Oduu Haaraya

Enginar Tasfahuun Camadaa mana Hidhaa keessatti ajjeefame; reeffa isaa argachuuf maatiin kadhachaa jira

Gareen Editorialii Ayyaantuu.com gadda guddaa ajjeechaa Enjiinar Tasfaahun Camadaatti itti dhagayame maatii isaa, hiriyoota isaa, hidhamtoota Oromoo, Sabboontota fi ummata Oromoo maraaf ibsuun lubbuu goota Oromoo Enjiinar Tasfaahun Camadaa harka mootummaa Tigreetti dabre kana lammiin isaa akka haaloo bahuuf shakkiin tokko hin jiru.

pic-010-new224 Hagayya 2013 (Oromedia) — Manni hidhaa Qaallittii fi Hospitaalli Minilik reeffa ilmaan Oromoo waggaa waggaan oomishuu isaanii itti fufanii jiru.

Oduun Finfinnee keessaa nu dhaqqabe akka hubachiisutti, mootummaan Wayyaanee hidhamaa harka isaa jiru ajjeessee hospitaala Minilikitti darbuun reeffa illee akka hin arganneef maatii mankaraarsaa jiran.

Akka oduun arganne ibsutti guyyaa har’aa Hospitaalli Miniliki  reeffa gooticha Oromoo, Enginara Tasfahuun Camadaa,  maatiitti dabarsee kennuu diduun imimmaan ilmaan Oromoo akka dachaa dachaan dhangala’u taasisee jira.

Yeroo ammaa kanatti illee Oromoon hedduun reeffa Tasfahuun fudhachuuf Hospitaal miniliik fuulduratti walgahan illee haga ammaatti reeffi hin kennamiifiin akka jiru beekamee jira.

Akka oduu nu dhaqqabe kanaatti Tasfahuun kan ajjeefame Jimaata darbe galgala yookaan halkan, 23/08/2013, yoo ta’u, ganama isaa reeffi isaa gara Hospitaala Minilikitti darbame.

MaatiinTasfahuun garuu Roobii darbe,  21/08/2013 dhaqanii ijaan arganii jiran. Yeroo sanatti wal’aansa dhabee rakkachaa akka jiru ibsatee akka ture kan ibsan firoottan isaa, haalli yeroo sanaa garuu kan du’aaf isa ga’u akka hin turre shakkii tokko malee dubbatu.

Kana duras wal’aansa dhabee akka iyyachaa ture kan yaadachiisan kanneen Tasfahuun fa’aa waliin mana hidhaa keessa turan akka ibsanitti,   Tasfahuun wagga lamaaf nama irraa adda bahee qobaatti hidhamuun hiraarfamaa akka ture dabalanii addeessanii jiru. Yeroo sanattis mana murtiitti otuu hin hafiin iyyatee deebii kan kennuuf dhabamuu isaa  illee hiroyyooti isaa ragaa bahu.

Haata’uutii, Sambata kaleessaa obboleettiin isaa yeroo isa gaafachuuf Qaallittii deemtetti, guyyaa guutuu otuu itti hin himiin erga achi ishii oolchanii booda ‘hospitaala deemee jira, achi dhaqii gaafadhu,’ akka ittiin jedhan namooti ijaan argan nuuf ibsanii jiru.

Yeroo odeeffannoo kana walitti qindeessaa jirru keessatti ergaan karaa marsaa walqunnamtii nu dhaaqqabe akka ibsutti, Oromoon yeroo lubbuun jirus yeroo du’us gidiraa walfakkaataan akka irra gahu kan ibsuu dha.

“Nama jiraatti dhabne, du’aa isaa ill argachuuf hin milkoofne,” kan jedhe, namni maqaa isaa ibsachuu hin feene tokko, “reeffa nama keenyaa argachuufis qabalee irraa hayyama argachuun dirqama nutti ta’ee jira,” jechuun gidiraan ilmaan Oromoo irra gahaa jiru saaxilee jira.

Tasfahuun Camadaa fi Masfin Abbabaa bara 2007 biyya Keenyaa keessaa qabamanii gara Itoophiyaatti erga geeffamanii booda hidhaa fi hiraarsaa olaanaa keessa turuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Hiraarsaa bara dheeraa booda bara 2008 himannaan sobaa itti banameen murtiin hidhaa umurii guutuu itti darbee akka jiru illee kan beekamuu dha.

Tasfahuun erga murtiin umurii guutii irratti darbee boodas akka maatii isaa waliin wal hin argine, akka wal’aansa fayyaa hin arganne, akka qobaatti hidhamu godhamee akka ture kanneen itti dhiyeenyaan dhimma isaa hordofan nuuf ibsanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee kanaan duras bara 2005 fi bara 2006 keessa barattoota Oromoo kan akka Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphasaa  fi sabboontota Oromoo hedduu mana hidhaa keessatti ajjeessuun yakka olaanaa Oromoota irratti raawwachuun kan beekamuudha.

Oromedia

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

3 comments

  1. Namuma keenna kan yeroo gara yerotti ajjeefamuu laakka’a jiraanna moo kan kana booda ajjeefamu hanbisuuf tataafanna?

  2. Ani waanti jedhu na harkaa badee jira,ana kan naaf galuu dide tokko yoo jiraate ummatni keenya ummatni Oromoo kun humna dhabnee moo,gootummaa dhabneemoo, beekaa/ hayyuu dhabnee moo,sila nuti ulaagaa namummaa hin guutnu? Kan biraa ammoo,lubbuu namaa lubbuu beeyladaatii miti,kabajaa qaba, garuu lubbuun ilmaan oromootaa hanga lubbuu beeyladaatittuu namni lakkaa’u hin jiru.Kabajamtoota obboleeyyan kiyyaa ani akka nama tokkootti,du’a Injenerichaa kanatti,gadda guddaatu natti dhagahama, akkasumas, maatii, firoottan fi ummata Oromoo hunaaf jajjabina, waaqayyo akka isiniif kennu isiiniin jedha.Gaafii tokko isin gaafadheetan yaada kiyya gabaabsa,namni du’e kun harka diinaatti du’e,namni du’e kun osoo saba ‘OROMOO’ ta’uu baatee saba Amhaaraa ta’ee ummatni kun akka ummata keenyaa kana gaddee/booye qofa waan caljedhu isinitti ni fakkaataa? Akkuma beekamu kan habashootaa gaazexeessaan tokkoo fi lama kan akka Iskindir fa’a hidhamnaan maaltu ta’amaa akka jiru ni dhageessanis ni agartanis kan keenya hoo kan ajjeefame dhala namaatii mitii,……………? MAALIIF CAL JETTAN UMMATA………..?

  3. World lost a great person! Tesfahun was a visionary ,assertive ,bold and passionate oromo.we lost him,oromia lost him .It is painful and hurting .It is unfair and a deplorable act!may wake help him to rest in peace!may wake give strength to his parents!shigdo