Oduu Haaraya

Dhugaan Oromoon Keessa jiru kunooti.

By Hawi Olani Kesesa

Yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo maal keessan jiru yoo jennee gaafanneef namoonni addaa addaa deebii heedduu kennuu ni danda’u. Inni fagoo jiru akka qoosaatti haasa’uu danda’a. Inni dhiyoo jiru ammo miiraan dubbachuufi kaanis waa heedduu akka jedhan nan abadadha.

Haa ta’u iyyuu malee Uummanni Oromoo diddaa bittaa garboofattootaa yeroo kam iyyuu tole jedhee simachuu diduun kan har’aa qofa utuu hin ta’in kan kaleessatis. Kaleessa mootummaa abbaa hirree of irraa faccisuuf qabsoo ta’een namootni heedduun kan wareegaman yoo ta’e illee seenaan Oromoo yoom iyyuu isaan hin dagatu. Firiin qabsoo boonsaa geggeessan har’a daraaree jira. Oromoon roorroo kamiif iyyuu hin jilbeeffanne, gara fuula duraattis hin jilbeeffatu.

Haaluma kanaan, qabsoon har’as dargaggoota Oromoon finiinee babal’ataa  akka jiru odeeffannoo qabatamaa kan nuuf kennan, nus itti siqeenyaan kan daawwanne akka armaan gadiitti mee waliin haa ilaallu.

Dargaggoonni Oromoo mirga isaaniif falmatan, lafa uumamaan kan isaanii ta’e irraa qonnaan bulaan Oromoo akka gadi dhiisu gochuuf wiixinee wiixineeffame, Ilmaan Oromoo kanaan dura adamsuun qe’ee isaa, qabeenya isaa, horii isaa kan saamaa turaniif ammas jiran irra guddeessaan godaansisuuf tarsiimoo Wayyaaneen qabdu fashalsiisuuf wal’aansoo jiru keessatti dardarri Oromoo heedduun reebamaniiru, lafeen isaanii cabeera, dhiigni isaanii dhangala’eera, qabeenyi isaanii gubateera, barumsa irraa ari’amaniiru, hundumaa irra lubbuun isaanii aarsaa godhaniiru.

Mee kanneen armaan gadii torban kana keessa uummata Oromoo irra kan ga’e waliin haa caqasnu.

  1. Qabeenyaan Oromoo barbadaa’eera. Bara dheera kan uummatichi itti dhama’ee horate rasaasaan loltoota Wayyaaneetiin barbadaa’eera. Dirree lolaas fakkaateera.
  1. Barattootni fi dargaggoonni heedduun reebamanii lafeen isaanii cabeera, dhiigni isaanii dhangala’eera. Warri kaanis mana hidhatti dararamaa jiru. Yeroo ammaa kana lakkoofsi isaanii kuma shantamaa ol kan taa’an manneetii hidhaa Wayyaaneetti dararfamaa jiru. Abbootiin amantii loltoota Wayyaaneetiin magaalaa Gimbii keessatti addumaan Luba Abitaw Darasee kan jedhaman barattoota loltootaan hanga du’aatti reebaman akka dhiisaniif kadhachuuf yaalii godhaniin hanga du’aatti rukutamanii yeroo ammaa kana hospitaala Gimbii keessatti du’aafi jireenya gidduu jiru.

 

  1. Hundumaa caalaa ammoo  dargaggoonni lubbuu isaanii aarsaa godhaniiru.

 

 

  1. Addumaan Lixa Wallaggaa keessatti hojjettootni fayyaa heedduun barumsa yoo qabaatan illee deggertoota ta’uu dhiisuu isaanii irraa kan ka’e homaa tokko kan hin beekne, barumsa sirrii kan hin qabne maqaa deggeruutiin beektota Oromoo dararsaa jiru. Baay’een isaanii yoo iyyatan illee namni isaan dhaga’u hin jiru. Maatiin heeduun diigamaniiru. Mucooliin haadha malee jiraataniiru. Warri deggertoota ta’an garuu magaalaatti galuun rakkoo tokko malee jiraata jiru.

Walumaa galatti yeroo ammaa kana qabsoon dargaggoota  Oromoon eegalame kun fincila diddaa bittaa garbummaa waan ta’eef akka yaallootti kan dhaamu, sossobuun kan deebi’u, akka hin taane cimsamee hubatamuu danda’eera. Qabsoon kun itti fufiinsa kan qabu, yoomi iyyuu kan hin dhaabanneefi Oromiyaan hanga bilisoomtutti kan itti fufu ta’a.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Things any Oromo Should know at this critical time;
    1. Any Oromo should refrain from the cheap talk of Siidaa Minlik. To speak about Siidaa Minlik at this time in history is to give a free ride for the Nazi-ganges of the TPLF and its cliques. For any Oromo to speak and work against Siidaa Minlik at this time takes away our resources and help the TPKF regime to have its life elongated.
    2.Any Oromo should be aware that even the Anoolee Siidaa is to help the TPLF capitalize its political capital over the Amhara’s and help the TPLF to have a freindship with the Oromo….But all Oromos should know this at this time in history.
    3. This insurrection against the TPLF should be intensfied none stop and has to be noneviolent. Let everybody take part including Sabaa fi sablammiis in Oromia.
    4. Watch carefully that the TPLF will bomb Minlik Statues and puts the blame on the Oromo’s and particlurly over the OLF.
    5. Any resourse of non-Oromos in Oromia particularly that of the Amharas should be respected and even tolerated if the Amhara’s insult or instigate any violence over the Oromo.
    6. We ask for the Amhara’s not to watch what is going on from distance but should take part.
    7. This time needs vigelance for the whole Oromos and the Oromo political camps.
    8. All Oromos from all regions and from all religious groups should stand together whatever ideaology they have
    9. Be aware of Oromo speaking enemies that the TPLF may use to take secrets and instigate violence among the Oromos and the other nations and nationalities in Ethiopia.
    10. Let everybody shout loud and clear about this protest and this protest must continue to the end.

    Thanks,

    Dhugaasaa