsoo Oromoo kan ABOn hogganamuutti deebi’uuf tattaaffiin guddaa karaa hawaasa Oromo Keeniyaa keessa jiraatanii yaalame. Siisay qabsoo keessatti qaamaan hirmaachuu diduun, akeeka qabsoo Oromoo dirree  irraa sochoosuu baqachuun, akka baqataatti biyya Amerikatti baqatee qubate.

Akka biyya Ameerikaa ga’een caayaa fi hawaasa Oromootti makame. Cayaa ABO biyya alaas bara 1998 keeysa bakka bu’e. Baruma kana keeysa ulaagaa miseensummaa osoo hin guutiin cayaa ABO bakka bu’ee akka miseensa GS-ABO ta’u moggaafame. Kun maaliif, akkamiin akka ta’e barruu kaan keeysatti waliif ibsina. ( Tartiibin inni ittiin gara bakka bu’ummaatti dhufe ibsamuu waan qabuuf.)
Akkuma miseensa GS-ABO ta’een namoota naannoo fi gosaan qooduu fi ijaaruun akka ABOn akeeka isaa jijjiiru gochuuf marxifatee itti bobba’e. Haala kanaan jeequmsootaa fi foxxoqiinsa ABO keessatti raawwatan keeysatti nama qindeessaa ta’uun shoora isaa diiggaa xabate. Haala kanaan jeequmsa Qaama Ce’umsaa kaasuu keessatti, Jeequmsa Jijjiiramaa kaasuu keessatti, haga ABO dhabamsiisuu irraa abdii kutatee ODF dhaabbatanitti hojii qabsoo Oromoo diigguuttiture, ittis jira.

Namni kun quba qabeenya dhaabaan alatti bara 2006 biyya America keessatti Baacaa Dabalee waliin yeroo adda addaatti wal-argee maree akka gaggeesse,  August 2007 keessa ammoo qajeelfamaa fi dirqama dhaabaan alatti Kumaa Dammaqsaa waliin biyya America Oha’otti quunamee waliin haasa’uun ni beekama. Baruma 2007 keessa Abbaa Duulaa Gammadaa waliin Washingoton DC tti yeroo lama wal arguun mare sirnaan ala gaggeeyse.

Miseensoti hariiroo inni diinaa waliin qabu irratti shakkanii gaaffii dhiyeessaniif, akka dhaabni dirqama itti kennee hojii hiccitiif bobbaaseetti fakkeessee dhiyeessuun kijibaa fi miliqaa hariiroo dhoksaa diina waliin qabaachaa ture.
Bara maqaajijjiirama’n Oromoo biyya alaa afaan fajjeysaa tures, SBO fi marsaalee ABO hunda cufsiisuuf bilbilaa fi emailiin tattaafate, itti milkaawu dadhabe. VOA sagantaa afaan Oromoos cufsiisuuf tattaaffiia gochaa turee irratti dammaqamee warra sagalee America dabarsaniin gaafatamee afaan damma dibatee fi haguugatee irra tare.

Namni kun shiroota jajjaboo qabsoo Oromoo irratti hojjechaa turetti hin dhaabbatne. Ammas akka hojii ODF hojjechuuf Afrikaatti bobba’e fakkeessanii haasa’uun maaliif isa barbaachise? Sababaan inni ususii akkasii facaasiseef:

1.      ODF humna cimaa kan mootummaa waliin haasa’uu danda’u fakkeesse dhiyeessuuf;

2.      Sagantaa inni warra UDJ(Unity for Democracy & Justice) ykn Andinet waliin qabu gara dabarsuun Oromoo afaan faajjessuuf;

3.      Akeeka isaa maqaa isaa duriitti deebi’uuf galmaan ga’uu dha.

Haala Kanaan maqaa isaa Leencoo Baatii gara Siisay Ayyalaatti jijjiirrachuuf, maqaa ODF gara maqaa Xophiyaa qabutti jijjiiruuf, Washington DC keessatti mana cufatee warra partiilee Amaaraa/Andinet jedhaman waliin marii irra turuun dhaga’ame. Yeroo bobba’e keeysattis Oromoo dhokatee bobba’ee qubata xiyaaraa Washington DC(Air Port) irra nafxanyaa miseensa UDJ isa simate. Burtukaan fi Siyyee Abrahaa waliin wal quunnamsiisun haala aanjessee marii godhachuun maddeen ibsanii jiru.
Jeeqxuu, Jalee fi Gantuun Oromoo Bakka Hin Buutu!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Oroomsis Oromoo gamtaaoromoo3@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

3 comments

  1. Osoo an Nama kana (Leencoo Baatii) ijoollummaa isaa irraa hin beeyneeni dhuga fakkasufi yaaltee jirta. Garuu hardha Oromoon yaada ati asii olitti Okkolchifte kana fiigichaan bira kutee jiraa atis mee xiqoo yaada akkana kijiba bu’uura hin qabne bira kutuu yaali. Mee waan ati katabde keesaa duraan dursee Leencoon baraa Dargii nama umrii hagamii ture? Barataa turee moo Hojataa?, kabiraas bara kam kara biyya alaatti baqateefi eessa irraa baqatee irra deebi’ii hubadhuuti achiin booda mee katabaa biroon gad deebi’ii.

  2. TO ME THIS ARTICLE LOOK TRUE BEFOR I READ NEGATIV ABOUT THIS GUYS I DONOT KNOW ABOUT HIS NAME BUT WHAT HE DID IN DC THE OFFICE OF OLF HE TURNED TO PARTY PLACE THEIR IS OROMOS WHO WORK WITH ENEMIES BUT SLOW BY SLOW THE TRUTH COMIN OUT. GOD BLESS OROMIA !! I AM OROMO FIRST !!

  3. Namni nama jibbu kijiba uume maqaa namaa xurresuuf rakkata. Leencoon Dargiin otoo hinkufin barataa ta’ee biyyaa baye. Leencoo anni yeroo dheeraaf beeka. Nama ujjoolummaa issaa irraa jalqabee saboonumaa Oromootiin beekamu. Qoodni inni QBO keessatti gumaaches eenyu oli malee gadii mitti. Namoon issa jibani namoota dandeetti addaa inni qabutti hinaafaniif of tuultota nu malee Oromoon naannoo biraa irraa dhufan nu gaditti illaalamuu qaban wara jedhu. warri issa jibbitan gubachuu keessan itti fufaa, Yaa leencoo attin karaa irra jirtu, kan saba Oromoof bilisummaa fidu irratti jabaadhu.
    IUOf!!