Oduu Haaraya

DORROBA MASEENAA!!!

Imala dheerate Abjuu galma dhabe,
Deemee itti ga’uuf hiixxadheen dadhabe ,
Ta’uu keen barre ree dorroba maseene,
Si narraa kafalaaf liqaa meeqa seene,
Bokoka kee laaleen dorrobaa si se’e,
Abdii dhedheeradheen Yaadaan bu’ee ce’e,
Si abdadheen jedhe gaaf tokkon mammaaka,
Abjuun dhugoomnetuu oliif gad na raaka,
Anoo dubbiin jirre Malaan taa’ee raaga,
Atoo maseenadha hin dhaltu yoomumaa,
Ituun dhalta ta’ee yeroonsaa ammumaa,
Rimaan kee tureeraa yoom Foolachuuf teessa,
Dhaltee Hoosifattee Yoom taata Ameessa,?
Ituu siin dhaadatan hundi ilmaan kooti,
Miidhama isaaniif maan birmattu ati,
Gaaf hoongeen hammaatee ilmaan koo haxaa’u,
Hamma yoomii taa’ee reefka haa lakkaa’u,
Abdii itti hortee itti fakkeessitee,
Ilmaan koo tasatti lubbuu balleessitee,
Na siif jira jettee abdii itti Hortee,
Gaafa dubbii xiiqii dalga jalaa gorte,
Lammii koo saba bal”aa utubaa gaafa rakkoo,
Birmannaa keet haajomaa na dhaqqabi WBO KOO,
jedhee yoo sitt iyyatu ati maaf hin dhageenye,
Beekaa cal’ifteetta moo oduutu si hin geenye,?
Kana booda ga’ee lakki natt haa hafuu,
Gochi kankee garuu waan dabaati,safuu,
—————————————–
DHIIRA DHUGAAF JIRAATE!
Hurruma wal xaxaa bu’aa ba’ii rakkoo,
Eloo bara dheeraa,gubata garaa koo,
Baasee sittimadha boba’a Onnee koo,
Waan bonni na godhe, isan seenaaf kaa’e,
Yaadannoo barootaa Siif Dubbisa taa’e,
Jedheen abdii godhe siin qabbaneeffadha,
Namatti qixaa’een Of ta’ee jiraadha,
Abdii sirra gateen yaadaan ba’ee bu’ee
Hawwiidhaan of guuteen yaadaan jiraa du’e,
Guyyaa seenaa qabu guyyaa dhiigaan Darbe,
Hammeenya ulfaataa isan ijaan arge,
Abjuu karaat hafe mul”ata coolage,
Kichuu tasa Cite dhiiga dhangala’e,
Kan madaalliin qabne imimman lola’e,
Eegeen dhabe galasaa isa nagaan ba’e,
Garaan na raafameen akkan taane ta’e,
Garaa uf dadhabnaan sagal ka’ee taa’e,
Baayyee gaddee boo’e,gubadheen machaa’e,
Akkan ta’un dhabe lafti naan naanna’e,
Maal ta’u ree anoo Siif gubadhe Lammii koo,
Dhiira dhugaaf jiraate ilma gaafa rakkoo,
Isa akka kankee qabaachuuf Gammadee,
karaat hafuu keetiif san daranin gadde,
Waadaa siif hin galu Anoo namaa miti,
Dirqama dhiirumaa ba’atteerta ati,
Lubbuu lubbuun jijjiiruun ituu ni tola ta’ee,
Lammaffaa dhalattee an bakka kee ta’ee,
Lubbuun tam illee guyyaa maleen baatu,
Maal haa godhu anoo ,Lubbuun koo keen taatu,
Homaa siif hin godhuu gaddee booyuu malee,
Uf boodan deebi’u guyyaan darbe kalee,
Lubbuun kee boqattees Qaamni kee dhokatu,
Yoomuu si yaadata Seenaan sin dagatu!.
Yaadannoo guyyaa gurraachaa!2/12/2015
By Arsiinaa Arsittii Asasa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …