Categories: Yaada

“Fardi Biraan nama gaha malee hin woraanu!” jedha Oromoon.

Oromoon Marsaa itti aanutti Tarkaanfachuu qaba. – DUBBISAA – #Share godhaa waliif dabarsaa
********************************************************
“Fardi Biraan nama gaha malee hin woraanu!” jedha Oromoon.
Dr.Abittiifi Dr.Kab.Lammaa Magarsaa hanga dhufanii tokkoo tokkoo keenya mana keenyaa nu barbaadanitti eeguu hin qabnu

Ilmaan Oromoo reef dhalanne, Lammaffaa dhalanne(Rebirth) dha Jireenyi amma eegalle kun. Imala jireenya koo keessatti Ilmaan Oromoo dandeettii gurguddaafi hojii kamiinuu hojjachuu danda’an heddu argeera, waajjira Federaalaa heddu keessatti hojiif dorgomeera, muraasa tajaajileera, heddu seeneera Garuu Ilma Oromoo kabajaadhaan dandeettii isaatiin ramadamee iddoo dandeettiin isaa madaalu taa’ee hojjate tokkollee hin beeku yoo warra Basaastuu ta’ee ergamee ykn Oromummaasaa dhokfatee maqaa Kiristaanaa qabaateefi Afaan Amaaraa qofa haasa’ee fakkaatee buleera ta’e malee, nama tokko akka fakkeenyaatti kaasu hin qabu.

Kana kan godhe: sirnicha, Dhiibbaa sirni Habashaa waggoota 140 ol nurratti hojjatameen, Jibbiinsa Gareen sirnichaa ummata keenya irraa qabaniin nucabsanii qabeenya keenyatti abbaa tahuuf hojjatametu gabrummaa jalatti nuhidhe, kaan ajjeesise, kaan rukuchiise, kaan hiisise kaan baqachiise kaan ofwallaalchise.
Hub: Oromoon ofwallaalee eenyummaansaa harkaa fudhatamee seenaa ofiidhabee jiru kan dhiyotti nutti dabalamuu hedu na amanaa hedduudha.

Sababoota muraasa asiin olitti tuuquuf yaale kanneeniin miidhaan Oromoo irra gahuu qofa osoo hin taane, HAYYUUN, BEEKAAN, PROFEESARRI, DOKTORRI, INJIINARRI, PAAYILEETIIN, BARSIISAAN, walumatti Qaamni barateefi hin barataminillee Ogummaasaatiin kabajamee hin beeku, Dandeettiisaatiin tajaajilee hin beeku, Mindaa Ogummaafi dandeettiisaa madaaluu argatee hin beeku, Keessattuu:
• Dhaabbilee Mindaa wayyaa kafalan, Waajjira Durgoo gaarii hojjataa kafalee jiruu hojjataa jijjiira jedhaman irraa ittifamneerra. Fkn: Ethiotelecom. Baankii Daldala Itoophiyaa, Daandii Xayyaara Itoophiyaa, Galiiwwaniifi kkf.
Ila; Hojjataa dargaggeessa fuuldura balbalaa kaayan(Fkn-Baankiin daldalaa ijoollee Oromoo maamiloota akka keessumessan fooddaa irra kaayan sana hin ilaalinaa) sun achitti maamila waliin bowwaafataa oolee galuu malee humna biraa hin qabu.
• Dhaabbilee Idil-Addunyaa kan Ofillee itti fayyadanii sabas itti tajaajiluu danda’an irraa ittifamneerra
Fkn: Google, Microsoft, ZTE, Huaewei, fi warshaalee adda addaa

• Imbaasota Biyyoota Addunyaa kan biyya keenya keessa jiran keessa namni keenya guutumatti hin jiru, Imbaasota Itoophiyaa Biyyooa Addunyaa adda addaa keessa jiran keessa ijoolleen oromoo hin jiran. Ofis Sabas fayyadauuf Oromoon carraa hin arganne.

• Oromoon Daldala Idil-Addunyaatti akka hin hirmaanne ittifamneerra, Kanaafuu Ikonomiidhaan eessa akka jirru tilmaamaakaa……

Kana qofaaree, himamee wayii dhumaa wantisaa? hin dhumu kanuma akka fakkeenyatti fudhannee Ilmaan Oromoo Sadarkaa itti aanutti ce’uu qabu yommuu jennu, maal jechuu barbaadeeti seetu: Ilmaan Oromoo Cimuu qabna, Ikoonoomii keenya zeeroo irra jiru kanarratti xiyyeeffannoo guddaa gochutu dirqama ta’a, Sabni Ikoonoomii ofharkaa hin qabne fuulduratti tarkaanfachuu hin danda’u waan ta’eef.
Kun akkamitti ta’a yoo jenne:
“Fardi Biraan nama gaha malee hin woraanu!” jedha Oromoon.
Dr.Abittiifi Dr.Kab.Lammaa Magarsaa hanga dhufanii tokkoo tokkoo keenya mana keenyaa nu barbaadanitti eeguu hin qabnu waan taheef. Tooftaaleen muraasni ani isin gorsu:

1) Atakaroo siyaasaa keessaa baanee Ogeessa haa taanu. Ogeessa ta’uuf muuxannoo addaa ykn dhaabbata barnoota olaanaa irraa eebbifamuu qofa miti, Ani ogummaa qabu koompitara irratti cimee hojjachuu, Akkasumas Qeerroon dargaggeessi tokko hojii Liistiroo(Kophee dhiquu) hojjata taanaan isuma cimsee qabee abbaa biyyaa tahuusaa hubatee lafa dur-sodaataa irratti hojjachaa ture sana amma baldhifatee akka eenyuttiyyuu hojjatee jiraachuuf maatiisaa jiraachisuu akka danda’u hubachuun cimuu.

2) Mootummaan atakaroo siyaasaa qofa waliin Fiiguu dhiisee, hanqinoota asii olitti eeramuuf yaalameefi kanneen biroo yeroo haaromsaa kanatti xiyyeeffannoo kennuudhaan hojii guddaa hojjachutu irraa eegama.
Mootummaan wanti hubachuu qabu: Waajiroota Haarommsi hin gahin dhiisaa haarome kan jedhamaa jiruyyuu iddoma duraa jira. Fkn: Ethiotelecom Haaromsi godhamaa jira jedhamee bulchiinsi jijjiiramee ture, Haatahuu malee Bulchiinsi haaromfame jedhame sun Cimdaa(Network) duraan dure kanuma Habashaa olbaase waan taheef jijjiiramni wayiituu hin godhamne nama jechisiisa.
Waan nama saalfachiisu hiriyyootni koo waggaa 5 hardhaa ani waliin qacarame hanga ammaa guddina tokko osoo hin argatin iddoma gaafa itti qacaramnee jiru, Sabni biraa(Amaraafi Tigree)n garuu yoo xiqqaate yeroo lama/sadi guddataniiru.

3) Ilmaan Oromoo kamuu atakaroo dhaabbilee siyaasaatiinis tahee Amantiin walqabatu kamuu keessa bahuufi Ulaagaa tokkittiifi ishee Furmaataa Oromummaa(Dhiigomaan)dhaan yaaduu eegaluu qabna.
Wanti nuti beekuu qabnu – Paartii Siyaasaa ykn Amantii kan jaalannee harka dhoofnee kan hin jaalatin dhiisuu dandeenya ykn Paartii tokkicha ykn kamiiniyyuu haa ta’u diiganii haaraa dhaabuun ni danda’ama, OROMUMMAA garuu ofirraa haquunis, jijjiirachuunis, ta’ee ofirraa dhiquunis hin danda’amu. Paartii siyaasaammoo kan kaayoo fi muldhata Oromoofi Oromiyaa ceesisu, sanuu Dhaaba Siyaasatu hiruu Oromoofi Oromiyaa murteessa osoo hin taane Ummatatu kaardiidhaan Paartii ykn Jaarmayaa itti amane ofitti affeera, kaan immoo nurraa dhaabbadhu jedhaan.
Paartileenis/Jaarmayaanis dhugaa kana baruu qabu.

4) Ilmaan Oromoo hojii barbaadan ammoo gahumsa ofiitti fayyadamuun waajjira federaalaa kan gitni hojii itti bahu hunda jala bu’uun dorgomuun dirqama amma silaa eenyummaa keenyaaf dorgommii keessaa hin baafamnu waan ta’eef.

5) Ilmaan Oromoo iddoo jiran hundaa waan hojjachuu danda’anitti bobbayuun dirqama, Sababnisaa yeroo ammaa kanatti qaamni hin hojjatin nuun jedhu hin jirukaa.

#Walumaagalatti, Oromoon yeroo ammaa waan heddu ofharkaa qaba. Isaan keessaa: Aangoo, Hamilee, Gammachuu, Ilmaan isaa(Kan baqates deebi’eefii jira), Qabeenya guddaa Oromiyaa jiituu…fikkf. Carraa kana hundatti Fayyadamuun dirqama.
Carraa kana seeraan itti fayyadamnaan Gaarri nuti diiguu hin dandeenye hin jiru, Rakkoon nuti furuu hin dandeenye abadan hin jiraatu, Hiyyummaa sabakeenyatti fe’amaa turte hiddaan buqqisuuf mamii tokkollee hin jiraatu.
Kanaaf Ogeessa taanee saba keenya ceesisuuf dirqama Oromummaa fudhachuun ofirraa eegala.

Obboleessa keessan Abdisa Bencha Jara
Ammajii 2018

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago