Oduu Haaraya

(I.F.L.O) Shoorakeessuuf yeroon isaa dhumee jira.

Waan hin barreeyfamin Dubbisanii sodaa hin jirre Uumuudhaan Mooraa Qabsoo A.I.B.O

  (I.F.L.O) Shoorakeessuuf yeroon isaa dhumee jira.

Ibsa Koree Dandamachiiftuu Dhaaba A.I.B.O irra kenname.

   Kan beeku haa yaadatuu, kan hin beeyne haa baratuu, A.I.B.O/IFLOn Farra Ayyaan-Laallattootaa, Abdii sabbontotaa, Qajeelchaa Daandii Walabummaa Oromiyaati.!!!

      Eargaan Kun lammiilee  Oromiyaa kan walabummaa  Oromiyaa  hawwaniifii  qabsaawota AIBO/IFLOf  dhaamsa ergaa  gammachuu, afeerraa walgahii hatattamaati. Kabajamtoota hoggantootaa fii miseensota akkasuma Deeggartoota AIBO marti bakka jirttanitti afeerraan keenya kan jaallummaa isin haa gayu.

    Akkuma beekkamu baroota torbaatamoota keessa ABO ykn WBOn dirree bahaa irratti hoogganummaa Sooreysa J/Jaarraa Abbaa Gadaatiin hundeeyfamee ture. Yeroonkun yeroo qabsoon bilisummaa sabootaa gara bahaa, kibba bahaa fi Kaaba itiyoophiyaatti jalqabameedha. Haalli Uumame kun jireenya impeyera itiyoophiyaa  sodaa hamaa jala  buusee  ture. Kanaafiis sabbontonni itiyoophiyaa tooftaa lama lafa kaayanii turan. kuniis 1, Aangoo tabaroo siyaasa afaan qawweetiin dhunfatanii itiyoophiyaa fi itiyoophiyummaa tiiksuudha. 2, Sochii dhaabota bilisummaa Uummataatiif ijaaraman keessa leellestoota itiyoophiyaa galchuudhaan qabsoo bilisummaa sabootaa diiganii  galuun  habashoota biratti  badhaafamuf  turan.Mooraa qabsoo bilisummaa  diiguun  yoo dadhabame achuma turanii mooraa qabsoo waliin dhahuun  qabsoo qancarsuurratti bobbaafaman. Bobbaan kun osoo hin dhibaawin mooraa QBO keessa seenee dhaaba ABO raasuu jalqabe. Yeroo sanitti ergaan kun nama hundaaf ifa hin turre. Sooreysi keenya J/Jaarraa Abbaa Gadaa ergaa murna kanaa sirritti waan hubateef dhaaba keenya AIBO hundeeysuuf murteeffate. Hundeeffamni AIBO\IFLO yaada ergamtoota itiyoophiyaa yeroo saniif harkatti fashaleessee ture. Ifumaafuu maqaa oromoo fii oromiyaatiin bakkuma jiran akka turan taasise. Osoo AIBO\IFLOn hundaa’uu dhabee Leellistoota itiyoophiyaa kan oromummaa fi oromiyatti hin ammanne jidduu rakkoon tokko hin jiru  ture. Wanni dirree qabsoorra akka turan isaan godhulleen hin jiru ture.Injifannoon yeroo  Jijjiiramaan booda argaman  kan akka argama kaartaa  ykn (Map) Oromiyaa,  dagaaginni Adaa fii afaanii Kun hundi  hin argamu ture. Kanaaf hundeeffamni AIBO\IFLO mooraa QBO dhabamaarraa hambisuun  seenaa boonsaa galmeeyse.

    Ammaas taanaan AIBO\ IFLOn waardiyaa ykn Tikha Q.W.Oromiyaati, Luugama hogganootaa kan  dhaabbiilee  Q.W.Oromiyaati, AIBO\IFLOn baduu jechuun ayyaan laallattootaaf carraa guddaadha. Oolee bulee Q.W.Oromiyaa  bakka jirutti akka dhadhaatti baqee baduu jechuudha. Haa tahuu malee baroottan dabran kanatti hanqina hubanno irraa kan ka’e waan alagaan hin dubbatin dubbatanii  mooraa AIBO  diiguuf ulee soda baay’isaa turan. Garuu AIBO\IFLO akka isaan yaadan sana osoo hintaane  dhaaba walabaa kan shoorarkaa baraa kanaan duratti rakkina Ummata Oromiyaatiif qabsaawuu jalqabe dhaaba seeraati.

     Kanaaf ragaan ummata keenya.Kan biraa  bara 1991 yeroo  chaartaraa  keessatti jidduu keenya kan turan murni jiimii kartar ykn (cater center)  fii seera  Mootummaa abbaa irree  wayyaanee  maqaa dhahuun gahaadha. Hundeeffama agoobara ULFO\THBO keeysatti AIBO\IFLOn barcuma miseensummaa heeraa fi seeraan isaaf kenname qaba. Ammaas taanaan miseensummaa dhaaba ULFO\THBO keessatti qabu dhunfatee qabsoo isaa itti fufa. Haala shoorakaa baraa ilaalchisee AIBO\IFLOn akkuma idil addunyaatti cimsee balaaleyfachuun alatti sababni AIBO\IFLOn jeeqamuuf tokkolleen hin jiraatu.

      Ammaan booda amala diiggaa  kan jijjiirraa maqaa AIBO\IFLO fakkeeysanii dandurree ykn daariqa (Virus) dhaaba keenyaan balleeysan yoomii fi Eeysattille eenyuufuu  hin hayyamnu. Warren haala kanaan dhaaba keenya AIBO\IFLO gara dhabamaatti Oofaa turan ammaas yaalaa jiru. Isaan kun haala kana hatattamaan dhaabanii gara marii walootti akka deeb’an yaamicha jaallummaa  isaaniif dabarsina.

     Marii kana milkeeysuufiis Koree Qindeeysituu Kora Qabsaawota AIBO\IFLO hundeeysinee ciminaan irratti hojjachaa jirra. Barbaachisummaa kora kanaatti kan amantan hundi yaadaas  tahee qeeqa qabdan akka nuuf gumaachitan kajaan isin afeerra. Yeroo fi bakka kora kanaa hubachuu kan barbaaddan toora odeeyfannoo kanaa gadiitiin nu qunnamuu kan dandeeysan tahuu ammumaan isin hubachiifna.

Dhiigni Mujaahidoota nubiraa wareegamanii ykn Murtii guutanii nuduraa haamul’atu, jechuhaaun dhaamsa keenya xumurra.

 

                Iznii Gooytaatiin Oromiyaan Ni Walaboomti. !!!

                Koree Qindeeysituu Kora Qabsaawota AIBO\IFLO.

               14 –Nov-2014

 

Odeeyfannoo dabalataaf

    E-mail:- iflo.aibo@gmail.com

                  gobeelle12@gmail.com

    Facebook: – iflo.aibo@gmail.com

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

5 comments

  1. Very funny!! You pritend that you are still alive and kicking.I thought you passed away long ago and buried with the Sorreysaa.Backwarded creatures.You never learn.

    • Qarcaasa,it’s you the dumb ass who will never learn and still want to succumb the Oromo nation in the darkness and conspiracies of the selfish habasha minded voltures like urself.barbaric!

  2. As.wr.wb,Jaalaawan akkam jiratu?Eeyyan Baga mul’attan bara dheeraa barbaacha keessan jooraa,jawwaraa turre.Gadheen laafina IFLO booda qabsoo keenyatti aggaammachuu jalqabde Sooressi keenya duunaan Etiyoophiyummaa nurratti xibaaraa jirti.Yaa IFLO baga mul’atte.Hanga walabummaatti isin waliin jirraa jabaadhaa.Gadaamessi Jaarraa fide Jaarraa tokko Danuu fidee jira.fidu. jidduu keenya jira, if keessa yaa barbaannu. yoom fiduu dide,Jara qabsoo hifateen Maqaa maqaa boqodhaa jedhaan.Garuu qabsoo keenya akka hin maqsine nuuf eegaa hadaraa Rabbii,Waaqni isin waliin haajiraatu.

  3. Yaa waara IFLO baga mul’attan wanni isin hojjattan laafaa miti.Hujiin guddaan amma isin dhaaba kana dirree dorgommii siyaasaa keessatti deebisuudha.Eeyyan IFLOn deebi’e jechuun gadaan qabsoo deebi’e jechuudha.

  4. I do not think that this is a starter. It is better if you rehabilitate FIDO. The religious name polarize people and make our people against each other rather than emphasizing on the main enemy. To be frank, the formation of IFLO was a great setback to our straggle contrary to what they right above. you guys, please grow up to the level of Oromummaa than adhering to principle of sectarianism.