Namoonni baay’een qorra kanaan bishaan dhuguu mitii hin yaadaniiyyu. Haa ta’u malee, waan baayyee dhabaa akka jiran beekuu qabu. Akkasumas, bishaan dhuguuf dirqama miirri dheebuu jiraachuu hin qabaatu. Faayidaan bishaan gahaa dhuguu akkuma jirutti ta’ee, yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin (sababni isaas, hancufni ganamaa amala farra baakteeriyaafi farra kulkulfannaa qaba) ganama ganama bishaan garaa duwwaatti burcuqqoo 2-3 (liitira 1) dhuguun immoo faayidaalee dabalataa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni:-*Dhukkuboota sirna hargansuu huban, fknf Biroonkaayitii, Asmii,fi kkf fa’aaf baayyee fayyaada.*Dhukkuba garaachaaf hedduu gargaara *Dhibee gaggabdoof ni gargaara.*Fayyummaa kalee keenyaaf baay’ee gargaara *Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraara. * Foolii afaanii fi qaamaa badaa ta’e ni hir’isa *Gogiinsa garaa fi dhibee Kintaarootii nurraa ittisa fi kkf fa’a. Asirratti erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamuu fi dhugamu biroo (bishaaniin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiiqaa 30 turuun gaariidha.
Pirezdaantii OSA: Wanti Jawaarirratti raawwatame shiraas, loogiis, yakkaas
At least 12 people die from hunger in drought ravaged Guji zone, says official; residents…
Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda
Umanni Oromoo garee waanyoo fii of tuultootaa jiddutti rakkachaa jira