Oduu Haaraya
duulaa fii mallas
Ergamtuu Sirna Habashaa ta wayyaaneen akka haraashiitti itti fayyadamtu

Dorgommii filannoo Abbaan-murtii Uummata ta’eef filannoowwan jiran hawaasni akka beeku gochuun dirqama miidiyaaleerraa eegamudha: Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa

(FBC)

Filannoo Biyyaalessaa 5ffaa irratti waltajjii-marii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Boordii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun qopheesse geggeeffamaa jira.

Waltajjicha haasaan kan banan Af-yaa’iin Mana-maree Bakka-buutota Uummataa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Filannoon uuumatni birmadummaa isaa kan ittiin mirkaneeffatudha jedhaniiru.

Dorgommii filannoo uummattoonni murteessan kanaaf filannoowwan jiran ammoo hawaasichaaf dhiheessuun itti-gaafatamummaa midiyaaleen akka raawwatan irraa eegamu akka ta’edha Obbo Abbaa Duulaan kan himan.

Walitti-qabaa Olaanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Margaa Baqqaanaas, hawaasni filannoo biyyaalessaa 5ffaa kanaarratti hirmaatee mirga dimookraasiin isa gonfachiisetti fayyadamuuf guddaa socho’aa akka jiru himaniiru.

Hoji-raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Obbo Walduu Yimassil gama isaaniin, kaayyoon waltajjichi qophaa’eeffameef filannoo hawaasni si’aa’inaan irratti hirmaachuuf qophaa’aa jiru kana haqa-qabeessa dimookraatawaa fi naga-qabeessa akka ta’u kan dandandeessisu ejjannoo walfakkaataa uumuuf ta’uu eeraniiru.

Waltajichaarratti, hanga yoonaatti, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa, Paartii Dimookraatawaa Itiyoophiyaa, Madrak fi ADWUI’n ciminaa fi hanqinoota adeemsa raawwii filannichaa keessatti mudatanii fi qooda-fudhattootarraa maal akka eegamu irratti waraqaalee dhiheessaniiru.

Waraqaalee dhihaatan irrattis mari’atameera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …