Oduu Haaraya
abbaa duulaa misra

Dura ta’aan Barlamaana Ethiopia Abbaa Dulaa Gammada jiilota 70 waliin Misra daawwate

Hegeree Oromiyaatiin

Oduu Ethiopia fii Masrii : Muddee 18/2014

Dura ta’aan Barlamaana Ethiopia Abbaa Dulaa Gammada jiilota 70 waliin kibxata dabree Muddee 16/2014 Magaalaa Cairo galuun isaanii gabaafamee jira.

Bufata Dirree Xayyara Magaalaa Cairotti kan isaan simatan Ambaassaadara Ethiopiaaf Masrii taa’u Obbo Mahamuud Diriir fii Ambaassadara Masriif Finfinnee taa’u Obbo Mohammed Idris fii Gargaaraa Ministera Haajaa Alaa Masrii Obbo Sabrii Majdii Sabrii fii Gargaaraa Ministera Bishaanii fii Enerjii Biyya Masrii Obbo Mohammed Hamzaawiin kan simataman hoggaa tahuu Boqannaan isaanii kanaan guyyaa shaniif Biyya Masrii kan turan tahuuniis bekkamee jira.

Dura taa’aa barlamana ethiopia kanaa wiin keysommonni yk Jiilli deggartota Motummaa ethiopia waliin jiraachuun isaanii bekkamee jira.

Keysummota yk Jiilota kannen keysaa bakka bu’onni Amantaa Islaamaa fii Amantaa Kiristaanaa , Akkasuma bakka bu’onni Dubartotaa fii Darggaggota ethiopia namni 70 waliin jiraachuun isaanii bekkamee jira.

Akkuma yaadatamuu turbaan dabre keysa dubbi himaan Ministera Haajaa Alaa Ethiopia Obbo Diinaa Muftii Jiila Ummata Ethiopia bakka bu’u biyya Masriitti erguuf qophii xumurachuu isaan ibsuun isaa ni yaadatamaa .

Jiilli Abbaa Dulaan hogganamu kuni Mummicha Ministera Masrii Obbo Molabi fii bakka bu’ota ummata masrii hedduu waliin kan wal qunnamuuf jiraatan tahuun isaanii bekkamee jira.

Gara biraatiin kaanttiibaan yk Bulchaan Magaalaa Finfinne obbo Dirribaa Kumaa Hidha Laga Abbayyaatiif Ummanni Ethiopia Milyona 22 kan arjoman tahuu isaanii ibsee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …