Oduu Haaraya
tesfahun camada

Eenyuuf jedheen Ani

Mee maalifaan booyyaa? Maaltu nati hanqannaan? Immimmaan Koo coophaa Halkanniif guyyaa! Maaluma naaf wayyaa? Anoo nan gubbadhee Maaf isiin galluu?
Iyyii onnee fi
Ifin gaannii keessaa, Waluma fakkaata.
Waccinni gabaa keessaa? Gungummii fakkaata, Waattuu nu raatteessaa Hallagaa nuqalluuf
Kaan haadduu qoophaa, Kaan Haaddaa qopheessee Lammii ittiin kiyyeessaa! Hardhaas numaan booyyaa Maalifaan hinboonyee?
Abdii biyyaaf jedhee Isa Ani eeggadhu tu
naduraa godhaan née! Yaadachuu yaadadhee Xiqqoo sasalfadhee,
Lammii qabachuu Koo Reefan hirranfadhee
Kuttu kana goona
Jechuu naan sooddaadhee! Warra nutti gallee
Harma haadha hodhee Haallagaa dhaaf looggee
Hirriyyaa “baallaggee” Qobsoo dha moo,
Qassoo?
Kan hin qoffa’amnee?
Qottoon Abbaa kiyyaa
Kan murruu hin dandeenyee? Guyyuma guyyaanii
Duutti nuccorrattii? Numaaf kana beeknnee
Gadheen nutti roorriftii! Miidhaan miidhaan nyaattu
Muujjaa mallee hin beeku, Sabakoo calftee
Tokkummaa dagattee? Kan sirraa dhatee
Hallagaatti silaattuuf
Fala maali naaf faltee?
Beektoon dhumtee, Abdaan gubbattee
Dheebbuun waxxalmtee Dukkanatti galtee Gabrummaa jibinsaaf
Gaddaddoo filtee, Kaanis biyyaa yaattee
Tokkummaa dhabsaaf Hedduun qoqqoodamtee? Qabsoo dhamoo?
Qabsoo Kan hin qosa’amnee? Bara baraan gaabbii
Gaddaam Kan dhageenyee Odduun gammachiissaan
Bara dhiba guuttuu,
Tokkaa hin dhaga’amnee.
Safuu millionaa! Eddaa kun lakkoofsa
Baayyee gaddissaa
Ani limmiin qabaa Nama jechisiisa? Heddumnii keenyaa maalin bu’aansaa? Meeqatam keenyatu hardhaan
Hadha waljaallataa? Yeroo gootinni du’uu
Gummaa isaa baassuuf Wajiin mir’ataa?

Moo! Akkuma kalleessaa Ixxoopiyaa faarsaa?
Kan nu gunnabsaan Saba xiqqeessaanii Ofiin murtessaannii? Chartera diigudhaan
Meesha gachissiisuu Kan nu daboomsannii, Mana dukkanatti
Warri nu darbaan
Ofi London seenun Odduu hafarsaannii Hirreen keenyas baddee Jiruu hidhaa taattee, Qabsoo haadhaa hortee!
Ani kannaafan boyyaa Jireenyi qabsa’aa Yennaa kana taattee Ifin ilmaan Oromoo
Ibsaa gaannii keessaan
Waluma fakkatte. Qabsoo dhamoo qassoo Kan hin qosa’amnee?
Ofi achi hin siqnee
Ijoollee qaqqaalii
Warra biyyaaf taattu meeqa gallaftee? Cabbee Kan okkolluu,
Goddanisa ta’ee
Madda’ee kulkuluu, Hardha meeqatami Jagni lunna ta’ee
Ta’ee Kan ullulluu? Ani kanaafan booyyaa Maalifaan hin boonyee? Lammiitu tokkommee
Walsaa hin dhageenye.
Gummaa goota baasuuf
Wal hin mar’anne. Uuuuu, jedheen hiyyaa
Tari dhaga’amaa?
wayyoo!
Tokkummaa ! Kan kee falli maalumaa?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. KEESSA GARAATTIN BOOYE!

    Imimmaanin cobse ilmoo dhiiraa cabeef

    yaadaanan godaane lubbuu qaalii darbeef

    Meeqan maqaa dhaha kanan boo’ee iyyeef

    Dhiigakoo lammiikoo kennaa godhee biyyeef

    Maaliifan hin boo’u gamtokkeekoo citeef

    lammiisaa oolchuudhaaf isa biyyoo lixeef

    Waayila qabsookoo isa duutni fixeef

    Yoom jibbe jireenya mana ho’aa buluu

    Isa yaade dhabus lubbuusaatiin turuu

    Ho’aa nyaatee unachuu

    Daaïma horachuu

    Milkoomuun hin jiru lammiin manaa ba’ee

    Waayillikoo jooree jiraatti raata’e

    Hoggayyuu boo’uunkoo anaaf kennaa ta’e

    Sossobeen dadhabe ofumakoo kana

    Kan waliin falmatus anuumaafi ana

    Maal taateyyuu hin jedhu nyaaphni ilmoon bofaa

    Siqsiqii boo’uukoo garaa qabee kolfa

    adawwiitti tolte guyyaan har’aa kuni

    Du’akoo ayyaanessu ilmaan majaa suni

    Silattuu hin deebisu goota qabsoo sana

    Borin abdii godha bada anaa kana

    Imimmaan haqadheen fuulduratti abbala

    Akkas jedheen boo’e waaqa na uumetti

    Du’a goota sanaa battalan argetti

    ”Uummata Oromoo

    Waliif ta’u qomoo

    Mee maaluma ta’a yoo walii galchite
    Caalaa tokkoomsite
    Diina irraa calaaftee
    Yoo barbadeessite
    Dheebuu bilisummaa nadha isa baafte
    Ana ilma Oromoos garaa na ciibsite!!!!”

    Tarii guyyaan dhufee

    Rakkoo mara lufee

    Jinnii marri kufee

    Hunduu seenaa ta’ee

    Du’aan lafaa ka’ee

    Seenaanis haara’ee

    Adawwiin hunduu ofii rarraata’ee

    Kaanee wal hammanna

    Adda wal dhunganna

    Baga ittiin si ga’e baga galte jenna

    Anaa dhufu jennee Booleetti wal simanna

    Kan darbee xiinxallee boriif wal abdanna

    Waan dabarsinefaa mudannoo himanna

    Madda walaabuutti irreecha buufannee

    Abbootaaf beektota waldura buufannee

    Seexaa fi tokkummaa sindhaara guuttannee

    Maal gochuu akka qabnu haalaan mari’annee

    Dachee oromiyaa mara waliin geenyee

    Odaa abbaa gadaa jalatti wal geenyee

    Hangafaaf quxisuun umuriidhaan teenyee

    Coomaaf booka buufnee aadaan wal eebbifnee

    Goleewwan oromiyaa bakka mara seennee

    Sirna gadaa keenya iddoo maraan geenyee

    Irraanfachuuf jirra gadadoo barootaa

    Roorroo bara dheeraa eelaa oromootaa

    —————————————————–

    Yaadannoon isaa Injiinar Tasfaahun Camadaa fi gootota Oromoo qabsootti caban maraaf haa ta’u!

    Sanyii Ittaanaa

    Hagayya 25, 2013

    Helsinki, Finland