Categories: Yaada

Finfinnee Osoo Hin Tahin Maqaleen Kan Enyyuti?

TPLF angoo, maallaqa, biyya fi waraan ittisa biyaa harka isii osso jiruu dargageesaa fi shamaran Orommoo harka duwaa dhaan mormanin mohamtee.  Kana ragaa kan tahu TPLF filmaata democracy dhann gaggeessameen 100% filmaata mohee jattee osso hin turin labsi hatatamaa (state of emergency) labsu dhaan biya waraanan akka bulchaa jirtu addunyaan beeku dha.  Injifanoon dhigaa fi lubbu daa’iman fi hawwaan Oromoon arkaame akka laafaatti kan of booda hin deebinee tahu isaa TPLF kan bartee yaroo isiin labsi hatatamaa kan baati jahaaf labsitee dheerafachu waan dirqamteefi. Angoon, maallaqni fi biyyaa humna waraanaan bulchun akka muranoo Orommootaa if booda hin deebsnee kan bartee TPLF tarsimoo mofaa kan bilchinsoota duraaniraa barateen Oromootaa fi Oromia waraan Liyu Policin itti bantee.  Kunis hin tahu janaan amma tarsimoo harayaan dhiheenya kana as baatee – Faa’idaa Oromian Finfineeraa Arkachu.

 

TPLF akkamitti Orommodhaaf faa’idaa Orommoon Finfineeratti qabu murteesufi dandeesee? Kana deebisuf seenaa walfakaatu haa laalu. Baraa 1700s keessa waraan gugguudootu Franch fi British jidutti lafa Kaaba Americaa keesa turee. Lafti biyoottan Europaa lama haalaalaraa dhufanni iratti waloolan lafa Hindi America (Native Americans) noottati. Lafa Hindi ratti kan walalan biyoottan lameen qoofa osso hin tahin biyoottan akka Spain fi Netherland ykn Dutch keesa jiran. France waan humna Englandin mohamteef bara 1763 France fi England waltahinsa Treaty of Paris ja’aamu malateesu dhaan akka France lafa Hindi kan harka isii jiru heddu Englandif kanitu tahee.

 

Maaltu dura France lafa Hindi fudhachu dandeesisee? Maaltu akka deebittee gadhiistu taasiseen? France irree waraanaan dachi Hindi fudhatee booda moo England irree waraanan dachi san France raa fudhatee.  Kanaafu Finfineen kan enyutii yoo kan janee wal gaafanu tahee debiin isaa….

 

Maqaleen ykn Bahardar kan enyuti maaf hin ja’aamnee? Sababaan TPLF fi warri Finfineen akka Addis Ababa taatee haftuf mormaa jiran akkuma France fi England dachi tenyya ratti faraqaa dhaa waan bulchaa jiranif mirga kanuff dhorkachu kan qaban itti fakaata. Isaan itti haa fakaatu malee Orommoon akka keenaa TPLF bu’aa addaa jatee nuf kanituun hin gamadnee fi akka mormin waroottan kana mormaa jiran nuun yaachisnee hujidhaa isaan garsisun yaroon fi dirqamni Oromootaa hunda ammaa. Kuniis kan tahu dandayu yaada (imaamata) keenya, ija keenya, dandeetti fi humna keenya yoo karaa qabsoo TPLF angooraa kufisu ratti deebisnee qofa. Yoo huji dhaan irree horachuu dandeeny qoofa dha. Irreen nubarbaachisu kan amma TPLF angooraa ittin buqifnu qoof osso hin tahin kaan mirgaa dhigaa fi lubbu Oromootaan arkamee fula dura ittin tikfachu dandeenyun tahu qaba.  Irreen kun irraa waraanaa qoofa – aa’daan waraanaan iffi fi qabenya iffi kabachusun kan addunyaara wagaa dheeraa turee, ammalee jiru fi fulduraafilee jiraach taa’uu dha.   

 

TPLF oloola bu’aa Finfineef kanamee jachun yaada Oromoota fafacaasuf fi eegalli kufinsa isii digaa fi lubbu Oromootaan arkkamee bakka dhoorkuf maalaqa heddun namootaan heedu Facebook fi Tweetin boobbaaftee hoojjachaa jirti. Oromootni hundumaa – keesaafu kan diaspora – tersimoo isii kana baru dhaan osoo hin gamadin ykn osoo warroota kanaan mormanin hin gaddin irree Oromoo akka ittin jabeesachu dandayuu wal marihachun waan lamaaf barbaachisaa dha. Tokkofaa, yoo Oromoon dhara TPLF beekaa facaastee kana jalaa calisudhaan (ignoring) irree keenyaa cimsuratti hojjanee maalaqni isiin baastee fi hoojjatooni isii walin kasaaran jachu dha. Lemafaa, kana taasisun akka sadarkaa Oromoon siyaasaa ittin hubatu fi gageesu kan duraanira chaalu waroottan lameen lafa keenyaratti murteesa garsisa.  Sedafaa, TPLF akkuma barteetti tersimoo biroo baasachuf dirqamtii. Kun imoo akka issit dhagayamu ykn hifanaa (frustration) itti fida.

 

Kana waan taheef Oromoon hundumtu kan dhimmi saba kiyaa nayaachisa ja’uu yaroo amman tanaa filmaata lama qaba. Tersimoo TPLF faana bu’uun isii walin dhimma Finfinee hafarsuu fi hafarsiisu ykn tersimoo isii hubatani dhimma Finfinee hasawu fi qooda iraa fudhachu baachun akka tarsimoon isii kufu tolchu dha.  Waan Oromoon hundumtuu beeku qabu Kan Nu Gamachiisu fi Kan Nu Yaachisu Irree Waaraan Offi Qabaachu ykn Dhabu Qoof!! Yoo akka isaanitti nutis irree waraanaa qabaanee gaafin Finfinee Osoo Hin Tahin Maqaleen Kan Enyuti?

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago