Categories: Oduu Oromiyaa

Eebilaa fi Barattoota Oromoo!!!

Akkuma beekamu Ji’i Eebilaa waggaa darbe irraa kaasee uummata Oromoo biratti ji’a addaati.Ji’i kun Ji’a qabsoon uummata Oromoo Laafee ture itti Jabaate dha.Ji’i kun ji’a Barattoonni Oromoo Sagalee uummata Oromoo ta’uu isaanii caalmaatti Ji’a itti mirkaneessani dha.dhimma kana gadi fageenyaan Yoo waaqni Jedhe kitaaba koo yeroo muraasa booda isin qaqqabu irratti ibsuuf yaaleen jira achi irraa ni argattu ta’a.ammaaf garuu Waggaa darbe ji’a kana keessa Barattoota uummata Oromoof Sagalee ta’an isin yaadachiisuun fedha.

Si’a Jalqabaatiif Barattoonni yunversiitii Jimmaa Eebila 8-11tti “Gareen Ispoortii Oromiyaa Bahardaar keessatti akkamittiin akka Sareetti keessummeeffame?,Barulleen Maqaa uummata Oromoo Xureessu akkamittiin Mooraa Yunversiitii keenya keessa Seenuu danda’e?,Faayidaan Maaster Pilaanii Finfinnee uummata Oromoof qabu maali,…..jechuu dhaan akkasumas gaaffiwwan biroo sagal barreessanii Bulchiinsa yunversiitii Jimmaatti galfatan. Galagaltoo isaas Mootummaa naannoo Oromiyaatiif ergan.Gaaffii Erganii deebii kan dhaban barattoonni Yunversiitii Jimmaa,dhimma kana irratti Hiriira nagaa ba’uuf qaama dhimmi ilaallatu gaafatan.haa ta’u malee Hiriira nagaa ba’uuf akka jedhan kan dhaga’e Mootummaan Xoobbiyaa Waraana isaa barattootatti erguuf sa’a tokko illee itti hin fudhanne.

Gochaa Mootummaatti kan baayyee Gaddan barattoonni Oromoo Yunversiitii Jimmaa duula barnoota dhaabuu jalqaban.Mootummaanis akkuma amala isaa Barattoota kanneen Hidhuu fi reebuu jalqabe.gochaan Mootummaan barattoota Oromoo yunversiitii Jimmaa gochaa jiru Barattoota Yunversiitii Haramaayaa fi Amboo gurra bu’e.Waa’een Maaster Pilaanii Finfinnees miidiyaa dhaan Hafarfamuu itti Fufe.

Eebila 25 waggaa borii dhimma kana irratti Barattoonni Yunversiitii Haramaayaa fi Amboo Hiriira guddaa godhan.Sababa kanaanis Yunversiitii Haramaayaa irraa barattoonni Lama Gochaa Suukanneessaa Mootummaan dalageen Lubbuun isaanii uummata Oromoof aarsaa taate.

Dubbiin gara dhabde,Mootummaan Wayyaanee Hirriba dhabde,Barattoonni Oromoo Kallattii hundaan Fincila Jalqabde.Eebila 26,2014 barattoonni Yunversiitii Wallaggaa fi Baalee Roobee “Eenyutu Ajjeefamee,Eenyutu Hidhamee,Eenyutu Nagaan Barata?” jechuu dhaan Finfila guddaa taasisan.Poolisoonni naannoo Oromiyaa Barattoota kanneen irratti harka isaanii diriirsuuf garaan hin dandeenye Moggaa qabatanii Harka dha’an.

Yeroo kanatti Mootummaan Wayyaanee waan qabatuuf waan gadhiisu wallaale.Saroota gaafa Rakkinaaf jedhee Leenjii addaatiin Leenjifate Kanneen “Agazii” jedhaman Federaala waliin hiikee Barattoota Oromoo irratti gadhiise.Eebila 26,Barattoonni Yunversiitii Wallaggaa haala nama ajaayibsiisuu fi nama boonsuun mooraa barnootaa gadhiisanii Mootummaa Wayyaanee irratti Mormii dhageessisaa Stoodiyoomii Wallaaggaatti walitti qabamanii Reebamaa fi Hidhamaa akkasumas ajjeefamaa uummata Oromoof Dungoo ta’uu isaanii Mirkaneessan.Eebila 27,Barattoonni Oromoo Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Kallattii hundaan barnoota hacuucamaa Baratan dhaabdee qalamaa fi Dabtara qofaan qabsootti bobbaate.ni tumamte,ni hidhamte ni ajjeefamte!!!

Eebilli 30’ni garuu guyyaa addaa turte.Roobni Halkan guutuu roobe Magaalaa Amboo ganama keessaa sa’a 2tti Dukkanaan uffisee jira.barattoonni Yunversiitii Amboo erga gaafa Eebila 25tii gara barnootaatti hin deebine.Eebila 30 si’aayinaan waan eegaa turan fakkaatu.Barattoonni Yunversiitii D/Daawaa ammoo bilbila Magaalaa Amboo irraa waan eegaa turan fakkaatu.Yunversiitii Lameen irraa Sa’a wal fakkaataa irratti Abiddi guddaan ni qabate.

Battalumatti Sodaachisuu dhaaf humni Waraanaa Agaazii Barataa kutaa 9ffaa Mangistuu jedhamu Magaalaa Amboo daandii gubbaatti rasaasaan ajjeefte.Leenci Leencummaa isaa dhokfatee Barattoota Oromoo dhiyeenyatti hordofaa ture Uummanni Magaalaa Amboo yeroo Mucaan kun ajjeefamutti guutummaan guutuutti yaa’ee Mormii isaa dhageessise.gubbaa irraa Hidhattoota Agaazii fi Federaalaaf kallattii dhaan uummata Magaalaa Amboo irratti dhukaasni akka banamu Ajajni Darbe.Dhiigni Dargaggoo Oromoo Daandii magaalaa Amboo irratti dhangala’e.Poolisiin Mootummaa naannoo Oromiyaa hidhattoota Agaazii fi Federaala irratti dhukaasa bante.dacheen Magaalaa Amboo ni dukkanoofte.Kaadiree fi Kaabineen mootummaa boolla of keessu dhabde.Dhiiga Ilmaan Oromootiin Guyyaa tokkoof magaalaan Amboo ni bilisoomte……..!!!

Haala kanaan Barattoonni Oromoo uummata Oromoof Sagalee ta’uu isaanii Mirkaneessan.erga yeroo sanaatii jalqabee anatu siif beekaan hir’achaa dhufe.Barattoonni Oromoos Sagalee guutuutiin “O-Pride” irratti “Oromo Person Of the Year” ta’uu dhaan Filataman.Mormii Kana irratti Barattoota 74 mirga uummata Oromoo kabachiisuuf aarsaa ta’an Gadda Guddaan yaadachaa Eebilli 30 akkuma Eebila 14 “Guyyaa Gootota Barattoota Oromoo” ta’uu dhaan osoo Yaadatamee kan jedhun yaada qaba!!

Kabajniif Ulfinni Luubbuu Mirga uummata Oromoo kabachiisuuf Aarsaa taate Hundaaf haa ta’u!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago