Oduu Haaraya

Cunfaa waayee Abbaa Dulaa Gammadaa Magaalaa Mummitti Sa’udii Riyaaditti tahe

Hegeree Oromiyaatiin

Sochii Dura taa’aan Parlamaana Ethiopia Abbaa Dulaa Gammadaa Magaalaa Mummitti Sa’udii Riyaaditti gadgeysaa jiru faana bune gabaasa maddeen kenyarraa nu dhaqqaban isin biraan gayuuf yaallaa hordoffiin keysan nu waliin haa tahu. : Amajji 2/2015

Guyyaale muraasa dabran kana keysatti Abbaa Dulaa Gammadaa fii itti Gaafatamaan Diyaasforaa biyya Alaa Feysal Aliyyii fii itti Gaafatamtuun Waldaa Misoma Oromiyaa gaafa Muddee 27/2014 walgayii Hawaasa Ethiopiatiif Komanitii Ethiopia Riyaad “Murabbaa” jirtu keysatti marihachisuun isaanii ni yaadatamaa.

Garuu guyyaa kana Ilmaan Oromo walgayicharraa akka hin hirmmaannef dhorgamanii tarun isaanii ni yaadatamaa.
Gaafaa Muddee 28/2014 walgayii Oromota Qofaaf bakka jirenya Ambaassadara erhiopia ” Hayyi Al-Dublumaasitti marihachuusuf waamanii turan.

Banamiinsa walgayichaa bodaa hirmmaattonni gaaffilee Gumaa Barattota Oromo Rasaasa Humna Fedraalaan dhumanii enyutuu baasaa ? Akkasuma Ulamaa’ota Islaamaa kan akka shek Idiris Albukko , Shek Mohammed Yaassiin fi Shek Aliyyii Gurraa yakka maalii hojjatanii bakka isaan hin jirretti Manni Murtii Ol-Aanaa Fedralaa Adabbi waggaa 13/1313tiin isaan Adaba ? fi gaaffiilee biru Abbaa Dulatti Robsanii taran.
Debisaan Abbaa Dulaa gaaffii hirmaattotarraa dhihaatteef debisuu osoo hin tahin dhaadachuu qifa tahee mul’ate , Nuti Islaamaa fi Benxee bakka bunee hojjachaa hin jirru jechuudhaan hirmmaattota baayyee dallansiise ture.

Garuu kan hedduu hirmmaattota walgayichaa mufachiise Dura taa’aa Waldaa Misoma Oromo Damee Riyaad Nama Shek Musxafaa ja’amu ture.

Gaaffii Akka malee abbaa dulaa hin gaafitanaa , ammallee nama Mobaayilaan Suuraa kaasee FBrratti gad dhiisuu polisaan qabnee hiina jechuudhaan olifii gadi kaatee ilmaan Oromo garmalee jeqaa ture.
Itti dabaluudhaan maayyii walgayiirratti nama Mob/Suraa Abbaa Dulaa kaafateetu jira jechuun harkaan nama rebutti sene .

Hirmaattonni walgayichaatiis Gaaffii Seeraati Abbaa Dulaa gaafanne gaaffi tenya debisuu yo hin danye maalif walgayii nu yaamtan jechuun dura dhaabbannaa cimaa agarsiisanii jiru.

Akkasuma Muddee 29/2015 Misenssota OPDO qofaaf walgayii yaamanii turanittis gaaffilee ciccimotu isaan mudate , Maalif Naannoleen Baha Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaa Somaaleen Weraramti ? Akkasuma Naannon Dhiha Oromiyaa maalif Warra Banii Shanqoliin weraramti ? Motummaa Oromiyaa Daangaalee Oromiyaa Maalif tiysuu dadhabe ?

Erga Daangaa “Baadummee Tigraay” malee eguu hin dandenye maali bu’aan motummaa naanno Oromiyaa ? jechuudhaan gaaffii jajjabduu abbaa dulaa dhukkuba sammu itti taatu gaafannaan Ani fedraalaan bakka bu’aa waaniin taheef gaafiilee kana Dura Taa’aa Motummaa Naanno Oromiyaa Obbo Muktaar Kadiirtu gaafa dhufe isinii deebisa jechuun heddu Aferamtota mufachiise jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …