Categories: Oduu Oromiyaa

Eenyuuf jedheen Ani

Mee maalifaan booyyaa? Maaltu nati hanqannaan? Immimmaan Koo coophaa Halkanniif guyyaa! Maaluma naaf wayyaa? Anoo nan gubbadhee Maaf isiin galluu?
Iyyii onnee fi
Ifin gaannii keessaa, Waluma fakkaata.
Waccinni gabaa keessaa? Gungummii fakkaata, Waattuu nu raatteessaa Hallagaa nuqalluuf
Kaan haadduu qoophaa, Kaan Haaddaa qopheessee Lammii ittiin kiyyeessaa! Hardhaas numaan booyyaa Maalifaan hinboonyee?
Abdii biyyaaf jedhee Isa Ani eeggadhu tu
naduraa godhaan née! Yaadachuu yaadadhee Xiqqoo sasalfadhee,
Lammii qabachuu Koo Reefan hirranfadhee
Kuttu kana goona
Jechuu naan sooddaadhee! Warra nutti gallee
Harma haadha hodhee Haallagaa dhaaf looggee
Hirriyyaa “baallaggee” Qobsoo dha moo,
Qassoo?
Kan hin qoffa’amnee?
Qottoon Abbaa kiyyaa
Kan murruu hin dandeenyee? Guyyuma guyyaanii
Duutti nuccorrattii? Numaaf kana beeknnee
Gadheen nutti roorriftii! Miidhaan miidhaan nyaattu
Muujjaa mallee hin beeku, Sabakoo calftee
Tokkummaa dagattee? Kan sirraa dhatee
Hallagaatti silaattuuf
Fala maali naaf faltee?
Beektoon dhumtee, Abdaan gubbattee
Dheebbuun waxxalmtee Dukkanatti galtee Gabrummaa jibinsaaf
Gaddaddoo filtee, Kaanis biyyaa yaattee
Tokkummaa dhabsaaf Hedduun qoqqoodamtee? Qabsoo dhamoo?
Qabsoo Kan hin qosa’amnee? Bara baraan gaabbii
Gaddaam Kan dhageenyee Odduun gammachiissaan
Bara dhiba guuttuu,
Tokkaa hin dhaga’amnee.
Safuu millionaa! Eddaa kun lakkoofsa
Baayyee gaddissaa
Ani limmiin qabaa Nama jechisiisa? Heddumnii keenyaa maalin bu’aansaa? Meeqatam keenyatu hardhaan
Hadha waljaallataa? Yeroo gootinni du’uu
Gummaa isaa baassuuf Wajiin mir’ataa?

Moo! Akkuma kalleessaa Ixxoopiyaa faarsaa?
Kan nu gunnabsaan Saba xiqqeessaanii Ofiin murtessaannii? Chartera diigudhaan
Meesha gachissiisuu Kan nu daboomsannii, Mana dukkanatti
Warri nu darbaan
Ofi London seenun Odduu hafarsaannii Hirreen keenyas baddee Jiruu hidhaa taattee, Qabsoo haadhaa hortee!
Ani kannaafan boyyaa Jireenyi qabsa’aa Yennaa kana taattee Ifin ilmaan Oromoo
Ibsaa gaannii keessaan
Waluma fakkatte. Qabsoo dhamoo qassoo Kan hin qosa’amnee?
Ofi achi hin siqnee
Ijoollee qaqqaalii
Warra biyyaaf taattu meeqa gallaftee? Cabbee Kan okkolluu,
Goddanisa ta’ee
Madda’ee kulkuluu, Hardha meeqatami Jagni lunna ta’ee
Ta’ee Kan ullulluu? Ani kanaafan booyyaa Maalifaan hin boonyee? Lammiitu tokkommee
Walsaa hin dhageenye.
Gummaa goota baasuuf
Wal hin mar’anne. Uuuuu, jedheen hiyyaa
Tari dhaga’amaa?
wayyoo!
Tokkummaa ! Kan kee falli maalumaa?

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago