Oduu Haaraya

Dhiibbaan Motummaan Masrii (Gubsii) hidhaa laga Abbayyaarratti godhaa jirtu haga tokko itti milkaawuun isaanii gabaafame jira.

Hegeree Oromiyaa

Dhiibbaa Diplomaasii cimaa Motummaan Masrii goteen warreen akka Raashiyaan , tokkummaan Awrophaa fii Chainaan gargaarsa maallaqaa Milyaara 3.7 hidha laga abbayyaaf kennaa jiran dhaabuun gabaafamee jira.

Akkasuma Baankiin Addunyaa fii Motummaan Itaaliyaatiis deggarsa duraan hidha laga abbayyaatiif Motummaa Ethiopia gargaaraa turan irraa dhaabanii jiraachuun gabaafame jira.

Garuu Motummaan Masrii Horiin Ethiopiaan hidha Laga Abbayyaa kanaaf ramaddee Milyona 250 hoggaa tahuu garuu kan ijaarsa kanaaf bahaa jiru ammo Callaa Milyaara tokko oliitti shallagamuun hojjachaa jirti waan taheef kuni kan mil’isu akka warri masrii skakki qabanitti Qaamni miidhaa masrii barbaadu biroon dhoksaan harka lafa jalaatiin ethiopiaf dinaggey guddaa kennaa jiraachutuu mul’ataa jetchuun shakkii guddaa qabaachuu isii ibsataa jirti.

Gama kaaniin itti gafatamaan bishaani fi enerjii Masrii
duraanii Motummaan Masrii dhiibbaa diplomaasii ofaa jirtu kan hin dhaabne tahuu ibsanii jiru .

Akkuma bekkamuu warri Masrii kan jechaa jiran hidha haaromsa laga abbayya kanarraa ifaa dhalchiisuuf yo tahee bishaan milyaara 74 kusuun maalif barbaachisee ?

Ifaa dhalchuuf taanaan milyaara 14 qofa kusuu qaban malee inni biraa rorroodhaa jechaa jirti M/Masriin.

Mara waayee kanaatiif as tuqi

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …